Publicidade

Jó 10

1 «Ani jiruu tiyya jibbeera;

tanaaf ittuma gungumaa,

hadhaa lubbuu tiyyaa hin dubbadha.

2 Ani Waaqaan,

‹Waan na loltuuf natti himi malee,

natti hin murin!

3 Mala worra hamoole'ee fudhattee,

hujii harka keetii tuffattee,

na cunqursiisi si hin gammachiisaa?

4 Ati ila nama foonii qaddaa ree?

Akkuma nami ilaalu ilaaltaa ree?

5 Guyyooti keeti akka guyyoota namaatii ree?

Yookiin woggooti keeti akka woggoota namaatii ree?

6 Ati maaf yakkaa tiyya barbaaddee,

cubbuu tiyya qorqorta?

7 Akka ani yakkaa hin qannee fi

harka keeti keessaa nami na baasu

akka hin jirre ati hin beetta.

8 «‹Ka miidhassee na dade harka keeti;

amma deebitee na balleessitaa?

9 Faara irraa akka na dadde qaabadhu;

ammalle biyye'etti na deebisu'uufii ree?

10 Ati akka aananii na dhangalaattee,

akka itittu'uu na hin itichinee ree?

11 Goga'aa fi foon natti uffittee,

lafe'ee fi ribu'uun wolitti qassiitte.

12 Ati jiru'uu fi jaalala bara baraa keeti

naaf kenniteerta;

eeddoon teeti

na jiraachitteerti.

13 Ati ada waan kana

gadhaa keeti keessatti dhoffatteerta.

Kun karoora keeti akka te'e

ani hin beeka.

14 Ani yoo cubbuu huje

ati hin dhaggita;

yakkaa tiyyalle

adaddu malee hin lakkittu.

15 Hamaalessa yoo te'e,

naaf aanne'e!

Nama balchaa te'ulle

dande'ee mataa kiyya ol hin qabadhu.

Ani waan salphadheef

rakko'oon guutameera.

16 Yoo mataa kiyya ol qabadhe,

ati akka neenqaa na adansita.

Na miidhiisaafille

itti deddeebitee hunna teeti sodaachittuu

natti mudhitta.

17 Ati dhugaa baatota haareya na irratti kaatta;

mufii teeti natti fakkansita;

loltoota haareya natti fidda.

18 «‹Waaqa kiyya, maaf akka ani dhaladhu na goote?

Ilti nama tokkoolle

adoo na hin dhaggin

adoo du'ee hin jiraadhuu!

19 Adoo dhalatiisa hin dhabuu!

Yookiin gadaamessa keessaa

gara awwaalaa adoo hin geeffamuu!

20 Barri jiruu tiyyaa gabaaba'aa motii?

Bara gabaabaa kana keessatti

diqqumalle akka gammadu na lakkis.

21 Ani gara lafa deebi'anee hin gallee,

lafa dimimmisaatii fi dukkana dimmaa,

22 gara lafa dukkana dimmaa

gara lafa gaaddisa du'aa

gara lafa nageya hin qannee,

addee ifi akka dukkanaa te'e

adoo hin dhaqin

diqqumalle akka gammadu na lakkis› hin jedha» jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-