Publicidade

Jó 11

Zofaar

1 Achiin duuba Naa'imaatichi Zofaar deebisee,

2 «Dubbii hedduu tanaaf deebiin hin kennantuu ree?

Nami dubbatticha te'eef dhugaa dhaggataa ree?

3 Iyoob, dharti teeti nama cadhisiittii ree?

Yennaa ati murgitulle

nami si xixu hin jiru seetaa?

4 Ati Waaqaan, ‹Barsiisi kiyya sirri'i;

fuula Waaqaa duralle'etti

ani qulqullu'u› jetta.

5 Ammoo adoo Waaqi afaan ifii saaqatee,

sitti dubbate,

6 karaan qarumma'aa hedduu waan te'eef,

dhossaa qarumma'aa adoo sitti mudhise,

haga si'iif maltee gad

akka inni si adabe hin beettaayyu.

7 «Gad fageenna dhossaa Waaqaa

qorqortee beekuu dandeettaa?

Waaqa waan mara dande'u

qorqortee bira gewuu dandeettaa?

8 Guddinni isaa ol-gubbaa caalaa ol fagaata.

Ati maan godhuu dandeetta ree?

Gad fageenni isaalle qilee caalaa gad fagaata.

Ati maan beekuu dandeetta ree?

9 Guddinni Waaqaa lafa caalaa dheerata;

abbaayaa caalaalle badhata.

10 «Waaqi tana duudii irra dabaree dhufee,

mana hidha'aatitti si galchee

kora mura'aa sitti rare

eentu isa dhoogguu dande'a?

11 Inni kolbaa woy hin baane hin beeka;

inni yennaa yakkaa isaanii dhaggu

cadhisee hin ilaalaa?

12 Yoo harreen diidaa nama dhalte qofa

nami gowwaan qaroo te'uu dande'a.

13 «Ati gadhaa keeti yoo qajeelfatte,

harka keeti gara Waaqaa yoo badhifatte,

14 yakkaa harka keeti keessa jirtu

ifi irraa yoo fageessitee,

wonni hantuun dunkaana keeti keessaa

akka hin jiraanne yoo goote,

15 yennaa san dhugumaan qaanii malee,

mataa keeti ol hin qabatta;

sodaa maleelle jabaattee hin dhaabbatta.

16 Achiin duuba rakkoo teeti duudii hin deeta;

akka lolaa yaa'ee dabaree qofa isii qaabatta.

17 Jiruun teeti ifa saafowaa caalaa hin itti;

dukkantille akka ganamaa hin teeti.

18 Addiin waan jirtuuf atille addattee hin leeta;

Waaqi waan si eeguuf

sodaa malee fooraan hin leeta.

19 Eennulle adoo hin sodaatin hin ratta;

worri hedduun si duratti

fudhatama dhaggatiisa barbaadan.

20 Ilti worra hama'aa ammoo hin jaamti;

karaa miliqanu hin dhaggatanu;

muummeen isaanii du'a» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-