Pular para o conteúdo
Publicidade

amor de Deus

Por Bíblia Online

O amor de Deus é a maior realidade do universo. Ele nos amou com amor eterno, incondicional e sacrificial — e nada no mundo pode nos separar desse amor.

Amor eterno

Deus amou o mundo de tal maneira que deu o seu Filho. Seu amor é de eternidade a eternidade — nunca falha.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe:

"Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera;

kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.

Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha;

daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Natureza do amor divino

Deus é amor. O amor é paciente, benigno. O amor do Pai nos adota como filhos e nos transforma à sua imagem.

Jaalala Waaqaatii fi Jaalala Keenya

Yaa michoota, jaalalli kan Waaqaa waan taʼeef kottaa wal jaallannaa. Namni jaallatu hundi Waaqa irraa dhalate; Waaqas ni beeka. Sababii Waaqni jaalala taʼeef, namni hin jaallanne hundi Waaqa hin beeku.

Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge. Yaa michoota, erga Waaqni akkana nu jaallatee nus wal jaallachuu qabna.

Kanaafuu jaalala Waaqni nuuf qabu beekneerra; amanneerras.

Waaqni jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Waaqa keessa jiraata; Waaqnis isa keessa jiraata.

Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.

Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Yaa obboloota, ani ajaja moofaa isuma jalqabaa kaasee isin bira ture sana malee ajaja haaraa isinii hin barreessu. Ajajni moofaan kunis ergaadhuma isin dhageessan sana. Taʼus ani ajaja haaraa tokko isiniif nan barreessa; sababiin isaas dukkanichi darbaa, ifni dhugaa immoo waan amma iyyuu ifaa jiruuf dhugaan isaa isa keessattii fi isin keessatti ni mulʼata.

Waaqa jaallachuun ajaja isaa eeguu dha. Ajajni isaas hin ulfaatu.

Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu.

Expressões do amor de Deus

O Senhor nos ama com alegria e canta sobre nós. Queni a mim vem, amará; e quem me ama, o Pai o amará.

Waaqayyo Waaqni kee

inni si wajjin jiru jabaa dha.

Inni baayʼee sitti gammada;

inni jaalala isaatiin si boqochiisa;

faarfannaadhaanis sitti gammada."

Ani warra na jaallatan nan jaalladha;

warri na barbaadanis na argatu.

Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef,

anis waanan si jaalladhuuf,

qooda kee namoota

qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.

Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti,

jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.

Jaalala kee warra si beekaniif,

qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Garuu Waaqni araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Kiristoos wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.

Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqaatii fi gara obsa Kiristoositti haa qajeelchu.

Seja o primeiro