Amor próprio
O amor próprio saudável reconhece o valor que Deus nos deu. Fomos criados à imagem de Deus, maravilhosamente formados. Aceitar-se é honrar o Criador.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ee Waaqa, yaadi keeti hubatiisaaf
attam attam natti ulfaata!
Guutumatti attam attam bacata!
Ani laakkowiisaaf yoo wodhaane,
maansa caala hin bacata;
ani yennaa dammaqu,
ammalle sima woliin jira.
Ani ol-gubbaa ati dadde,
hujii harka keetii,
ji’aa fi urjoota ati dadde
yennaa ilaalu,
akka ati isaaf yaadattuuf,
nami maan inni?
Akka ati isa kunuunsituuf,
ilmi namaa maan inni?
Ati diqquma Waaqa isa hanqittee,
kallacha guddinnaa fi ulfinnaa itti keette.
Inni hiyyeeyyii bukuu keessaa kaasa;
worra rakkataalle
tuulaa daadha’aa keessaa ol fuudha.
Inni qondaaltota woliin,
qondaaltota kolbaa ifii woliin isaan teessisa.
Mootiin Waan Maraa ammoo Saamu’eliin, «Ani waan isa tuffadheef bifa isaa yookiin dheerinna hojjaa isaa hin ilaalin; Mootiin Waan Maraa akka nami ilaalu hin ilaalu; nami fuula ilaala; Mootiin Waan Maraa ammoo qalbii ilaala» jedhe.
Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti’ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.
«Sinbirrooti didiqqoon shanan saantimii lamaanitti gurgurantii motii? Te’uu malee isaan san keessaa takkattiin Waaqa duratti dedhantee hin jirtu. Rifeensi mataa keessaniituu maraa laakkowameera. Maarre hin sodaatina’a; isin sinbirroota didiqqoo san caalaa gatii guddoo qaddan.
Akkasuma isin martinuu qixxee Waaqi dhugeeffannaa isinii kenneetitti ifi gad qabiisaan yaadadha’a malee, haga isinii malteen irra ifi jajiisaan marroo teessaniif hin yaadatina’a jedhee, badhaadha naa kennameen isinii hima.