Publicidade

Jó 9

Iyoob

1 Achiin duuba Iyoob deebisee,

2 «Dhuguma tun dhugaa

akka teete hin beeka.

Ammoo nami attam Waaqa duratti

balchaa te'uu dande'a ree?

3 Nami tokko Waaqaan falmuu

yoo barbaade,

gaaffii kuma keessaa takkattiille

deebisee hin dande'u.

4 Waaqi qaro'o; hunnaamessalle'e;

ka isa moromee,

hin injifatamin eennuu?

5 Inni dedhuma gaara tatachoosee,

aarii ifiitiin isaan hin balleessa.

6 Waaqi lafa addee isi'ii irraa hin tachoosa;

utuboota lafaalle hin raasa.

7 Inni aduun akka hin baane hin ajaja;

urjootille ifa akka hin kennine hin dhoogga.

8 Inni qofuu ol-gubbaa diriirse;

danbalii bisaanii irralle hin ideema.

9 Tuuta urjootaa ka bineensa, ‹Doobbaa› jedhamu fakkaatu,

tuuta urjootaa ka, ‹Sadee› jedhamu,

tuuta urjootaa ka, ‹Torbii› jedhamuu fi

tuuta urjoota gara kibbaalle isatti dade.

10 Waan maade'ee ta qorqoranee bira hin geenne,

bilbaasota laakkonnee hin dhaqqanne hin godha.

11 Yennaa inni na biraan dabaru,

ani isa hin dhaggu;

yennaa inni cinaa tiyya ideemu,

ani isa hin hubadhu.

12 Yoo inni butee ideeme,

eentu isa dhoogga?

Eentu isaan, ‹Ati maan godhiisatti jirta?› jedha.

13 Waaqi mufii ifii duubatti hin deebisu;

worri bineensa guddaa abbaayaa keessaa

ka, ‹Rahaab› jedhamu qarqaaruuyyuu isaaf hin sagadan.

14 «Ani attam

deebii isaaf kennuu dande'a ree?

Ani isa woliin falmiisaaf,

attamiin jechoota filatuu dande'a ree?

15 Ani yakkaa qabaatuu yoo dhabelle,

abbaa mura'aa kiyya

akka naaf mararu gaafadha malee,

deebii isaaf kennuu hin dande'u.

16 Ani maqaa isaa waammadhee

inni naaf yoo deebiselle,

akka inni qoonqoo tiyya dhage'u hin dhugeeffadhu.

17 Inni bubbe'een na butucha;

sababa malee madaa natti baceessa.

18 Inni hadha'aan na guuta malee,

hafuura na hin fudhachiisu.

19 Marroo jabeennaa yoo teete,

inni jaba'a.

Marroo mura'aa yoo teete,

gara addee mura'aa san

ka isa waamuu dande'u eennu?

20 Ani yakkaa qabaatuu dhabulle

afaan kiyyaayyuu natti mura;

ani ka komii hin qanne te'ulle,

‹Daba'a› anaan jedha.

21 «Ani ka komii hin qanne te'ulle

marroo mataa kiyyaa hin beeku;

jiruu tiyyalle hin jibba.

22 Martinuu tokkuma;

tanaaf ani, ‹Waaqi worra komii hin qannee fi

worra hamaaleyyii hin balleessa› jedhe.

23 Yennaa balaan nama yakkaa hin qanne

dedhuma ijjeesu

Waaqi isatti hin qacifata.

24 Yennaa latti harka

worra hamaaleyyi'iititti kennantu,

Waaqi ila abbootii mura'aa

ta lafa sanii hin golla.

Isa yoo hin te'in,

tana ka godhe eennu ree?

25 «Barri kiyya nama rukkisu caalaa ariifata;

adoo waan dansaa hin dhagginuu dabara.

26 Akka hoboloo ariifattu'uu,

akka risaa waan nyaatu butatiisaaf irii gad xinniquu dabara.

27 Ani, ‹Gungunsuu tiyya hin dedha;

nyaara guuruu lakkisee,

hin seeqadha› yoo jedhe,

28 akka nama yakkaa hin qanneetitti

akka ati na hin ilaalle

waan beekuuf

farra tiyya duudii hin sodaadha.

29 Yakkaan eega natti murantu teete,

maaf toluma dadhaba ree?

30 Nafa kiyya saamunaan,

harka kiyya haraanja'aan

yoo dhiqadhelle,

31 ati boolla haraa itti gatanu keessatti

na gatta;

woyaan tiyyaayyuu na jibbiti.

32 «Ani isa woliin

gara kora mura'aa dhaqee

deebii isaaf kenniisaaf,

inni akka kiyya nama foon uffatee moti.

33 Nami anaa fi Waaqa wolitti araarsiisaaf

wodhakkaa teennatti murtee kennu

adoo hin jiraatuu!

34 Akka ani hin bararandheef,

adoo Waaqi na adabuu dhabe,

35 ani sodaa malee,

silaa isa woliin hin dubbadhaayyu;

amma ammoo dubbatuu hin dandeenne.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-