Publicidade

Jó 41

1 «Ati bineensa naacha fakkaatu,

ka ‹Lewaataan› jedhamu malxaqqo'oon qabuu,

yookiin arraba isaa

wodaro'oon hidhuu hin dandeettaa ree?

2 Wodaroo funnaan isaa keessa baasuu,

yookiin a'oo isaa malxaqqo'oon woraanuu

hin dandeettaa ree?

3 Inni akka ati isaaf marartu si hin kadhatta ree?

Dubbii laattuulle'een sitti hin dubbataa ree?

4 Haga bara baraa akka ati garba isa godhattuuf,

wolii galtee si woliin hin godhataa ree?

5 Akka sinbirree mana barattee

isa woliin taphatuu hin dandeettaa ree?

Yookiin tapha ijoollee durraa teetiitiif

isa hin hiitaa ree?

6 Daldaltooti qurxummi'ii gatii isaa irratti

wol hin falmanii ree?

Kukkutaneelle hin qoodatanii ree?

7 Gogaa isaa ebo'oon,

mataa isaalle marcaa qurxummi'iitiin

uriisa hin dandeettaa ree?

8 Harka keetiin yoo isa tuxxe,

lola san hin qaabatta;

ijjumaalle itti hin deebitu.

9 Bineensa san lolanee injifatiisaaf wodhaaniis

toluma elowiisa;

nami isa dhaggu sheephisee jiga.

10 Isa kakkaasiisaaf ka itti guulu eega hin jirre teete,

eentu na dura dhaabbatiisa dande'a ree?

11 Wonni ol-gubba'aan jala jirtu marti tiyya;

akka ani isaaf deebisee kaffalu

waan tokkolle ka anaa kenneeru hin jiru.

12 «Ani marroo harkaa fi miila,

yookiin jabeenna,

yookiin miidhaginna

dhaaba nafa bineensa naacha fakkaatu,

ka ‹Lewaataan› jedhamuu

dubbadhu malee hin cadhisu.

13 Gogaa nafa isaa ka dachaa te'e,

eentu isa irraa quncisuu dande'a?

Eentu bixaalaan isatti dhikaatuu dande'a?

14 Balbala afaan isaa ka ilkaan sodaachisu itti naannowe,

eentu banuu dande'a?

15 Inni dudda jabaa

akka wontee tarree galtee wolitti maxxanfantee qaba.

16 Tokko tokkoon wontee sanii

wol wolitti guddoo waan dhikaataneeranuuf

qilleensi wodhakkaa isaanii dabaruu hin dande'u.

17 Isaan wol wolitti waan maxxananeeranuuf,

wol irraa gargar bayuu hin dande'anu.

18 Yennaa inni haxxifatu ifi hin balaqqisa;

ilti isaa akka boruu dayya'uu ti.

19 Afaan isaa keessaa bobe'a ibiddaatitti baya;

qaanqeen ibiddaalle afaan isaa keessaa xoxxi.

20 Akkuma aarri okkotee ibidda o'aa irra jirtu keessaa aaru,

aarri funnaan isaa keessaa baya.

21 Hafuurri isaa cilee qassiisa;

bobeenni ibiddaalle afaan isaa keessaa baya.

22 Jabeenni lumma isaa keessa jira;

ka isaan wolde'u marti hin bararaqa.

23 Dachaan foon isaa wolitti maxxaneera;

dachaan foon isaa jaba'a; hin tacho'ulle'e.

24 Gadhaan isaa akka dhaka'aa jaba'a;

akka daaku'uulle jaba'a.

25 Yennaa inni ka'u

worri hunnaameyyiin hin bararaqa;

yennaa inni tacho'ulle gara duubaa deebi'an.

26 Shallaagaan, eboon, guube'ee fi

mey woraanaa dhibiille

isa hin miidhanu.

27 Inni sibiila akka huuraa,

sageettuu akka muka hurroyee bulleessa.

28 Daayi isa hin ari'u;

dhakaan looyya'aa isaaf akka hicaace'ee ti.

29 Ciiraan isaaf akka hicaace'ee ti;

yennaa nami marcaa isatti darbatu hin kolla.

30 Gogaan gadhaa isaa jalaa

akka bassoo qara qadduu,

yennaa inni mirmiqu

dhoqqee irratti beessisa godha.

31 Inni qilee abbaaya'aa, akka keloo danfituu,

abbaayaalle akka keloo zayiti'ii hin burqisiisa.

32 Inni karaa irra dabare akka ifu hin godha;

abbaayaalle hin hoomachessa.

33 Biyya lafaa irra

dadi woy hin sodaanne

ta akka isaa hin jirtu.

34 Inni bineensota gugurdaa maraayyuu hin tuffata;

inni bineensota gugurdaa mara irratti mooti'i» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-