Publicidade

Jó 31

1 «Ani ila halcha'aatiin gara durraa akka hin ilaalle

ila tiyya woliin gondooroo gondooradheera.

2 Gubbaa irraa Waaqa biraa qoodi namaa maan?

Ka waan mara dande'u ka addee oli aantuu jiru biraa

dhaalli namaa maan?

3 Balaan worra hama'aaf

badiin worra dokonkora hujuufii motii ree?

4 Waaqi karaa kiyya hin dhagguu ree?

Tarkaaffii tiyya duudiille hin laakkowuu ree?

5 «Sobaan yoo deemee jiraadhe

miilli kiyya sobiisaaf yoo ariifatee jiraate,

6 akka ani komii hin qanne akka beeku

Waaqi kiiloo sirri'iitiin na madaaluu ti.

7 Faanti tiyya karaa irraa yoo gortee jiraatte

gadhaan kiyya waan ilti tiyya dhaggitee

yoo hordofee jiraate

harki kiyyalle cubbu'uun yoo battowee jiraate,

8 waan ani facaase nami dhibiin nyaatuu ti;

midhaan kiyya duudiille buqqa'ee baduu ti.

9 «Gadhaan kiyya dubarti'iin sossobamee,

balbala ollaa kiyyaa duratti riphee

haadha manaa isaa eegadhee yoo jiraadhe,

10 haati manaa tiyya

nama dhibi'iif midhaan daattuu ti;

nami dhibiille isii woliin rafuu ti.

11 Wonni kun yakkaa guddoo

seera duratti adabbii namatti fiddu.

12 Cubbuun tun akka ibiddaa guddee balleessiti;

ani adoo tana godhee jiraadhe

karra tiyya mara hin balleessitiiyyu.

13 «Tajaajiltooti tiyya ta dhiiraatii fi ta durraa

natti iyyatanuun,

iyyata isaanii dhage'iisa yoo dhabee jiraadhe,

14 yennaa Waaqi mura'aaf ka'u

ani maan godhu'uu jira ree?

Yennaa inni na gaafatu

ani maan deebisu'uu jira ree?

15 Gadaamessa haadha tiyyaa keessatti na dadee,

tajaajiltoota tiyyalle ka dade isaa motii ree?

Nu mara gadaamessa keessatti ka dade

isumaa motii ree?

16 «Waan Hiyyeeyyiin halchite

ijjumaa dhooggadhee hin beeku;

haadhotii hiyyeessaalle jajjabeessiisa hin lakkinne.

17 Ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne beelottuun

sagalee tiyya qofi hin nyaanne.

18 Ammoo dargaggummaa tiyyaa jalqabee

akka abba'aa isaaniif te'eera;

bara jiruu tiyyaa mara

haadhotii hiyyeessaa qarqaareera.

19 Nama daare tokko

yookiin hiyyeessa qullaa jiru tokko dhaggee,

20 woyaa rifeensa hoolee tiyyaa irraa hujante,

itti uffiseeruun o'ifatee

yennaan inni na hin eebbisin hin jirtu.

21 Kora mura'aa duratti

fudhatama dhaggatiisa kiyya beekee

ijoollee hadhaa fi abbaa hin qanne

yoo miidhee jiraadhe,

22 harki kiyya gurmuu tiyya irra buqqa'u;

mitikaan harka kiyyaalle caccabu.

23 Badii Waaqi na irratti fidu waan sodaadheef,

sodaachisuu arnya isaa irraa ta kaate

waan akkasii godhuu hin dandeenne.

24 «Ani worqi'itti addii godhadhee hin beeku;

yookiin worqii qulluulle'etti hin addanne.

25 Karri tiyya guddoo waan teeteef,

yookiin durummaan tiyya waan bacatteef

gammadee yoo jiraadhe,

26 ifa adu'uu, yookiin ji'a ulfinnaan deemu

ilaalee yoo jiraadhe,

27 gadhaan kiyya dhossa'aan sobamee,

ifa adu'uutii fi dansummaa ji'aatiif

harka kiyya sunqatiisaan

isaan waaqonfadhee yoo jiraadhe,

28 ani Waaqa ol-aana'aaf addatamuu waan dhabeef,

tun cubbuu du'a namatti mursiittu.

29 «Ani badii worra na jibbuutitti hin ilillinne;

hantuun yennaa isaan dhaqqaddelle

ani hin gammanne.

30 Jiruun diina kiyyaa akka baddu abaaree,

afaan kiyya cubbuu akka dubbatu hin goone.

31 Nami mana kiyyaa

‹Sagalee isaa nyaatee ka hin quufin eentu jira?›

jedhan.

32 Ani worra karaa deemuuf

balbala tiyya waan baneef

keessummaan karaa keessa hin bulle.

33 Ani yakkaa tiyya gadhaa kiyya keessatti dhoffadhee,

akka worra dhibi'ii cubbuu tiyya hin gollanne.

34 Kolbaa bindillaa sodaatiisaan

tuffiin maati'ii na bararassitee

mana keessaa adoo hin bayin

cadhisee mana keessa hin teenne.

35 «Maalo'o, nama naa dhage'u adoo qabaadhe!

Akka dhugaa dubbadhe mudhisiisaaf

mallattoon tiyya kunoo ti.

Waaqi waan mara dande'u naaf deebisuu ti;

Ka na himatu himata ifii tarre'een barreeffatee

adoo hin dhikeeffatuu!

36 Silaa ani dhugumaan himata san

gurmuu tiyya irratti hin kaafadhaayyu;

akka kallachaalle mataa kiyya irratti hin keyadhaayyu.

37 Ani laakkossa tarkaaffii tiyyaa duudii isatti hima;

akka sooressa guddaa tokkoolle isatti dhikaadha.

38 «Worra lafa qabu cunqursee

lafa isaaniille hunnaan fudhadhee qotee yoo jiraadhe,

39 midhaan isaanii kaffaltii malee nyaadhee,

akka isaan du'anu godhee yoo jiraadhe,

40 lafa san irratti addee qamadi'ii qoreen

addee garbu'uu jigidaan ajowu latuu ti» jedhe.

Dubbiin Iyoobii as irratti dhumatte.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-