Amor próprio
O amor próprio saudável reconhece o valor que Deus nos deu. Fomos criados à imagem de Deus, maravilhosamente formados. Aceitar-se é honrar o Criador.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata!
Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!
Utuu ani isaan lakkaaʼee jiraadhee,
silaa lakkoobsi isaanii cirracha irra baayʼata.
Ani yeroon dammaqutti, amma iyyuu suma wajjinan jira.
Yommuu ani hojii quba keetii,
samiiwwan kee,
jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,
akka ati isaaf yaadduuf namni maali?
Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?
Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote;
ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.
Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa;
rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
inni bulchitoota gidduu,
bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
Waaqayyo garuu Saamuʼeeliin, "Ani isa tuffadheeraatii bifa isaa yookaan hojjaa isaa hin ilaalin. Waaqayyo waan namni ilaalu hin ilaalu. Namni bifa ilaala; Waaqayyo garuu waan garaa keessa jiru ilaala" jedhe.
Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.
Daaloteen shan saantima lamatti gurguramu mitii? Isaan keessaa garuu tokko iyyuu Waaqni hin irraanfatu. Dhugumaanuu rifeensi mataa keessanii hundi lakkaaʼameera. Hin sodaatinaa; isin daalotee hedduu caalaa gatii qabduutii.
Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.