Publicidade

Jó 12

Iyoob

1 Iyoob deebisee,

2 «Dhuguma isin qaroole'ee motii ree!

Yennaa duutanulle

qarummaan isin woliin duutii motii ree!

3 Ani ammoo akkuma keessan

hubantii qaba;

ani isinii gadii moti;

waan akkasii kana

eentu wollaala ree?

4 «Waaqa daadimadhee

yennaan inni naaf deebise jirtiiyyu;

amma ani waan jaaloti tiyya itti kollitu te'eera.

Ani nami balchaan komii hin qanne

waan nami duudiin itti kollu te'eera.

5 Worri itti tolte

rakkinna nama rakkatee tuffatiis kaso'o;

nama jigiisaaf tintimu hin darban.

6 Dunkaaniin worra saantotaa nageyaan jirti;

worri Waaqa tuttuqee aarsu,

worri Waaqa waan toowatu ifi seyu

nageyaan le'a.

7 «Me bineensota gaafadhu;

Isaan si barsiisan.

Sinbirrootalle gaafadhu

isaan sitti hin himan.

8 Yookiin lafa gaafadhu;

isiin si hin barsiitti;

yookiin qurxummiin abbaaya'aa

sitti hin hinti.

9 Harki Waaqaa akka isaan dade

isaan kana duudii keessaa

ka hin beenne eennu ree?

10 Jiruun waan duudi'iitii fi

hafuurri nama duudi'ii harka Waaqaa jiran.

11 Akkuma arrabi sagalee addaan baasee beeku,

gurrille dubbii addaan hin baasa.

12 Qarummaa maanguddootatti qabaa motii ree?

Hubantiille worra woggaa dheertuu

le'etti qabaa motii ree?

13 «Qarumma'aa fi hunni ta Waaqaa ti;

gorsaa fi hubantiille tama isaa ti.

14 Waan inni diige,

nami tokkolle deebisee ijaaruu hin dande'u.

Nama inni balbala itti cufe,

nami tokkolle banuu hin dande'u.

15 Yoo inni bokkeya dhooggate

oola'atti te'a;

yoo inni bokkeya gad lakkise,

lolaan lafa balleessa.

16 Jabeennii fi qarummaan ta isaa ti;

ka sobuu fi ka sobamulle

isaan lamaanuu baallii isaa jala jiran.

17 Inni gorsitoota mootichaa

miila duwwaa akka booji'amanu hin godha;

abbootii mura'aalle hin gowwoonsa.

18 Inni mootota

barcumaa mootumma'aa irraa buusee,

hidhantoota isaan godha.

19 Inni hayyoota irraa baallii isaanii mulqee,

worra hunnaameyyiille hin fonqolcha.

20 Worra addatame cadhi godha;

jaarsoleelle qarummaa hin dhoogga.

21 Inni qondaaltota hin salphisa;

hidhata worra jajjabaa hin hiika.

22 Inni dhossaa dukkana keessaa hin mudhisa;

dukkana dimma gara ifaa hin jijjiira.

23 Inni gosa biyya adda addaa

hunnaameyyii hin godha; hin balleessalle'e;

inni gosa biyya adda addaa hin baceessa;

hin bittinnessalle'e.

24 Inni sooreyyii irraa hubantii isaanii hin mulqa;

goomolee daandii hin qanne keessalle

hin joonjisiisa.

25 Isaan ifa malee,

dukkana keessa qaqqabataa akka ideemanu,

akka nama machoweelle

akka titimisanu hin godha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-