Publicidade

Jó 14

1 «Barri nama foon uffatee gabaaba'a;

sunuu rakko'oon ka guutame.

2 Inni akka daraara'aa mudhatee,

yoosuma hin qoora;

akka gaaddisaa adoo hin turin hin dabara.

3 Ati nama akkasii kana ilaaltaa ree?

Mura'aaf ifi duratti na dhikeessitaa ree?

4 Waan qulqulluu hin te'in keessaa,

waan qulqulluu baasuu ka dande'u eennu?

Nami tokkolle hin dande'u.

5 Barri namaa ka murtaye;

ji'i inni le'uulle si biratti ka laakkowame.

Bara ati isaaf murteessite irra

ka dabaru hin jiru.

6 Nami qaxaramee huju

hujii ifii yennaa fixu akkuma gammadu,

namille bara dadhabbii ifii keessa

akka gammadu ossiif.

7 «Muki yoo murame

deebi'ee waan latuu fi

damee waan baafatuuf addii qaba.

8 Hiddi isaa lafa keessatti dulloomulle,

jirmi isaalle biyyee keessatti gogulle,

9 foolee bisaaniitiin deebi'ee hin quunxa;

akka biqiltuu reef lattuulle

damee hin baafata.

10 Nami ammoo du'ee hin bada;

eega du'e deebi'ee hin dhaggamu.

11 Akkuma bisaan abbaayaa keessaa ol fiilee dhabamuutii fi

akka bisaan laga keessaa goguu,

12 akkasuma nami du'e

deebi'ee hin ka'u;

ol-gubbaan haga dabartutti hin dammaqu;

yookiin hirriiba irraa hin ka'u.

13 «Mufiin teeti haga dabartutti

addee worra du'eetitti adoo na dhossitee

guyyaa murteessitee

adoo na qaabatte hin fedhaayyu!

14 Nami eega du'e deebi'ee hin jiraataa ree?

Haga foorri naa dhufutti,

bara dadhabbi'iin lafa irra le'u duudii

ossaan hin eegadha'a.

15 Ati na hin waanta;

anille hin owwaadha;

ati hujii harka keetii na hin dharraata.

16 Achiin duuba tarkaaffii tiyya duudii hin laakkotta;

cubbuu tiyya ammoo natti hin heddu.

17 Akka huura subba keessa keyamee gatamuu,

balleessaa tiyya duudii na irraa hin gatta;

cubbuu tiyyalle hin balleessita.

18 Akkuma gaarri sigigaatee jijjigu,

akkuma rassaalle addee ifii irraa ka'u,

19 akkuma bisaan dhakaa qoqqotu

akkuma lolaan biyyee haru,

atille akkasuma addii namaa hin balleessita.

20 Hunni teeti haga bara baraa

isa irratti hin jabaatti;

innille hin du'a.

Bifa isaalle jijjiirtee

ifi duraa hin balleessita.

21 Ilmaan isaa yoo ulfinna dhaggatanu,

inni hin beeku.

Yoo isaan salphatanulle

inni hin dhaggu.

22 Dhibee nafa isaa qofatti itti dhage'ama;

inni ifi qofaaf bowa» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-