Amor fraternal
O amor fraternal é marca dos discípulos de Cristo. Nisto conhecerão que sois meus discípulos: se tiverdes amor uns aos outros.
Amar uns aos outros
Este é o meu mandamento: que vos ameis uns aos outros como Eu vos amei. O amor fraternal é testemunho ao mundo.
Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha’a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a. Isin wol yoo jaalattane, namooti marti akka isin barattoota tiyya teetane hin beekan» jedhe.
Ajaji kiyya kana: akkuma ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a.
Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
Wol Jaaladha’a
Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana.
Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du’a keessaa gara jiru’uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du’a keessatti hafa.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna. Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree? Ijoolle! Dubbi’iin yookiin afaan calla’aan adoo hin te’in, huji’ii fi dhuga’aan wol jaalannuu ti.
Waaqi Jaalala
Jaalota tiyya! Jaalaltiin Waaqa irraa waan teeteef, kowa’a wol jaalannaa! Nami jaalatu maraa ilma Waaqaa ti, Waaqalle hin beeka.
Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge. Jaalota tiyya! Waaqi akkana yoo nu jaalate, nuutille wol jaalatuu qanna. Eennulle Waaqa ijjumaa hin dhaggine; yoo wol jaalanne Waaqi nu keessa hin jiraata, jaalaltiin isaalle nu keessatti guutuu teeti.
Eennulle «Ani Waaqa hin jaaladha» jedhaa, obboleessa ifii ammoo yoo jibbe, inni dharaamessa; obboleessa ifii ka ilaan dhaggu ka hin jaalanne, Waaqa ilaan hin dhaggine jaalatuu hin dande’u. Nami Waaqa jaalatu, obboleessa ifiille jaalatuu qaba, ajaja jedhu Kiristoos nu’uuf kenneera.
Expressões de amor fraternal
Amai-vos com afeição fraternal. O amor cobre multidão de pecados. Perseverai no amor fraterno.
Akka obboleeyyanii o’isa’aatii wol jaaladha’a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma’a.
Wol Jaalatuu
Beenyaa eennuulle hin qabaatina’a; beenyaan isin qabaatuu qaddanu wol jaalatiisa qofa te’uu ti; nami nama jaalatu Seera muummesseera.
Dansaa Hujiisaan Rakkoo Fudhatuu
Muummee irratti, isin duudiin yaada tokkoon wolii gala’a; woliif dhiiga’a; akka obboleeyyanii wol jaaladha’a; arjoole’ee fi worra ifi gad qabu te’a’a.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.
Marroo wol jaalatiisaa isinuu Waaqa irraa waan barattaneef attam akka wol jaalattanu barreessiisa hin barbaachisu.
Tajaajila Waaqa Gammachiisu
Yennaa mara akka obboleeyyanii wol jaaladha’a! Keessummaa fudhattanee keessummeessiisa hin dedhina’a; sababille akkas godhiisaan namooti gariin adoo hin beekin ergantoota Waaqaa fudhatanee keessummeessaneeran. Akka isaan woliin hidhantanee jirtanuutitti, worra hidhameeru yaadadha’a! Akka isaan woliin rakkatiisatti jirtanuutitti, worra rakkinna fudhatiisatti jiru yaadadha’a!
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.
Yesuus deebisee, « ‹Waaqa Goottaa keeti, gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaaladhu›. Ajaji guddichi duraa isaa kana. Lammeessoolle isuma fakkaata: ‹Ollaa keeti akka mataa keetii jaaladhu›.
Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane.