Publicidade

Jó 38

Deebii Mootiin Waan Maraa Iyoobiif Deebise

1 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,

2 «Dubbii beekkumsa malee dubbatantuun,

gorsa kiyya ka diqqeessu kun eennu?

3 Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu;

ani si gaafadha; atille naaf deebis.

4 «Yennaa ani hundee lafaa dhaabe

ati eessa jirtaayyu?

Hubantii yoo qabaatte natti himi.

5 Haga lafaa ka murteesse eennu?

Isii irralle'etti sarara miki'ii ka diriirse

eennu akka te'e hin beettaa?

6 Hundeen lafaa maan irratti dhaabatte?

Dhakaa roga isi'iille ka dhaabe eennu?

7 Yennaa urjooti ganamaa wolitti qabantee faarsitu,

ergantooti Waaqaalle yennaa ilillittu

ati eessa jirtaayyu?

8 «Yennaa abbaayaan lafa keessaa dhoote,

balbala madda isi'ii ka cufe eennu ree?

9 Abbaayaa duumensaan uffisee,

dukkana dimmalle'een ka isii golle ana.

10 Meessaalle itti godhee,

balbalaa fi danqaraa ka itti keye ana.

11 ‹Ati haga asii hin dhutta; asi irra hin dabartu!

Danbaliin teeti jadduun

asitti dhaabbatuu ti!› ka jedhe ana.

12 «Iyoob, bara jiruu teetii

latti akka bariitu ajajjee beettaa?

Bariin lafaalle addee akka qabattu gooteertaa?

13 Bari'iisi lafaa haga qaccee lafaa dhaqqabee,

worri hamaan akka isii irraa hargufamanu gooteertaa?

14 Ifi bari'ii koobotii fi dhooqoti

akka woyaa dachaafantee

dhaabbatanee akka mudhatanu godha;

akka chaappaa faara jiidhaa irratti dhowamee

guddisee mudhisa.

15 Worra hamaa ifi isaan duraa fudhatameera;

harki isaan hantuu hujiisaaf ol fudhatanelle cabeera.

16 «Ati gara madda abbaaya'aa gad buuteertaa?

Yookiin hundee qilee abbaaya'aa keessa ideenteertaa?

17 Balbalti du'aa sitti mudhifanteerti?

Yookiin balbala dukkana dimmaa dhaggiteerta?

18 Badhinna biyya lafaa hubatteertaa?

Tana mara yoo beettu teete me natti himi.

19 «Karaan gara ifaa geessu meet?

Addeen dukkanti jirtulle eessa?

20 Ifaa fi dukkana

addee isaaniititti geessuu hin dandeettaa?

Karaa gara addee isaanii geessu hin beettaa ree?

21 Biyyi lafaa yennaa dadante

ati waan dhalatteertuuf dhuguma hin beetta;

bara hedduulle leeteerta.

22 «Ati gara mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu seenteertaa?

Yookiin mana dhakaan bokkeyaa itti kuufamu dhaggiteertaa?

23 Dhakaan bokkeyaa kun,

ka ani yennaa rakko'ootiif,

guyyaa woraanaatii fi guyyaa lolaatiifiille maffadhe.

24 Karaan gara addee ifi irraa balaqqisu geessu kam?

Yookiin qilleensi gara aduun baatuu

eessa irraa lafatti bittinnowa?

25 Bokkeya gad lola'uu fi

bokkeya bubbe'ee ka mandiisu'uutiif

karaa ka baase eennu?

26 Lafa nami tokkolle hin leenetti

goomolee nami tokkolle hin jirre keessa,

bokkeya roobisiisee,

27 lafa goomolee duwwaa jiisee,

marra akka baattu ka godhe eennu?

28 Abbaan bokkeyaatii fi copha fixeensaa eennu ree?

29 Dhakaan bokkeyaa gadaamessa eennuu keessaa baye?

Qorra ol-gubbaa irraa bu'u eentu dhale?

30 Qorri sun bisaan akka dhaka'aa jabeessee,

dirri abbaaya'aa akka dhakaa bokkeyaa ite'a.

31 «Tuuta urjootaa ka, ‹Torbii› jedhamanu, wolitti hidhuu,

yookiin wodaroo tuuta urjoota, ‹Sadee› jedhamanuu hiikuu hin dandeettaa?

32 Tuuta urjoota gara kibbaa yennaa isaaniititti bobbaasuu dandeettaa?

Tuuta urjootaa ‹Ka bineensa Doobbaa› jedhamu fakkaatu, ilmaan ijoollee isaanii woliin sooressuu dandeettaa?

33 Ati sirna ol-gubba'aa beettaa?

Sirni kun lafa irratti akka huju godhuu dandeettaa?

34 «Lolaan bisaanii akka si liqinsuuf,

qoonqoo ol-qabattee duumensatti dubbatuu dandeettaa?

35 Ati balaqqeettiin akka buutu erguu dandeettaa?

Isiille si'iin, ‹Kunoo, ani as jira› hin jettii?

36 Kormi lukku'uu bari'iisa lafaa beekee akka iyyu,

yookiin sinbirreen akka mana ijaarrattu

ka qarummaa kenneef eennu?

37,38 Yennaa bukuun lafaa jabaattee wolitti tuulantuu fi

quqquuqaan lafaa wolitti qabatu,

duumensa laakkowiisaaf ka qarummaa qabu eennu?

Waabaa bisaanii ta ol-gubba'aa jissee,

ka bisaan gad naquu dande'u eennu?

39 «Ati neenqa dhala'aaf

waan nyaatu hin adansitaa ree?

Yookiin dardaroota neenqaa hin quussitaa ree?

40 Yennaa isaan mandhee ifii keessatti riphanu,

yookiin daggala keessatti

dhokatanee yennaa gaadatanu,

isaan hin quussitaa?

41 Yennaa ilmeen harraaqessaa

waan nyaattu dhaddee daaxxu,

gara Waaqaalle yennaa boottu

ka sagalee isi'iif kennu eennu?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-