Publicidade

Amós 8

Saaxaraa Midhaan Bilchaate Keessa Jiru

1 Goottaan, Mootiin Waan Maraa,

mudhii dhibii natti mudhisee

kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka dhagge.

2 Inni, «Ee Amos maan dhaggiisatti jirta?» naan jedhe;

anille deebisee, «Kollonjoo midhaan bilchaate keessa jiru takka» jedheen.

Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,

«Kolbaan tiyya Israa'el dhumatiisa geetteerti;

haganaa achi ani adoo isaan hin adabin irra hin dabaru.

3 Faaruun Galma Waaqaa keessaa

gara bowaa hin jijjiiranitti;

reeffi namaa hin bacata;

addee maralle'etti hin gatama.

Cadhi hin jedhan» naan jedhe.

Jinnana Israa'elii

4 Isin rakkataa irra worri sirbitanu,

hiyyeeyyii lafa irraa worri balleessitanu,

tana dhage'a'a!

5 Isin, «Midhaan akka gurgurannuuf,

jilti baatii ji'aa yoom dabarti?

Qamadii dikkoo akka geeffannuuf,

waan itti safarru diqqeessinee

gatii guddo'otti akka gurguranu,

madaallii sobaalle'een

midhaan akka gurgurannu

Sanbati yoom dabara?

6 Silaa worra hiyyeeyyii meeti'iin,

worra rakkataa kophee miilaatiin

hin bitannaayyu.

Qamadii huura qaddulle

hin gurgurannaayyu» jettan.

7 Mootiin Waan Maraa

ulfinna ifii ka Yaaqoobiin jajatuun kakatee,

«Ani hujii isaan hujane mara hin dedhu» jedheera.

8 Waan kanaan latti tachootee,

worri isii keessa le'u marti hin bowanuu ree?

Latti duudiin akka Laga Nayilii ol kaatee,

akka bisaan laga Gibxi'ii

ol faca'ee gad deebi'u hin teetuu ree?

9 Goottaan Mootiin Waan Maraa,

«Guyyaa san aduun saatii jaatti

akka seentu hin godha;

ifa guyya'aa keessa

latti akka dukkanoottu hin godha.

10 Jila teessan ta wogga'aa gara gaddaatitti,

faaruun teessan gara bowaatitti hin jijjiira.

Ani akka isin woyaa gaddaa uffattanu,

mataa keessanille akka haadattanu hin godha.

Akka bowa worra ilmi tokkochi qabanu irraa du'ee,

dhuma guyyaa sanii ka hadhowe hin godha» jedheera.

11 Goottaan Mootiin Waan Maraa,

«Kunoo barri ani lafa tana irratti beela fidu hin dhufa;

beelti sun ta namooti jecha Mootii Waan Maraa

dhage'iisa dhabanee beelotanu malee,

beela sagale'ee yookiin dheebuu bisaaniitii moti.

12 Namooti jecha Mootii Waan Maraa barbaadatiisaaf,

abbaayaa takka irraa gara abbaayaa taanii,

kaaba irraa gara kibbaa hin joonjan;

isaan ammoo isa hin dhagganu.

13 «Bara san durri shashaggoole'ee fi

dhiirti dargaggooti jajjab dheebotanee hin gaggaban.

14 Worri waaqa dharaa ka Samaariyaa keessaatiin kakatu,

yookiin ka, ‹Ee, Daan, dhugaa waaqa jiraata keetii› jedhu

yookiin ka, ‹Dhugaa waaqa Bersheeba'aa› jedhu,

isaan hin jigan; deebi'aneelle hin ka'anu» jedha.

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-