Publicidade

Amós 7

Awwaannisa, Ibiddaa Fi Tumbii

1 Kun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise:

Midhaan mootichaa haammamee galeen duuba,

haaga'een yennaa lattu

Mootiin Waan Maraa awwaannisa buuse.

2 Awwaannisi marra lafa irraa nyaatee yennaa fixe,

ani, «Ee Gootta'a Mootii Waan Maraa,

maganne'e Israa'eliif araaram;

Israa'el hunna waan hin qanneef,

attam waan kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.

3 Maarre Mootii Waan Maraa marroo waan kanaa gaabbee,

«Tun hin teetu» jedhe.

Mudhii Ibiddaa

4 Tun waan Goottaan Mootiin Waan Maraa natti mudhise: Goottaan Mootiin Waan Maraa ibidda mura'aa waame; ibiddi sun abbaayaa qile'ee gossee lafa luxub godhe. 5 Achiin duuba ani, «Ee Gootta'a Mootiin Waan Maraa,

ibidda kana akka dhaamu godhi;

Israa'el hunna waan hin qanneef,

attam ibidda kana irraa hafuu dandeetti ree?» jedhee daadimadhe.

6 Maarre Mootiin Waan Maraa

marroo waan kanaa gaabbee, «Tun hin teetu» jedhe.

Mudhii Tumbi'ii

7 Mootiin Waan Maraa mudhii dhibii natti mudhise:

Kunoo Mootiin Waan Maraa tumbii qabatee,

dalleya dhaka'aa ka tumbi'iin qajeelfame

ijaarsa bira dhaabbateeraayyu.

8 Inni anaan, «Amos!

Maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate.

Anille, «Tumbii dhaggiisatti jira» jedheen.

Achiin duuba Mootiin Waan Maraa,

«Kunoo, ani tumbii kolbaa tiyya Israa'el odduu hin keya;

haganaa achi ani adoo isaan hin adabin

irra hin dabaru.

9 Addeen waaqonfanna'aa ta Yisihaqii hin baddi;

addeen woyyittiin Israa'eliille hin diiganti;

sanyii Yerobi'aamii mootichaa irratti

ani shallaagaa kiyyaan hin ka'a» jedhe.

Amosii fi Amaasiyaas

10 Achiin duuba hayyichi Bet'elii Amaasiyaas,

gara Yerobi'aamii mootii Israa'elii ergaa ergee,

«Kunoo Amos kolbaa Israa'elii oddu'utti

mala si'itti dhowiisatti jira;

waan inni dubbatiisa jiru

latti tun ba'atiisa hin dandeettu.

11 Inni, ‹Yerobi'aam shallaaga'aan hin du'a;

kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii

booji'antee hin ideenti› jedha» jedheen.

12 Achiin duuba Amaasiyaas Amosiin,

«Ee ati nama mudhii dhaggitu,

gara biyya Yihuda'aa baqadhuu asii deemi;

achitti raaga dubbataa,

sagalee ittiin nyaadhu.

13 Bet'el addee woyyittii mootichi itti sagadu,

Galma Waaqaa ka mootumma'aa waan teeteef,

addee tanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen.

14 Amosille deebisee Amaasiyaasiin,

«Ani nama horii tissaa,

muka harru'uulle kunuunsu malee

raagichaa moti

yookiin ilma raagichaalle'ee moti.

15 Mootiin Waan Maraa ammoo

addee ani horii tissuu na fuudhee,

‹Dhaqiitii kolbaa tiyya Israa'elitti

raaga dubbadhu› naan jedhe.

16 Ammalle ati

jecha Mootii Waan Maraa dhage'i;

ati, ‹Israa'el irratti raaga hin dubbatin;

kolbaa Israa'elii

sanyii Yisihaqiititti hin lallabin!›

naan jetteerta.

17 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa,

‹Haati manaa teeti qachaa keessatti

sagaagaltittii hin teeti;

ilmaan teetii fi durri teeti

shallaaga'aan hin du'an.

Lafa teeti wodaro'oon mikanee hin qoodaman;

atille lafa worra Yihudoota hin te'inii keessatti hin duuta;

kolbaan Israa'eliille dhugumaan biyya ifiitii booji'antee

hin ideenti› jedha» jedhe.

Veja também

Publicidade
Amós
Ver todos os capítulos de Amós
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-