Ano novo
O Ano Novo é oportunidade de renovação e consagração. A Bíblia convida a esquecer o que ficou para trás e avançar em fé, confiança e esperança em Deus.
Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te’uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha. Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba’aa na waamee naaf kennu.
Gara Waan Yaadatamee Geyiisaaf Rukkisuu
Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu’uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa naaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha. Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te’uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha. Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba’aa na waamee naaf kennu. Yoona nuuti worri jiruu ayyaanaatiin bilchaanne maraa yaada tokko qabaatuu qanna; waan tokko tokko irratti yaada adda addaa yoo qabaattanelle, Waaqi sanille isiniif hin mudhisa.
Tanaaf eennulle Kiristoosiin yoo jiraate inni dada haareya; dadi dullattiin tartee, dadi haaretti dhutteerti.
Addii Jiraattuu
Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiif galanni te’u! Inni marartii ifii guddo’oon du’a keessaa ka’iisa Yesuus Kiristoosiitiin addii jiraattuu tanatti akka jiraannuuf haareya godhee nu uumateera.
Ee Waaqa, gadhaa qulluu naa dadi;
ayyaana haareya hin jijjiiranne naa kenni.
Fuula keeti duraa na hin fageessin;
Ayyaana keeti Woyyichalle na irraa hin fudhatin.
Mootii Waan Maraa duratti cadhisiitii,
ossaan isa eeggadhu;
worra hamaaleyyii
yaad hamaan isaanii toleef itti hin aarin.
Mootiin Waan Maraa attam attam dansaa akka te’e
qorqora’aatii ilaala’a;
nami isatti baqatu ka gammade.
Worri Mootii Waan Maraa addatu ammoo,
hunna ifii hin haareffatan.
Isaan akka risa’aa koolaan hin ka’an;
hin rukkisan; hin laafanu; hin ideeman; hin dadhabanu.
Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.
Ani bisaan qulqulluu isinitti hin fiffixa; isinille battummaa teessan maraa fi waaqota dharaa keessan mara irraa hin qulqulloontan. Ani qalbii haareya isiniif hin kenna; ayyaana haareya isin keessa hin keya. Ani mataa jabeenna keessan ka akka dhaka’aa isin keessaa baasee, qalbii ajajantu isiniif hin kenna. Ani ayyaana kiyya isin keessa hin keya; akka seerata kiyyaatitti akka isin ideentanuu fi ajaja kiyya miidhassitanee akka eegattanu hin godha.
Kana mara caalaa jaalala waan mara tokkummaa miju’uun wolitti hidhu uffadha’a. Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te’iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te’a.
Waaqi waan mara yennaa isi’iititti miidhassee dadeera. Inni halchaa yennaa dhuma hin qannee yaada namootaa keessa keyeera; te’uu malee isaan waan Waaqi jalqabaa haga dhumaatitti godhu beekuu hin dande’anu.
Abbootiin teenna yennaa diqqo’oof akkuma dansaa fakkaattee isaanitti mudhattetti nu adabane; Waaqi ammoo akka nuuti woyyummaa isaa qoodannuuf, bu’aa teennaaf nu adaba. Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma’aa ka nageyaan guutame hin buuchi.
Ifi Jajuu Irraa Ifi Eeggachiise
Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu’aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa’a! Isin waan boru te’u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo’oof mudhattee deebitee badduu ti. Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane. Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu’u. Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.