Publicidade

Jó 25

Biildaad

1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,

2 «Mootumma'aa fi sodaatamuun ta Waaqaa ti;

inni ol-gubbaa oliititti nageya hin buusa.

3 Laakkowamuu dandeettii ree?

Ifi isaa eennu irratti ifuu dhaba ree?

4 Nami attam Waaqa duratti

balchaa te'uu dande'a ree?

Nami nama te'ee dhalate

attam qulqulluu te'uu dande'a ree?

5 Kunoo, ji'inuu isa duratti akka dansaa hin ifu;

urjootille isa duratti qulqullu'uu moti.

6 Ilmi namaa ka akka raammo'oo fa'a,

attam attam caalaa diqqaata ree!» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-