Publicidade

Jó 37

1 «Bokkeenni bubbe'ee sun

gadhaa kiyya hollachiisee, sheephisiise.

2 Qoonqoo isaa ta akka mandiisu'uu,

gungunsuu afaan isaa keessaa baatulle caqasa'a.

3 Inni gubba'aan jala duudi'itti

balaqqeettii ifii haga qaccee lafaatitti gad lakkisa.

4 Achiin duuba harqiis qoonqoo isaa hin dhage'anti;

inni qoonqoo ifii ta sodaachittu

akka mandiisu'uu hin dhageessisa;

yennaa qoonqoo ifii dhageessisu

balaqqeettiille duubatti hin hamburu.

5 Waaqi qoonqoo ifii ta bilbaasaatiin hin mandi'a;

waan gugurdoo hubantii teennaan olii hin huja.

6 Inni dhakaa bokkeyaatiin, ‹Lafa irratti bu'i›,

tiifuu bokkeyaatille'een, ‹Bokkeya jabaa te'i› hin jedha.

7 Nami inni dade duudiin hujii isaa beekuuf,

nami martinuu hujii ifii akka dhaabu hin godha.

8 Yennaa san bineensoti

gara goda ifii keessatti hin qubatan;

mandhee ifii keessalle'etti dhokatan.

9 Hobonbolattiin gara kibbaatii hin dhutti;

qilleensi boojji'ii gara kaabaatii dhufa.

10 Hafuurri Waaqaa dhakaa bokkeyaa fida;

bisaan badhaalle ititee dhakaa bokkeyaa te'a.

11 Inni duumensi akka bisaan ba'atu hin godha;

balaqqeettii ifiille duumensa keessaa balaqqisiisa.

12 Duumensi waan inni ajaje muummessiisaaf,

qajeelcha isaatiin lafa duudii irra

asii fi achi mara.

13 Waaqi namoota adabiisaaf

lafa ifii jiisiisaaf

yookiin jaalala ifii mudhisiisaaf bokkeya fida.

14 «Iyoob, tana dhage'i;

me lakkisiitii hujii Waaqaa ta maade'ee

yaadaan hubadhu.

15 Waaqi duumensa attam akka toowatu

balaqqeettii duumensa ifiille

attam akka balaqqisiisu ati hin beettaa?

16 Duumensa gubba'atti ka rarraasuu fi

hujii maade'ee tana

ta Waaqa beekkumsa dhidhuu hin qannee hin beettaa?

17 Yennaa latti qilleensa gara kibbaatiin o'itee,

ati ka woyaan teeti keessatti fuurtu,

18 ol-gubbaa akka daaw'itii

sageettuu baqisiifante irraa hujantee jabaattu,

yennaa Waaqi diriirsu ati isa qarqaaruu dandeettaa?

19 «Waan Waaqaan jennu nutti himi;

nuuti womaa waan hin beenneef

haajaa keenna dhikeeffatiisa hin dandeennu.

20 Akka ani dubbatu'uu jiru

nami isatti himiisa barbaachisaa ree?

Nami tana dubbatiisaaf yaadu dhuguma hin bada.

21 Qilleensi duumensa haxowee

gubbaa irraa qulqulleesseen duuba,

nami tokkolle aduu midhatee ilaaluu hin dande'u.

22 Inni ulfinna akka worqi'ii calalaquun

gara kaabaatiin hin dhufa;

Waaqi arnya sodaachisa'aan hin dhufa.

23 Waaqi waan mara dande'u hubantii teennaan ol;

hunnaan gudda'a;

inni abbaa muraa dhuga'aatille'e.

24 Tanaaf nami marti isa sodaata;

inni worra ifiin qaroo jedhu hin tuffata» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-