Publicidade

Jó 23

Iyoob

1 Achiin duuba Iyoob deebisee,

2 «Ani iyyaa aadulle

dhowichi isaa waan natti jabaateef,

haga ammaa gadhaan kiyya

gadda hama'aa fi gungussu'uun guutameera.

3 Addee isa itti dhaggu adoo beeke,

gara addee inni le'uu dhaqee,

4 silaa iyyata kiyya isatti dhikeeffadhee,

afaan kiyya guutadhee isatti hin dubbadhaayyu.

5 Waan inni naaf deebisu

sila hin beekaayyu

waan inni naan jedhulle

sila hin hubadhaayyu.

6 Waaqi hunna ifii guddo'oon

na morminnaa laati?

Waawwo'o! Inni naaf hin dhage'a.

7 Achitti nami qajeelaan haajaa ifii

Waaqa duratti dhikeeffata;

Waaqi abbaan mura'aa kiyyalle

haga bara baraa bilisa na hin baasa.

8 «Ani gara aduun baatu yoo dhaqe

inni achi hin jiru.

Gara aduun seentulle yoo deebi'e,

isa dhagguu hin dandeenne.

9 Yennaa inni gara kaabaatiin huju

ani isa dhagguu hin dande'u.

Yennaa inni gara kibbaallee deebi'uu

ani isa dhagguu hin dande'u.

10 Inni ammoo karaa ani deemu mara hin beeka;

yennaa inni haga na ilaalu

akka worqi'ii qulqulluu te'eeruun na dhagga.

11 Miilli kiyya faana isaa gula deema;

karaa isaa irraa asii fi achi hin goru.

12 Ajaja afaan isaatii bawu irraa,

ani hin fagaanne;

jecha isaalle gadhaa kiyyatti qabadheera.

13 «Waaqi hin jijjiiramu;

eennulle isa mormuu hin dande'u;

inni waan fedhe godha.

14 Inni waan naaf yaade mara hin muummessa;

wonni hedduun akkasii qalbii isaa keessa jirti.

15 Tanaaf ani isa duratti hin bararaqa;

yennaa waan kana mara hedu isa sodaadha.

16 Waaqi na sodaachise;

ka waan mara dande'u na bararasse.

17 Te'uu malee ani dukkanaan,

dukkana dimma fuula kiyya gollite saniin hin cadhinne.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-