Publicidade

Jó 17

1 Qooqqee qofatti na keessa jira;

barri jiruu tiyyaa haleelameera;

awwaallille na eegata.

2 Dhugumaan worri natti murgu

na marsaneeran;

ilti tiyyalle nunnuussaa isaaniititti xiyyeeffatti.

3 «Waaqa kiyya,

ka si woliin wobii naaf te'u naa kenni;

si'uma malee,

ka dhibiin ka wobii naaf te'u eennu ree?

4 Akka isaan hin hubanneef

qalbii isaanii cutteerta

tanaaf akka isaan injifatanu hin gootu.

5 Nama beese'eef jedhee

jaala ifii dabarsee kennu

ijoolleen isaa hin rakkatti.

6 «Waaqi nama nami marti fuulatti tufu

nama duudi'iifille ka mammaassaa na godhe.

7 Gadda irraa ta kaate

ilti tiyya dhagguu dadhaddee

nafi kiyya duudiin akka gaaddiddu'uu te'eera.

8 Worri qajeelaa ifi seyu waan kana maadeffata;

worri yakkaa hin qanne

worra Waaqa malee le'utti ka'a.

9 Te'uu malee balchooti

karaa dhuga'aa irraa hin goranu;

worri harki isaanii qulqullu'uu ifi seyanu

jabeenna irratti jabeenna ede'atan.

10 «Isin marti ammoo

deebi'aatii ammalle wodhaana'a.

Ani odduu teessanitti

nama qaroo hin dhaggu.

11 Barri le'ii tiyya hobba'eera;

karoorrii fi halchaan gadhaa kiyyaa

karaa irratti hafane.

12 Jarri tun halkan guyyaa gooti;

yennaa dukkanaa, ‹Ifi dhikaateera› jedhan.

13 Boolla awwaalaa akka mana kiyyaatitti

yoo ilaale,

taqee tiyya dukkana keessatti yoo afadhe,

14 boolla awwaalaatiin, ‹Ati abbaa kiyya›

corroqa na nyaattulle'een,

‹Haadha tiyya yookiin obboleettii tiyya› yoo jedhe,

15 addiin tiyya meet ree?

Addii tiyya tana eentu naaf dhagga ree?

16 Yoo ani gara boolla awwaalaa bu'u

addiin tiyya na woliin gad buutii ree?

wolille'een biyyee seennaa ree?» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-