Publicidade

Jó 35

1 Eliihuun itti dabalee,

2 «Iyoobiin ati, ‹Waaqa duratti ani balcha'a›

jechuun keeti sirri'ii?

3 Ati Waaqaan, ‹Ani cubbuu yoo hujuu dhabe ati maan dhaggatta?

Ani bu'aa maan dhaggadha ree?› jette.

4 «Amma ani si'ii fi jaalota teetii ta si woliin jirtuuf

deebii hin kenna.

5 Ol jedhii gara ol-gubba'aa ilaal!

Duumensa si'iin gubba'atti mudhatu hubadhu.

6 Ati cubbuu yoo hujje Waaqa maaniin miita?

Balleessaan teeti yoo bacatte maan isa goota?

7 Ati balchaa yoo teete isaaf maan kennita?

Yookiin inni harka keeti irraa maan fudhata?

8 Hammeenni keeti nama akka keetii hin miidha;

balchummaan teetille ilmaan namaa calla'aaf bu'aa qaddi.

9 «Sababa cunqurfamiisi bacateef

kolbaan hin iyyiti;

harka hunnaamessaa jalaa bayiisaaf

qarqaarsa dhaggatiisaaf iyyatan.

10 Ammoo eennulle, ‹Waaqi na dade,

yennaa rakkoo guddo'oo

nami akka isa faarfatu ka godhu,

11 ka bineensota lafaa caalaa nu barsiisu,

ka sinbirroota caalaa nu qaroonsu eessa jira?› hin jedhu.

12 Isaan hin iyyan;

inni ammoo sababa koora worra hantuu godhuutiif

deebii isaaniif hin deebisu.

13 Dhugumaan Waaqi iyyata bu'aa hin qanne hin dhage'u;

Waaqi waan mara dande'ulle

gara iyya isaanii hin midhatu.

14 Iyoob ati, ‹Ani Waaqa hin dhaggu› yennaa jettu,

inni attam iyya teeti dhage'a ree?

Haajaan keeti isa dura jira,

isuma eegadhu.

15 Waaqi aarii ifiitiin ka hin adanne,

hammeenna namaalle itti ilaalaa ka taru seetaa?

16 Iyoob ati, dubbii bu'aa hin qanne dubbatta;

beekkumsa maleelle dubbii fakkansita» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-