Publicidade

Jó 20

Zofaarii Naa'imaaticha

1 Achiin duuba Zofaariin Naa'imaatichi deebisee,

2 «Iyoob, ani deebii akka kennuuf

yaadi kiyya na dirqansiisa;

tanaaf dubbatiisaaf ariifadha.

3 Arraffama ittiin salphadhe dhage'adheera;

hubatiis kiyya

akka ani deebii kennu na godheera.

4 «Bara durii durii

yennaa nami biyya lafaa irratti dadameen jalqabee,

dubbii akkasii tana beettaa ree?

5 Qaca'iis worra hama'aa,

haguma diqqa'a.

Gammadi worra Waaqa malee le'uulle

haga lipheettii ilaa ti.

6 Isaan haga ol-gubba'aa ifi ol ol qabanulle,

mataan isaanii duumensa tuqulle,

7 isaan akkuma faalowa ifii hin badan;

worri dur isaan dhaggeeru,

‹Isaan meet ree?› hin jedhan.

8 Isaan akka oojju'uu waan badanuuf

hin dhaggamanu;

akka mudhii halkaniille hin badan.

9 Ilti tanaan dura isaan dhaggite,

deebitee isaan hin dhaggitu;

isaan addee le'anu irralle'ee hin badan.

10 Ijoolleen isaanii

waan abbootiin isaanii hiyyeeyyii irraa saante

sossobataa hin deebitti.

11 Nafi isaanii ka hunna dargaggumma'aatiin guutame

isaan woliin biyyee hin te'a.

12 «Hammeenni afaan isaanii keessatti mi'owee,

arraba ifiitiin jalatti dhossanee,

13 afaan ifii keessaa baasuu jibbanee,

afaan ifii keessatti qabatanulle,

14 sagaleen isaanii gadhaa isaanii keessatti

gara hadha'aatitti hin jijjiiranti;

akka hadhaa dhudhuufa'aalle hin teeti.

15 Isaan karra nyaatane hin tufan;

Waaqi waan isaan nyaatane

akka diddiganu hin godha.

16 Wonni isaan nyaatanu

hadhaa dhudhuufa'aa itti hin teeti;

hadhaa buuti'iille itti teetee isaan hin ijjeetti.

17 Isaan bisaanii fi laga

ka dammaa fi itittuu woliin yaa'u hin dhagganu.

18 Waan ifii itti elowane

adoo hin nyaatin deebisanee hin kennan;

bu'aa daldalanee dhaggatanelle'etti hin gammadanu.

19 Isaan hiyyeeyyii cunqursanee duwwaa hamburanee,

mana ifii hin ijaarinille waan fudhataneef tun teete.

20 «Joljolummaan isaanii foora isaan dhooggiteerti;

qabeenni isaanii isaan baasuu hin dande'u.

21 Isaan waan qabanu nyaatanee hin fixan;

tanaaf qabeenni isaanii dafee hin dhumata.

22 Qabeenna hedduu qabaatanulle,

deegi isaanitti hin bu'a;

rakkoon jadduulle isaan hin dhaqqaddi.

23 Isaan nyaatanee yennaa quufanu,

Waaqi aarii ifii isaan irratti bobeessee,

balaa ifii akka bokkeyaa

isaan irratti hin roobisiisa.

24 Shallaagaa sibiilaa jalaa yoo miliqe

daaya sageettu'uutiin hin woraanama.

25 Daayi sun woraanee duddaan isa fulla'a;

qacceen calalaxxuun arfii sanii

tiruu isaanii keessa baati;

naasuulle'een hin qabaman.

26 Qabeenni isaanii duudiin

dukkana dimmaa keessatti bada;

ibiddi hin dhaanne isaan hin guba;

waan dunkaana isaanii keessa hafelle

muxuq godha.

27 Ol-gubbaan yakkaa isaanii hin mudhitti;

lattille diinumma'aan isaan irratti hin kaati.

28 Guyyaa mufii Waaqaa

qabeenni mana isaanii lola'aan hin fudhatama.

29 Qoodi Waaqi worra hama'aaf kennu,

gatiin isaaniille tana» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-