Publicidade

Jó 5

1 «Iyoob! Nama deebii siif kennu

yoo dhaggatte waami;

woyyoota keessaa

gara kamii ilaalta?

2 Nama gowwaa aari'iittuu ijjeesa;

wollaalaalle gaabbi'ittuu ijjeesa.

3 Gowwaan hidda naqatuun dhaggeera;

ammoo dedhuma manni isaa abaarame.

4 Ijoolleen isaa ijjumaa nageya hin dhaggattu;

badhinna dalleya keessaa keessatti

miidhaan isaan irra hin geetti,

nami isaan baasulle hin jiraatu.

5 Worri beelowe

midhaan isaa hin nyaata;

ka qoree keessatti latelle hin lakkisanuuf.

Worri dheebote

qabeenna isaa hin saama.

6 Rakkoon biyyee keessaa ol hin baatu;

gaargalli lafa irraa hin latu.

7 Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaatu,

nami rakkinnaaf dhalata.

8 «Adoo na te'e

Waaqa hin barbaadadha,

rakkoo tiyyalle isatti hin himadha.

9 Inni waan gugurda'aa hin qorqoranne

bilbaasa laakkowanee hin dandeennelle hin godha.

10 Inni lafa irratti bokkeya hin roobisiisa;

fichaalle bisaan hin obaasa.

11 Worra gad qabame

addee ulfinnaa hin keya;

worra gadde addee nageyaatitti ol hin fuudha.

12 Worri maltooleen waan hujanu

akka hin muummessineef,

inni karoora isaanii hin gufachiisa.

13 Inni qaroolee maltummaa isaaniitiinuu qaba;

mala maltoole'eelle hin balleessa.

14 Guyyaan isaanitti dukkanowee,

akka halkaniititti

saafowaan qaqqabataa deemanuu ti.

15 Worra hiyyeeyyii

afaan shallaagaa diina isaanii jalaa,

harka worra isaan cunqursuu jalalle'ee hin baasa.

16 Inni hiyyeeyyi'iif addii hin kenna,

afaan worra hama'aa hin cufa.

17 «Nami Waaqi xixu ka gammade!

Tanaaf xixicha Waaqa

waan mara dande'uu hin tuffatin.

18 Waaqi hin madeessa

ammoo deebisee hin hodha;

inni si hin miidha

harka ifiitiin ammoo si hin fayyisa.

19 Inni balaa jaa jalaa si hin baasa;

torbeessoo irralle'etti miidham si hin tuqu.

20 Bara beelaa du'a irraa,

lola keessatti shallaagaa irraa si hin woda.

21 Waaqi arraba hamaa irraa si hin eega;

yoo badiin sitti dhuttelle hin sodaattu.

22 Badi'ii fi beelatti hin kollita;

bineensalle hin sodaattu.

23 Fichaa qotattutti dhakaan si hin rakkisu;

bineensotille si woliin nageya hin qabaatan.

24 Dunkaaniin teeti nageyaan akka jirtu hin beetta;

yennaa hoolee teeti toowattu

nageyaan isaan hin dhaggita.

25 Sanyiin teeti hedduu,

ijoolleen teetille

akka marra lafaa akka teetu hin beetta.

26 Akkuma qamadiin yennaa ifiititti

wolitti qabantu

atille dulloontee, geettee hin duuta.

27 «Kunoo, nuuti tana duudii qorqorreerra;

tun dhuga'a;

atille dhage'iitii beeki» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-