Publicidade

Jó 30

1 «Amma ammoo worri gannaan anaa gadii natti murga;

ani abbootii isaanii saree tika hoolee tiyyaa eeddu woliinuu

akka hin teenneef ta tuffadheeru.

2 Hunni isaanii waan dhumatteertuuf

maan naa bayan?

3 Dhabaa fi beela irraa ta kaate

goomolee nami keessa hin leene

lafa godduu keessa halkaniin daaqane.

4 Isaan baala goomole'ee ka kuraawu guuratane;

hidda muka hadhowuulle nyaatane.

5 Isaan kolbaa keessaa ari'amane;

akkuma hattu'utti iyyanu namooti isaanitti iyyane.

6 Goda bowwaa keessaa

rassaa oddu'uu fi boolla lafa jalaa keessa

le'iis dirqama itti teete.

7 Isaan odduu tuse'eetii akka harre'ee baroodane;

badda jalalle'etti wolitti qabamane.

8 Isaan worra bu'aa hin qanne, ka maqaa badee

lafa irraa ari'ame.

9 «Isaan sirbaan natti murgan;

odduu isaaniitille'etti ka mammaassaa te'eera.

10 Isaan na jibbanee na irraa fagaatan;

itti qaanii malee fuula kiyyatti tufan.

11 Waaqi hunna tiyya laaffisee

waan gad na qabeef,

akka farda bixaalli irraa bu'ee

waan fedhane na godhane.

12 Gara midda kiyyaatiin worri nama jeequ ka'e;

isaan miila kiyyaaf tiyyoo afanee

badii naaf qopheessane.

13 Isaan karaa natti cufanee

na balleessiisa barbaadan;

nami na qarqaarulle hin jiru.

14 Isaan akka lola'aa dalleya kiyya uranee seenane;

waan mara caccassaa natti dhufane.

15 Ani guddoo sodaadheera;

ulfinni kiyya akka waan qilleensi fudhateetitti

na irraa haxowameera;

fayyinni kiyya akka duumensaa dabareera.

16 «Amma lubbuun tiyya na keessaa bayaarti;

guyyooti farraalle na qabataneeran.

17 Halkan lafeen tiyya na bocci;

dhukkubiin na boccu foora naa hin kennitu.

18 Waaqi hunna ifii guddo'oon

woyaa tiyya shuntuurachiiseera;

akka woyaa morma dhipho'oo na hudheera.

19 Waaqi dhoqqee keessatti na gate;

anille akka buku'uutii fi daadha'a te'e.

20 «Ee Waaqa, ani si waammadhe,

ati ammoo naaf hin deebinne.

Ani dhaabbadhee gara keeti daadimadhe;

ati ammoo cadhittee na ilaalte.

21 Ati gadhaa natti jabaattee

hunna teeti guddo'oon na miite.

22 Ati ol na fuutee qilleensa irra teessitte;

bubbee keessa asii fi achi na hafarsite.

23 Gara du'aa

addee worri jiru duudiin du'ee itti galutti

akka ati na geessitu ani hin beeka.

24 «Ani akka mana jigee ti;

eentu deebisee na ijaara ree?

Adoo ani ijjumaa jigee hin badin

Waaqi deebisee na hin ijaaruu ree?

25 Ani worra rakkateef hin boonnee ree?

Worra hiyyeeyyi'iifille hin gaddinee ree?

26 Yennaa ani waan dansaa barbaadu

wonni hantuun natti dhutte.

Yennaa ani ifa eegadhulle

dukkanti natti dhutte.

27 Keessi kiyya raafamee nageya dhabe;

guyyuma guyya'aan rakkadhe.

28 Nafi adu'uun adoo hin te'in

gaddaan gurraachowee deema;

yaa'ii keessatti dhaabbadhee

qarqaarsaaf iyya.

29 Ani namaan adda bayee jeedalaaf obboleessa

guchi'iif jaala te'eera.

30 Gogaan nafa kiyyaa gurraachowee solloqqoye;

lafeen tiyyalle o'aan gubatte.

31 Kiraarri kiyya guddichi bowaaf

suusulleen tiyyalle worwaanataaf teete.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-