Aniversario de casamento
O aniversário de casamento celebra a fidelidade de Deus na jornada do casal. Cada ano juntos é testemunho da graça divina que sustenta o amor na vida a dois.
Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;
itti gammannee firinxiindhuu ti.
Qaroolee akka teenu,
barri jiruu teennaa
gabaabaa akka te’e akka beennu nu barsiisi.
Gammada worri dhibiin
midhaanii fi woynii ifii irraa dhaggatu caalaa,
ati na gammachiitteerta.
Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin» jedhe.
Jaalalli ossaamessa; jaalalli arja’a; jaalalli hin hinaafu; hin bondhooru; ifi hin jaju. Jaalalli jallichaa moti; jaalalli bu’aa ifii qofa hin barbaadu; jaalalli hin bilinjawu; jaalalli yakkaa hin laakkowu. Jaalalli dhuga’atti malee, hammeennatti hin gammadu. Jaalalli yennaa mara hin ossa; yennaa mara dhugeeffata; yennaa mara hin addata; yennaa mara ciniinnatee ossata.
Waaqa Galateeffachuu
Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha.
Jaalallee tiyya, ati attam attam dansitti’i!
Womaa dhidhinna hin qaddu.
Ani ta jaalallee kiyyaa ti;
inni na halcha.
Bisaan guddaan
ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande’u;
lolaan haree hin dande’u.
Nami tokko qabeenna mana ifii mara
jaalalaaf yoo kenne,
ijjumaa hin tuffatama.
Obboleeyyan Waajibitti’ii
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a.
Galataa Fi Daadimannaa Phawuloosii
Ani yennaa isin qaabadhu maraa Waaqa galateeffadha;