Publicidade

Jó 18

Biildaad

1 Achiin duuba Biildaad nami biyya Shu'aa deebisee,

2 «Iyoob, ati yoom dubbattee fixxa?

Caqasi, nuutille hin dubbanna.

3 Ati maaf akka hori'ii nu laakkotta?

Ila teeti duralle'etti

maaf akka gowwa'aatitti nu laakkotta?

4 Ati aarii teetiin ifuu miita malee,

latti sababa keetiif hin ontu;

yookiin rassaan addee ifii irraa hin tacho'u.

5 Issaan worra hamaaleyyi'ii hin dhaama;

bobeenni ibidda isaaniille ijjumaa hin bobe'u.

6 Issaan dunkaanii isaanii keessa jiru hin dhaama;

ifille hin dukkanowa.

7 Hunni tarkaaffii isaanii hin laatti;

malli isaaniituu isaan hin gufachiisa.

8 Miilli isaaniituu tiyyoo keessa isaan hin galcha;

gara boolla keessa bu'anuulle hin deeman.

9 Tiyyoon komee isaanii hin qaddi;

fonxoroolle jabeessitee isaan hin qaddi.

10 Wodaroon isaan qaddu

lafa keessatti dhoffanteerti;

tiyyoolle karaa isaanii irratti afanteerti.

11 Wonni nama bararassu

isaan marsiteerti;

hordotteelle isaan hin ariiti.

12 Hunni isaanii beelaan dhumatteerti;

badiille qophoottee isaan eegatti.

13 Dhukkubi gogaa nafa isaanii hin fixa;

duuti harkaa fi miila isaaniille hin nyaatti.

14 Dunkaanii addatanee le'anu keessaa hin ari'aman;

gara mootummaa du'aalle hin geeffaman.

15 Mana isaanii keessatti

wonni takkaalle hin hattu.

Qe'ee isaaniititti

dhakaan bobe'u hin firfirfama.

16 Isaan akka muka hidda hunde'een goguutii fi

dameeleen isaa qoortuu hin te'an.

17 Qaabbiin isaanii lafa irraa hin baddi;

maqaan isaaniille lafa irraa hin bada.

18 Isaan ifa irraa gara dukkanaatitti hin ari'aman;

biyya lafaa irralle'ee hin balleeffaman.

19 Odduu kolbaa ifiitii

dhala yookiin sanyii hin qabaatanu.

Addee isaan le'anulle'etti

ka jiru'uun hafu hin jiru.

20 Worri gara aduun baatuutii fi

gara aduun seentuu

waan isaan irra geye dhage'anee

sodaa guddo'oon qabamane.

21 Qe'een worra Waaqa malee le'uu

addeen nama Waaqa hin beenneelle

akkas teeti» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-