Publicidade

Jó 39

1 «Yennaa godaan gaaraa dhalu beettaa?

Gadansi dhaluun dhaggitee beettaa?

2 Ji'a meeqa rimeyaan turanee,

yoom akka dhalanu hin beettaa?

3 Isaan quphananee dhalan;

foolata ifii irralle'ee hin furatan.

4 Ilmeen isaanii baddaa keessatti guddattee jabaatti;

bayanee deemaneen duuba,

gara haadha ifii hin deebi'anu.

5 «Harreen diidaa gara feete akka deentu

ka lakkise eennu?

Hidhaana irraa ka isii hiike eennu?

6 Ani lafa goomole'ee mana isaanii,

dirree sooddaalle

addee isaan le'anu godhee kenneef.

7 Isaan qachaa hoga'aa irraa fagaatanee le'an;

nami isaan leenjisee hujisiisulle hin jiru.

8 Isaan dheedaaf gaarotatti bobba'an;

waan magariisa mara barbaadatan.

9 «Gafarsi si tajaajiliisaaf fedhii hin qabaataa?

Moonaa teeti keessalle hin bulaa?

10 Gafarsa waanjoo itti hiitee

moofara harkisaa akka qotu godhuu dandeettaa?

11 Jabeenni isaa guddaa waan te'eef

isatti hin addattaa?

Hujii teeti ulfaattuu isatti hin lakkittaa?

12 Inni midhaan keeti wolitti qabee

gara eeddummee teetii akka si'iif fidu hin addattaa?

13 «Guchiin gammadaan koola ifii hargufatti;

koollii isi'ii ammoo akka koola qonga'aatii moti.

14 Guchiin quuphaa ifii lafatti buutti;

biyyeen akka itti o'ituufille achumatti lakkitti.

15 Isiin miilli akka caccassu,

bineensotille akka irra ijjatanu hin yaadattu.

16 Akka waan ta isi'ii hin te'inii,

cuucuu ifiititti gadhaa jabaatti;

eloon isi'ii baddulle hin qortu.

17 Ka qarummaa isii dhoogge,

ka hubantiille isi'iif hin kennin ana Waaqa.

18 Yennaa rukkisiisa jalqaddu

fardaa fi abbaa fardaatitti hin kolliti.

19 «Iyoob, fardaaf jabeenna ka kenne si'ii?

Yookiin morma isaatitti

gama dhedheeraa ka uffise si'ii?

20 Akka korophiisaa kuruphisaa fooqqisaa

akka inni nama bararassu ka godhu si'ii?

21 Fardi jabeenna ifiititti addatiisaan

kotte'een lafa qotaa himimmisee,

loliisaaf hin baya.

22 Inni soda'atti kolla; womaa hin sodaatu;

shallaagaa irralle'ee duubatti hin deebi'u.

23 Eboon balaqqittuu fi marcaan

subba daayaa woliin

cinaacha isaatitti bubbu'ee qilillisa.

24 Fardi hollatee worraaqatee xinniqa;

yennaa tultullaan afuufamu hin sawwaanata.

25 Inni yennaa tultullaan afuufamu hin fooqqisa;

dhaadata abbootii duulaa,

hoga'aa fi lola fago'ottuu foolee fuudha.

26 «Cululleen qarummaa teetiin koolaan kaatee

gara kibbaatitti koola ifii badhifattii?

27 Risaan ajaja keetiin gubbaa irra ka'aa?

Allaattiin ajaja keetiin

mana ifii gaara irratti ijaarrattii?

28 Isiin rassaa ol ka'e irra le'aa

achitti mana ijaarratti;

rassaan sun kushee isi'ii ti.

29 Isiin achi jiraattee waan nyaattu dooyatti;

ilti isi'iille fago'otti waan gaadattu dhaggiti.

30 Ilmeen isi'ii dhiiga xuuxatti;

isiille addee raqi jirutti dhagganti» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-