Publicidade

Amós 3

Raaga Israa'el Irratti Dubbatame

1 Ee kolbaa Israa'elii,

dubbii Mootiin Waan Maraa

isin worra biyya Gibxi'ii keessaa baase maratti

dubbatu tana dhage'a'a!

2 Inni, «Ani kolbaa biyya lafaa keessaa isin callaa filadhe;

tanaaf cubbuu teessan maraaf ani isin hin adaba» jedheera.

3 Nami lama woliin deemiisaaf adoo wolii hin galin

karaa hin deemanii?

4 Neenqi gongomaa keessatti

waan adansee nyaatu adoo hin dhaggin

dhangaa hin dhowaa?

Neenqi dardarri waan tokko adoo hin qabatin

mandhee ifii keessaa hin gurura'aa?

5 Sinbirreen fonxoroo adoo itti hin afamin

lafa irratti tiyyoo keessa hin seentii?

6 Tultullaan lolaa qachaa keessatti yennaa afuufamu,

kolbaan hin sodaattuu ree?

Mootiin Waan Maraa adoo hin eeyyamin

wonni hantuun qacha'atti hin dhuttii ree?

7 Dhugumaan Goottaan, Mootiin Waan Maraa

dhossaa jirtu tajaajiltoota ifii raagotatti adoo hin mudhisin

waan tokkolle hin godhu.

8 Neenqa dhangaa dhowe,

ka hin sodaanne eennu ree?

Mootiin Waan Maraa eega itti dubbatte,

ka raaga hin dubbanne eennu ree?

Badii Qachaa Samaariya'aa

9 Kushee jajjadduu Ashidoodiitii fi

kushee jajjadduu biyya Gibxi'iititti lallaba'aatii,

«Gaara Samaariya'aa irratti wolitti qabama'a;

hogaa isii keessaatii fi

cunqursaa odduu kolbaa isi'ii jiru ilaala'a» jedha'aan.

10 Mootiin Waan Maraa, «Isaan waan sirrii te'e

attam akka hujanu hin beekanu;

waan hunnaan nama irratti ka'anee

saamaneen mana ifii guutatan» jedha.

11 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa,

«Diinni lafa hin qabata;

kushee jajjadduu teessan diigee

mana keessanille hin saama» jedha.

12 Mootiin Waan Maraa,

«Akkuma tisseen afaan neenqaa irraa

lafee lukaa lama yookiin gurra ciccitaa callaa buufattu,

Israa'elooti Samaariyaa keessatti qaccee taqee ifii irra,

Damaasqoo keessattille taqee gaggabaadduu ifii irra tee'anu,

akkasuma hin hafan» jedha.

13 Goottaan Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara Dande'u,

«Tana dhage'a'aatii sanyii Yaaqoobii irratti dhugaa baya'a.

14 Guyyaa ani marroo cubbuu isaaniitiif Israa'eloota adabu,

addee ciinca'aa ta Bet'elii hin diiga;

gaafoti addee ciinca'aa

muramanee lafa harca'an.

15 Ani mana isaan yennaa gannaatii fi

yennaa bonaa keessa tee'anu mara hin diiga;

manni ilka arbaatiin seefamee ijaarame marti hin bada;

Galmi gugurdaalle barbadeeffamee bada» jedha.

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-