Aniversário de criança
O aniversário de uma criança é momento de celebrar o presente precioso que Deus deu. Cada criança é formada e conhecida por Deus desde antes de nascer.
Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;
gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.
Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef
sin galateeffadha;
hojiin kee dinqisiisaa dha;
kanas ani akka gaariittan beeka.
Yeroo ani iddoo dhoksaatti uumame,
lafeen koo si duraa hin dhokanne.
Yeroo ani dhidhima lafaa keessatti tolfame,
iji kee dhagna koo kan hin tolfamin arge.
Guyyoonni duraan dursanii naaf murteeffaman hundi utuu hin jiraatin,
kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru.
Yaa Waaqi, yaada kee hubachuun akkam ulfaata!
Baayʼinni isaas akkam guddaa dha!
Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha;
kottaa ni ililchina; itti gammannas.
Akka nu garaa ogummaadhaan guutame qabaannuuf,
bara keenya lakkaaʼuu nu barsiisi.
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;
gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.
Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Waaqayyoo keessa jiraachuu,
miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa kadhachuu dha.
Ati garuu gadameessa keessaa na baafte;
harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame;
erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
Ani mucaa kana argachuuf kadhadheera; Waaqayyos waan ani isa kadhadhe naaf kenneera.
Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,
yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,
inni akkana jedhee na barsiise;
"Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;
seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.
Isin yeroo hunda Gooftaatti gammadaa. Ammas ani irra deebiʼee nan jedha, gammadaa!
Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Waaqaas isa irra ture.