Publicidade

Jó 16

Iyoob

1 Achiin duuba Iyoob deebisee,

2 «Ani dubbii akkasii

hedduu dhage'eera;

isin marti jajjabeessitoota nama hifachiittanu.

3 Dubbiin teessan

ta bu'aa hin qanne tun hin dhumattuu?

Yookiin akka ati na woliin falmiisa hin lakkinneef

maanti si kakkaasa?

4 Adoo isin addee tiyya buutanee,

ani addee teessan bu'ee jiraadhee

murgo'oon mataa isinitti raasaa

akkuma isin amma jettanu

anille isin irratti miidhassee dubbadhaayyu.

5 Dubbii afaan kiyyaatiin

silaa isin hin jajjabeessaayyu;

isin jabeessiisaafille

guddoo dubbatuu dande'aayyu.

6 «Ani yoo guddoo dubbadhelle

dhibeen tiyya hin goontu;

yoo osselle dhibeen tiyya na hin lakkittu.

7 Waaqa kiyya, ati na daddassiitteerta;

maatii tiyya duudiille balleessiteerta.

8 Ati na shuntuurachiitteerta;

shuntuuratiis nafa kiyyaa

na irratti dhugaa bayaa te'eera;

huqqinni kiyya na irratti ka'ee,

akka ani cubbuu huje dhugaa hin baya.

9 Waaqi mufii ifiitiin nafa kiyya kukkute

inni hidhii natti ciniinnatee,

diinni kiyyalle ila natti diimeffate.

10 Namooti na ceeggatiisaaf afaan ifii natti banane;

tuffiille'een na dhabanaasanee

wolitti qabamanee natti ka'ane.

11 Waaqi kolbaa hantu'utti dabarsee na kennee,

harka worra hama'aatitti na gate.

12 Ani nageyaan le'aa tureeyyu;

Waaqi ammoo mufii ifiitiin na hargufe;

inni morma kiyya hudhee na butuchee,

waan itti xiyyeeffatu na godhate.

13 Worri guube'ee ka isaa na marsee,

marartii malee kalattii tiyya kukkutee

hadhoottuu tiyyalle lafatti jisse.

14 Inni itti deddeebi'ee na madeesse;

akka loltu'uu gara kiyya ori'e.

15 «Ani gaddee woyaa gaddaa uffadheera;

bukuu keessalle'etti jigeera.

16 Fuulli kiyya bowichaan diimatee,

ilti tiyya dhagguu dadhaddeerti;

17 tun duudiin teetulle

ani hunnaan nama irratti hin kaane;

daadimati kiyyalle qulqullu'u.

18 «Ee lafa, dhiiga kiyya hin dhossin!

Iyyi tiyya si biratti ukkaamantee hin hafin!

19 Kunoo ka dhugaa naa bayuu fi

wobiin kiyya ol-gubbaa jira.

20 Jaaloti tiyya na tuffatti;

ani ammoo gara Waaqaa bowa.

21 Akkuma nami nama kadhatee wolitti araarsu,

nami namaa fi Waaqa wolitti araarsu

adoo hin jiraatuu!

22 «Ani deensa deebi'ee hin deebine deemiisaaf

woggaa diqqoo qofatti naa hafeera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-