Ânimo
O ânimo vem de Deus. Ele nos fortalece, nos encoraja e renova nossas forças. Quando o desânimo chega, as promessas de Deus nos levantam e nos impulsionam a seguir em frente.
Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;
ani eenyunan sodaadha?
Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa;
inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite;
irree keetiinis na jabeessite.
Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
Waaqni hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.
Sabnis akkana jedhee deebiseef; "Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee Waaqayyoon dhiisuun nurraa haa fagaatu! Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Waaqayyo Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege.
Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan.
Akka isin jabaattaniifis kennaa hafuuraa isinii hiruuf isin arguu baayʼee nan hawwa; kunis akka isinii fi ani amantii keenyaan wal jajjabeessinuuf.
Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu
Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema.
Kanaafuu akkuma amma gochaa jirtan kana wal jajjabeessaa; wal ijaaraas.
Kanaaf yaa obboloota, nu dhiphinaa fi ariʼatama keenya hunda keessatti amantii keessaniin waaʼee keessan jajjabaanneerra.