Publicidade

Jó 19

Iyoob

1 Achiin duuba Iyoob deebisee,

2 «Isin haga yoomii na farrisiittan?

Haga yoomii jechaan lafee na cassitan?

3 Isin deddeebitanee na arrassitan;

daba na irratti hujjanuuf hin fokkifattanuu?

4 Dhuguma yoo dokonkoree jiraadhe,

dokonkorri sun anuma qofa miidha.

5 Dhuguma isin na irratti ifi ol ol qaddanee,

qaanii tiyya waan anaan morontanuun

yoo godhattane,

6 ka na farrisiisee,

tiyyoo ifiitiin na marsee xaxe

Waaqa akka te'e beeka'a.

7 «‹Hunnaan na irratti ka'ane› jedhee iyyadhulle,

deebii hin dhagganne.

Qoonqoo tiyya ol qabadhee dhageessifadhulle,

muraa haqaa hin dhagganne.

8 Waaqi akka ani hin dabarreef

karaa natti cufeera;

daandii tiyyalle dukkanaan golleera.

9 Inni ulfinna kiyya na irraa fuudhee,

kallachalle mataa kiyya irraa buuseera.

10 Inni karaa maraan nafa kiyya caccassee hurbee,

addii tiyyalle akka mukaa buqqiseera.

11 Inni mufii ifii na irratti bobeessee,

akka diina ifiititti na laakkowe.

12 Inni na balleessiisaaf loltoota ifii erge;

isaan adaala dunkaanii tiyyaatitti

kushee hujatanee qubatane.

13 «Waaqi obboleeyyan tiyya na irraa fageesse;

worri na beekulle alagaa akka natti te'u godhe.

14 Firri kiyya na irraa fagaate;

jaaloti tiyyalle na dedhane.

15 Keessummooti ani mana kiyyatti keessummeesse

na dedhane.

Dubartooti tajaajiltooti tiyya

akka ormaatitti na laakkowane;

akka alaga'aalle na ilaalane.

16 Ani tajaajilaa kiyya waame,

inni ammoo na jalaa dide;

akka na qarqaaruuf yennaa kadhadhelle na didate.

17 Haati manaa tiyya foolee hafuura kiyyaa jibbite;

obboleeyyan tiyyaayyuu na diqatte.

18 Ijoolleen didiqoonuu na tuffatti;

yennaa na dhagganu natti murgan.

19 Jaaloti tiyya ta ani addadhu na diqatte;

worri ani jaaladhulle na irratti ka'e.

20 Foon kiyya dhumatee,

gogaan kiyya lafee tiyyatti maxxanee,

irgi ilkaan kiyyaa callaan jiruun ani hafe.

21 «Ee jaalota tiyya,

harki Waaqaa waan na dhoweef,

naaf marara'a!

Naaf marara'a!

22 Akkuma Waaqi na miidhe

isinille maaf na miitan?

Haga ammaa ka na miitane

isin hin gewuu?

23 «Maalo'o, dubbiin ani haga ammaa dubbadhe

barreeffantee, kitaabatti adoo galmeeffantee!

24 Maalo'o, bara baraan akka yaadatantuuf

meya sibiilaatii fi irsaasaatiin

rassaa irratti qiriixantee adoo hin barreeffantuu!

25 Ka na wodu jiraataa akka te'e,

muummee irralle'etti,

dhugaa bayiisaaf lafa irra akka dhaabbatu hin beeka.

26 Gogaan kiyya nyaatamee dhumateen duuba te'ulle

foon kiyyaan jiraadhee

Waaqa akka dhaggu hin addadha.

27 Anumattuu isa dhagga;

ani ila tiyyaan isuma dhagga malee,

ka dhibi'ii moti.

Gadhaan kiyya guyyaa san guddoo dharra'a.

28 «Isin, ‹Sababi rakko'ootuu isuma keessa waan jirtuuf,

nuuti attam isa miina?› yoo jettane,

29 mufiin Waaqaa shallaaga'aan adabamiisa

waan fidduuf

isin shallaagaa san sodaadha'a;

muraalle akka jirtu beeka'a» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-