Publicidade

Jó 26

Iyoob

1 Achiin duuba Iyoob deebisee,

2 «Ati nama hunna hin qanne

attam attam qarqaarte!

Nama dadhabaalle

attam attam jabeessite!

3 Ati nama qaroo hin te'in

attam attam gorsite!

Beekkumsalle attam attam kenniteef!

4 Tana akka dubbattu ka si qarqaare eennu?

Ayyaana eennuutitti afaan keeti keessaa dubbate?

5 «Ekeraan abbaaya'aan jalatti

rorommiisatti jirti.

6 Addeen worri du'e jiru

Waaqa duratti guutumatti mudhatti;

wonni takkaalle isii hin gollitu.

7 Waaqi gubbaa gara kaabaa addee duwwaa irratti diriirse;

lafaalle womaa adoo jala hin jiraatin rarraase.

8 Waaqi duumensa keessatti bisaan kipha;

duumensille ulfaatiisa bisaaniitiin hin tarsa'u.

9 Inni barcumaa mootummaa ifii

duumensa ifii diriirsee hin golla.

10 Waaqi ifaa fi dukkana gargar baasiisaaf,

bisaan irratti naannessee meessaa godheera.

11 Yennaa inni xixu

utubooti ol-gubba'aa soda'aan hin raafaman.

12 Inni hunna ifiitiin

abbaayaa hin sarmisiisa,

qarummaa ifiitiin bineensa guddaa abbaayaa keessaa ka, ‹Rahaab› jedhamu hin kukkuta.

13 Inni hafuura ifiitiin ol-gubbaa qulqulleessee,

harka ifiitille'een jawwee lowiisatti jirtu woraane.

14 Kun duudiin waan Waaqi huju keessaa diqqo'o;

nuuti hasaassaa isaa qofa dhageenna;

mandiisuu hunna isaa eentu hubatuu dande'a ree?» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-