Publicidade

Jó 21

Iyoob

1 Iyoob deebisee,

2 «Waan ani dubbadhu miidhassa'aa caqasa'a;

kun akka na jajjabeesitanetti isiniif laakkowamuu ti.

3 Ani hin dubbadhaa naaf ossadha'a;

achiin duuba akka feetane murguu dandeettan.

4 «Ani nama komadhaa ree?

Maaf ossa hin dhanne ree?

5 Ana ilaala'aatii maadeffadha'a;

afaan keessanille qabadha'a.

6 Ani waan kana yennaa yaadadhu hin bararaqa;

nafi kiyyalle hin hollata.

7 Worri hamaan maaf le'a?

Maaf ganna dheeraa le'ee dullooma?

maaf hunnaan ittuma jabaataa deema?

8 Ijoolle'ee fi akaakoti isaanii adoo isaan jiraranuu

fuula isaanii duratti guddatanee itti tolteen dhaggan

9 Isaan mana ifii keessa sodaa malee nageyaan le'an;

Waaqi isaan hin adabu.

10 Horiin isaanii rakkoo tokko malee hora;

loon isaaniille rimeya gadha'aa hin gatanu.

11 Ijoollee ifii akka tika hoole'ee bobbaasan;

daa'immaan isaaniille hin burraaxxi.

12 Isaan dibbe'ee fi maseenqo'oon

qoonqoo suusulle'eetiin

gammadanee hin sirban.

13 Isaan qananumma'aan bara ifii fixatan;

farra malee du'an.

14 «Isaan Waaqaan,

‹Nuuti karaa keeti beekuu hin feenu;

nu irraa fagaadhu.

15 Nuuti akka isa waaqonfannuuf

ka waan mara dande'u eennu inni?

Isa yoo daadimanne

bu'aa maan dhagganna?› jedhan.

16 Qananummaan isaanii

harkuma isaanii keessa jirtii motii ree?

Maarre ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.

17 «Issaan worra hama'aa

yennaa mara attam attam bada?

Farri yennaa maraa attam attam isaanitti dhutti?

Isaan yennaa mara adabbii mufii ifiitiin

attam attam farrane?

18 Isaan akka huura qilleensa dura jiruutii motii ree?

Akka cidii bubbe'een fudhatantuutii motii ree?

19 Isin ‹Waaqi yakkaa abbooti'iitiif

ijoollee hin adaba› jettan;

te'uu malee yakkaameyyiin

yakkaa ifii akka beekanuuf,

isaanunti adabamanuu ti.

20 Cubbaaleyyiin yakkaa ifiitiif adabamanuu ti;

Waaqi waan mara dande'u

mufii ifii isaanitti buusuu ti.

21 Nami du'een duuba

marroo ijoollee ifiitiif

maanti isa dhiba?

22 «Waaqa worra gugurda'attuu muru

nami beekkumsa isa barsiisuu dande'aa ree?

23 Nami gariin adoo hunna qabuu

le'iin itti toltee nageyaan adoo jiruu,

24 nafi isaa adoo gabbinna qabuu,

lafee isaa keessa dhuki guuttee adoo jirtuu du'a.

25 Nami dhibiin ammoo jiruun itti hadhoottee,

waan dansaa adoo hin dhaggin du'a.

26 Isaan lamaanuu du'anee awwaalamanee

corroxxille itti duuddi.

27 «Kunoo, ani yaada keessan,

mala isin na miidhiisaaf maltanelle

miidhassee beeka.

28 Isin, ‹Manni nama guddaa sanii meet ree?

Dunkaaniin worra hama'aa keessa meet ree?› jettan.

29 Isin worra karaa yaa'u hin gaafannee ree?

Waan isaan jedhanelle hin fudhannee ree?

30 Nama hamaa balaan yennaa dhufu

miidhaan isa hin dhaqqabu;

guyyaa mufii Waaqaalle jalaa hin baya.

31 Nama hamaa amala isaa ka isa duratti komatu,

hujii hantuu isaatiifille ka isa adabu eennu ree?

32 Yennaa inni du'e gara awwaalaa hin geessan.

Irreensi isaalle hin eegama.

33 Biyyeen dhooqa keessaa

isatti hin tolti.

Namooti bacaan isa duubaan deeman;

kolbaan bindillaalle isa dura deenti.

34 «Deebiin isin naaf kennitanu soba;

attamiin dubbii woy hin baaneen

na jajjabeessiisaaf wodhaantan ree?» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-