Publicidade

Jó 36

1 Eliihuun ammalle ede'ee Iyoobiin,

2 «Ani ammalle marroo Waaqaatiif

waan dubbadhu waan qabuuf,

diqqoo naa ossadhu.

3 Ani beekkumsa kiyya fagoo irraa hin fida;

Waaqi na dade balchaa akka te'e

ani hin mudhisa.

4 Dhugumaan dubbiin tiyya dharaa moti;

ani nami si woliin jiru

beekkumsa dhidhinna hin qanne akka qabu beeki.

5 «Dhugumaan Waaqi hunnaamessa;

Inni eennulle hin tuffatu;

hunni hubantii isaa guddoo jaddu'u.

6 Inni worra hamaa jiru'uun hin leesisu;

worra cunqurfameef ammoo haqa isaanii hin kenna.

7 Inni ila ifii balchoota irraa hin kaasu;

mootota woliin

barcumaa mootumma'aa irra isaan hin teessisa;

haga bara baraalle ol ol isaan hin qaba.

8 Namooti wodaroo sibiilaatiin yoo hidhamane

yookiin wodaroo rakkinnaatiin yoo qabamane,

9 balleessaa isaan koora ifiitiin hujane

inni isaanitti hima.

10 Qajeelfama akka dhage'anuuf

gurra isaanii hin bana;

cubbuu ifii irralle'ee akka deebi'anuuf

isaan hin ajaja.

11 Isaan Waaqaaf ajajamanee isa yoo tajaajilane

bara isaanii ka hafe

durumma'aa fi gammadaan fixatan.

12 Isa dhage'uu yoo didane ammoo,

shallaaga'aan hin badan;

Waaqa beekiisa waan didaneef hin du'an.

13 «Worri Waaqa malee le'u

aarii gadha'atti qabatan;

yennaa inni isaan adabulle

qarqaarsa dhaggatiisaaf hin daadimatanu.

14 Isaan dhiira Galma Waaqaa keessatti

wol bukkoonsitu oddu'utti

ijoollumma'aanuu du'an.

15 Waaqi worra rakkatanu rakkoo keessaa hin baasa;

inni akka isaan rakkatanu godhaa isaan barsiisa.

16 «Inni ammalle farra hantuu keessaa,

gara addee badhoo wol rakkisuun hin jiretti si baasa;

qoriin teetille sagalee dansa'aan hin guutanti.

17 Amma ammoo muraan nama hama'aaf malte

waan sitti muranteef,

adabbii si'iif malte fudhatiisatti jirta.

18 Eennulle durumma'aan akka si hin sonne,

Safuu guddoolle'een akka hin sobanne ifi eegadhu.

19 Karri teeti yookiin jabeenni hunna teetii

rakkinna hamaa keessaa si baasuu dande'anii ree?

20 Ati halkan kolbaan addee ifii irraa baddu

akka dhufu hin halchin.

21 Farriisaan irra hantuu hujiisa waan filatteef,

gara hammeennaa akka hin deebine ifi eegadhu.

22 «Kunoo, Waaqi hunna ifiitiin ol ol jedheera;

barsiisaan akka isaa eennu ree?

23 Waan Waaqi huju eentu itti himuu dande'a?

yookiin eentu, ‹Ati dokonkorteerta› isaan jedha ree?

24 Hujii isaa ta nami faaru'uun leellifatu

atille akka leellifattu yaadadhu.

25 Nami duudiin hujii isaa dhaggeera;

nami martinuu fagoo irraa daaw'ata.

26 Dhugumaan Waaqi gudda'a;

inni hubantii teennaan oli;

laakkossi bara isaalle qorqoramuu hin dande'u.

27 «Bisaan lafa irraa ol fuudhee

gara copha bokkeyaa ka deebisu Waaqa.

28 Inni bokkeya duumensa keessaa gad hin roobisiisa;

namoota irralle'etti hin danbalaasa.

29 Inni attam akka duumensa diriirsu

galma guddaa ifii keessaa attam akka mandi'u

eentu hubatuu dande'a ree?

30 Kunoo, Waaqi adaala ifiititti

balaqqeettii attam akka bittinneessu

hundee abbaaya'aalle dukkanaan akka gollu ilaali.

31 Inni akka kanaan gosa biyya adda addaa bulcha;

sagalee bacaalle isaaniif kenna.

32 Inni balaqqeettii harkatti qabatee

lafa itti murteessetti akka dhoottu hin ajaja.

33 Mandiisuun bokkeenni bubbe'ee akka dhufaaru beessitti;

horiille dhufiisa isi'ii hin beekan.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-