Aniversário de criança
O aniversário de uma criança é momento de celebrar o presente precioso que Deus deu. Cada criança é formada e conhecida por Deus desde antes de nascer.
Keessa namummaa tiyyaa ka dade si’i;
gadaamessa haadha tiyyaa keessatti
sittuu na dade.
Ani baasa maso’oo te’ee waan dadameef,
ani si leellisa;
hujiin teeti waan maade’ee ti;
anille tana miidhassee beeka.
Ani yennaa addee dhossa’aatitti dadame,
qilee gadaamessaa keessatti dadame;
lafeen tiyyaayyuu si duraa hin dhokanne.
Gadhaa haadha tiyyaa keessatti,
adoo ani dhiigaatuu,
ilti teeti na dhaggite;
dhaladhee barri jiruu tiyyaa
laakkowamiisa adoo hin jalqabin,
guyyooti naaf yaadamane marti
kitaaba keeti keessatti barreeffamane.
Ee Waaqa, yaadi keeti hubatiisaaf
attam attam natti ulfaata!
Guutumatti attam attam bacata!
Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;
itti gammannee firinxiindhuu ti.
Qaroolee akka teenu,
barri jiruu teennaa
gabaabaa akka te’e akka beennu nu barsiisi.
Gadhaa haadha tiyyaa keessaa
akka dhaladhu sittuu godhe;
dhaloota kiyyaa jalqabee sitti irkadheera;
ani yennaa mara si leellisa.
Ani waan tokko Mootii Waan Maraa gaafadha;
isiille dhaggatuu barbaada:
bara jiruu tiyyaa mara
mana Mootii Waan Maraa keessa akka le’u,
dansummaa isaa akka dhaggu,
Dunkaanii Woyyittii isaa keessatti
akka isa barbaadadhu.
Ati nageyaan akka dhaladhu na gootee,
harma haadha tiyyaa irralle’etti na eedde.
Gadaamessa haadha tiyyaatii jalqabee
ka na eege si’i;
gadhaa haadha tiyyaatii jalqaddee
ati Waaqa kiyya teeteerta.
Ani mucaa kana akka naaf kennu waan isa gaafadheef, Mootiin Waan Maraa waan ani isa gaafadhe naaf kenne.
Yennaa ani mana abbaa kiyyaatitti mucaa diqqa’aa,
haadha tiyyaaf ilma tokkochaa san,
abbaan kiyya na barsiisee,
«Jecha kiyya mara
gadhaa tokkochaan qabadhu;
hin leetaa,
ajaja kiyya eegadhu.
Yennaa mara Gootta’aan gammada’a! Ittuma deebi’ee jedha, gammada’a!
Daa’inni guddatee jabaate; qarummaalle’een ka guutame te’e; badhaadhi Waaqaalle isa irra jira.