Publicidade

Jó 6

Iyoob Deebii Kenne

1 Achiin duuba Iyoob deebisee,

2 «Farri tiyya adoo madaalantee,

gaargalli kiyya duudiin

madaallii irra adoo keyamee jiraatee,

3 maansa irga abbaaya'aa caalaa ulfaataayyu;

tanaaf jarjariisaan dubbatiis kiyya

si hin baaseffachiittu.

4 Waaqi waan mara dande'u

daaya ifiitiin na woraanee,

hadhaan isaalle

nafa keessa na faca'eera.

Bararaqiisi Waaqaa na marseera.

5 Harreen diidaa yennaa marra dheeddu,

Yookiin qotiyyoon yennaa okeya nyaattu

hin baroodii ree?

6 Sagalee hin mi'oonne

soodda malee nyaatanii ree?

Yookiin bisaan quupha'aa

hin mi'owaa ree?

7 Ani sagalee akkasii tuqiisalle hin jibba;

yoo nyaadhelle akka dhibamu na gooti.

8 «Maaloo waan gaafadhe

adoo dhaggadhee,

Waaqi halchaa tiyya

adoo naaf guutee!

9 Fedha isaa teetee adoo na caccassee,

harka ifii diriirsee adoo na balleessee,

10 tun silaa naaf jajjabeenna.

Ani jecha Waaqa woyyichaa

waan hin mormatiniif,

dhibeen natti fakkantulle

ani silaa gammadaan hin utaalaayyu.

11 «Jiru'uun le'iisaaf

jabeenna maan qaba ree?

Eega addii hin qabaatinii

maaf le'a ree?

12 Jabeenni kiyya jabeenna dhaka'aatii ree?

Foon kiyya sageettu'uu ree?

13 Dhugumaan ifi qarqaariisaaf hunna hin qabu;

hunni tiyya duudiin na irraa fudhatanteerti.

14 «Nami jaala ifii ka rakkatteef marartii dhabu,

Waaqa waan mara dande'u sodaatiisa lakkiseera.

15 Isin obboleeyyan tiyya ammoo,

akka laga yennaa roobi hin jirree goguu

na soddane.

16 Lagi sun ji'a gannaa

dhakaa roobaatiin guutama.

17 Yennaa o'aa ammoo lagi sun hin dhabama;

yennaa bonaa hin goga.

18 Daldaltooti bisaan barbaadata karaa irraa miliqanee,

goomolee keessa daaqaa badan.

19 Daldaltooti Teema'aa

bisaan hin barbaadatan;

daldaltooti Sheebaalle bisaan

dhaggatiisaaf addii godhatan.

20 Lagi isaan addatanu waan gogeef

addii hin kutatan;

addee san yennaa geyanu

hin bilinjoyan.

21 Isinille akkuma laga goge sanii

natti teetane;

farra tiyya dhaggitanee sodaattane.

22 Ani ‹Woy naaf kenna'a!

Karra teessaniin na woda'a!

23 Yookiin harka diinaa jalaa na baasa'a;

yookiin harka worra na cunqursuu jalaa

na woda'a!› jedheeraa?

24 «Ani hin cadhisa,

isin na barsiisa'a;

dokonkora kiyyalle natti hima'a.

25 Dubbiin dhuga'aa

attam attam hunnaametti'i!

Komiin teessan ammoo bu'aa hin qaddu.

26 Isin dubbii tiyya

sirreessuu barbaaddanii?

Dubbii ana nama addii kutateelle

akka qilleensaatitti laakkottanii ree?

27 Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne irratti,

hixaa buufattan;

jaalota teessanille gurguriisaaf gadhassiittan.

28 «Amma ammoo, maganne'ee gara kiyya ilaala'a!

Ani fuula keessan duratti dhara hin dubbadhaa?

29 Deebi'a'a; worra muraa dharaa muru hin te'ina'a;

ammalle deebi'a'a;

ani dhugaa irra jira.

30 Arraba kiyya irra dokonkorri hin jiraa?

afaan kiyya waan hantuu

addaan baasuu hin dande'uu ree?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-