Publicidade

Arca da aliança

Por Bíblia Online

A Arca da Aliança era o símbolo mais sagrado de Israel — representava a presença de Deus no meio do seu povo. Sobre ela brilhava a glória do Senhor entre os querubins.

Saanduqa Gondooro’oo

«Saanduqa Gondooro’oo ta dheerinni isi’ii ciqilee lamaa fi wodhakka’aa, badhinni isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa, hojjaan isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa muka gololchaa irraa akka hujanu tolchi. Keessa isi’iitii fi duuba isi’ii worqii itti gonfi; roga isi’ii irra naannessiitii xiyyoo worqi’ii itti huji. Qubee worqi’ii afur hujiitii, lamaan gara tokkoon, lamaan gara kaaniin, miila isi’ii afurittuu qassiisi. Muka gololchaa irraa danqaraa bociitii worqii itti gonfi. Danqaraa isii ittiin ba’atanu, qubeelee Saanduqa Gondooro’oo ta gama lamaaniin jirtu san keessa loosi. Danqaraan sun qubeelee Saanduqa Gondooro’oo san keessuma tee’uutii malee achi keessaa hin bayin. Achiin duuba dhakaa baxxicha lama ka ajaji irratti barreeffame ka ani si’iif kennu, saanduqa gonddooro’oo san keessa keyi.

«Qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo ta worqi’ii, ta gumaa cubbu’uu irra keyanu ta dheerinni isi’ii ciqilee lamaa fi wodhakka’aa, badhinni isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa ta worqi’ii huji. Dada ol-gubbaaa ta koola qaddu lama worqii tumante irraa qaccee lama ta qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo irratti huji. Dada ol-gubbaaa san tokko qaccee gara tokkootitti, dada ol-gubbaaa ta lammeesso’oo qaccee garakaaniititti keyi; dada ol-gubbaaa ta koola qabanu san qaccee qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo lamaanittuu wolitti qassiisii tokko tolchi. Dadi ol-gubbaaa ta koola qabanu sun koola ifii ol badhifatanee qadaaddaa san irra gonbobanuu ti; fuula wolitti galanee, qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo san ilaalanuu ti. Qadaaddaa Saanduqa Gondooro’oo san Saanduqa Gondooro’oo gubbaa keyi; dhakaa baxxicha seerri irratti barreeffame ka ani si’ii kennu sanille Saanduqa Gonddooro’oo san keessa keyi.

Dada ol-gubbaaa ta koola qabanu lama ta qadaaddaa addee araara cubbu’uu ka Saanduqa Gondooro’oo irra jiranu wodhakka’atti si’iin wol dhaggee, achitti ajaja kiyya mara kolbaa Israa’eliitiif si’itti hin kenna.

Saanduqa Gondooro’oo

Bazaali’el Saanduqa Gondooro’oo ta dheerinni isi’ii ciqilee lamaa fi wodhakka’aa, badhinni isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa, hojjaan isi’ii ciqilee tokkoo fi wodhakka’aa muka gololchaa irraa huje.

Dhaabamiisa Dunkaanii Woyyitti’ii

Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Dunkaanii Woyyittii, Dunkaanii Woldeenna’aa san ji’a tokkeesso’oo guyyaa qaraa dhaabi. Saanduqa Gondooro’oo ka dhakaan baxxichi ajaji kudhan irratti barreeffameeru keessa jiru san isii keessa keyiitii, golla’aan golli.

Inni dhakaa baxxicha lamaan ajaji irratti barreeffameeru san fuudhee Saanduqa Gondooro’oo keessa keye; danqaroota qubeelee Saanduqa Gondooro’oo keessa galchee, qadaaddaa addee gumaan araara cubbu’uu irra keyamu irra keye. Achiin duuba akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajajetti Saanduqa Gondooro’oo Dunkaanii Woyyittii keessa galchee, gollaa ittiin gollu fannisee, Saanduqa Gondooro’oo ta dhakaan baxxichi lama ka ajaji kudhan irratti barreeffameeru keessa jiru san golle.

Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf Dunkaanii Woldeenna’aa yennaa seene, qadaaddaa Saanduqa addee gumaan araara cubbu’uu irra keyamu ka dada ol-gubbaaa ta koola qaddu lamaan wodhakkaa jiru gubba’aa qoonqoo isatti dubbattu dhage’e. Mootiin Waan Maraa isatti dubbate.

Kolbaan Kaatee Deente

Maarre kolbaan gaara Mootii Waan Maraa gaara Siina’aatii kaatee guyyaa sad ideente. Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa addee isaan itti qubatanu isaaniif barbaadiisaaf guyyaa sadiin san isaaniin dura deeme. Yennaa isaan addee quttumaatii ka’anu, duumensi Mootii Waan Maraa guyyaa isaaniin gubbaarra deeme.

Yennaa Saanduqi Gondooro’oo ka’ee deemu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa, ka’i! Diinoti keeti bittinnowanuu ti; nyaaphoti keeti si duraa baqatanuu ti» jedhaayyu. Yennaa Saanduqi Gondooro’oo dhaabbatu mara Muuseen, «Ee Mootii Waan Maraa! Gara Israa’eloota kuma heddu’uu deebi’i» jedhaayyu.

Uleen Aaronii Quunxite

Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Israa’elootatti himiitii, sooressitoota gosa abbootii isaanii ta durii irraa ulee tokko tokko wolumatti ulee kudhanii lama fuudhiitii, ulee nama tokko tokkootuu irratti maqaa isaa barreessi. Sooressi gosa abbootii isaanii ta durii tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwi’ii irratti maqaa Aaronii barreessi. Uloota san fuudhiitii, addee ani si’iin itti wol dhaggu, Dunkaanii Woldeenna’aa keessa Saanduqa Gondooro’oo dura keyi. Achiin duuba uleen nama ani fileeruu hin quunxiti. Akka kanaan gungumiisa Israa’elootaa ta isaan yennaa mara si irratti gungumanu si irraa kuta» jedhe.

Maarre Muuseen kanuma Israa’elootatti hime; sooreyyiin gosa Israa’eliille akka gosa gosa ifiititti ulee tokko tokko, wolumatti ulee kudhanii lama isatti kennite; uloota san keessaa takkattiin ulee Aaronii ti. Achiin duuba Muuseen uloota san dunkaanii dhugaa bayaa keessaa Mootii Waan Maraa dura keye.

Boruyyaa, Muuseen gara dunkaanii dhugaa bayaa yennaa ol seene, uleen Aaronii ta maqaa gosa Lewwi’iitiin dhikaatte, quunxitee, daraartee, midhaan muka, «Almond» jedhamuu buutteertiiyyu. Achiin duuba Muuseen uloota san mara Mootii Waan Maraa duraa fuudhee Israa’eloota maratti mudhise. Isaan uloota san ilaalanee, sooreyyiin tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii fudhatane. Mootiin Waan Maraa Muuse’een, «Worra finqila’aaf beessisa akka teetu, ulee Aaronii Saanduqa Gondooro’oo duratti deebisi. Tun isaan na irratti gungumanee akka hin dhumanne gooti» jedhe. Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe.

Yennaa kolbaan Israa’elii laga Yordaanosii bu’iisaaf addee qubatanee ka’ane, hayyooti Saanduqa Gondooro’oo ba’atanee isaaniin dura deemane. Lagi Yordaanosii yennaa midhaan galchanu guutee danbala’a; hayyooti Saanduqa Gondooro’oo ba’ataneeranu laga Yordaanos geyanee akkuma faanti miila isaanii bisaan tuxxeen, bisaan gaara irraa gad yaa’u dhaabbatee, fagaatee haga qachaa Adaamii ka qachaa Zaaretaanii biraatitti eelee tuulame. Bisaan gara Abbaayaa Arabaayii dabaree gara «Abbaayaa Sooddaa» jedhantuutitti yaa’u ijjumaa cite. Tanaaf kolbaan gara Yeriko’oo gamatti buute. Israa’el duudiin lafa godduu irra deemaa yennaa bu’anu, hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba’atteertu, haga kolbaan marti laga Yordaanosii buututti, laga Yordaanosii wodhakkaa lafa godduu irra dhaabbatteertiiyyu.

Hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba’atteertu laga Yordaanosii keessaa baatee, miilli isaanii lafa godduu irra yennaa ijjate, lagi Yordaanosii addee ifiititti deebi’ee, akkuma durii guutee danbala’e.

Jinnana Qachaa Yeriko’oo

Sodaa Israa’elootaatiif, balbalti seensuma karra qachaa Yeriko’oo cufantee eegamaa turte. Nami tokkolle seenuu yookiin bayuu hin dandeenne. Mootiin Waan Maraa Iyaasu’uun, «Ilaa, ani qachaa Yeriko’oo, mootii isaatii fi loltoota isaa woliin harka keetitti dabarsee kenneera. Atii fi loltooti teeti haga guyyaa jaa, guyyaa keessatti yennaa tokko qachaa Yeriko’oo gogeessaan mara’a. Hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole’ee torba qabattee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deentuu ti. Guyyaa torbeesso’ootitti hayyooti tultullaa afuuttuun, atii fi loltooti teeti qachaa san yennaa torba cinaa mara’a. Isaan qoonqoo tultulla’aa adoo wol irraa hin kutin, tultullaa yennaa afuufanuun dhageettane, kolbaan marti qoonqoo ol qabattee iyyituu ti. Achiin duuba dalleenni dhaka’aa ka qacha’aa hin jiga; kolbaan sun nami tokkoon tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha’aa seenuu ti» jedhe.

Iyaasuun ilmi Nunii hayyoota waamee, «Saanduqa Gondooro’oo fuudha’aatii, isin hayyooti torba tultullaa gaafa korbeeyyii hoole’ee torba qabadha’aatii Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deema’a» jedhe. Inni kolba’aan, «Deema’aatii, qachaa gogeessaan marsa’a; worri meya lolaa hidhate Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraatiin dura deemuu ti» jedhe.

Maarre hayyooti tultullaa afuutte. Kolbaan akkuma tultullaa dhageetteen, qoonqoo guddo’oon iyyite; dalleenni qacha’aalle jige. Achiin duuba kolbaan sun nami tokko tokkonuu fuula ifii duraan gara qacha’aa seenee qabate.

Filisxeemoti Israa’eloota loliisaaf tarree galane; lolli akkuma jabaateen, Filisxeemoti Israa’eloota injifatanee, lola san keessa Israa’elooti kum afur ijjeefamane. Loltooti addee qubatanetti yennaa deebi’ane, jaarsoleen Israa’elii, «Mootiin Waan Maraa adha Filisxeemoti akka nu injifatanu maaf godhe? Akka inni nu woliin duulee harka diinota keennaa jalaa nu baasu, kowa’a dhandhee Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa Shiiloo keessaa as fidanna!» jedhane. Maarre kolbaan namoota gara Shiilo’oo ergitee, Saanduqa Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee, ka barcumaa mootumma’aa irra odduu dada ol-gubbaaa ta koola qaddu lamaanii tee’eeruu, achii akka fidanu goote; ilmaan Eli’ii lama Hofnii fi Fiinehaas Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaa san woliin achi jiraniiyyu.

Saanduqi Gondooro’oo ta Mootii Waan Maraa akkuma addee quttumaa dhufeen, Israa’elooti marti haga latti tachootutti guddoo ilillisane. Filisxeemotille ililleettii san yennaa dhage’ane, «Ililleettiin guddoon ta addee quttuma Ibrootaatitti dhage’antu tun maan?» jedhanee gaafatane. Isaan Saanduqi Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa gara addee quttumaa akka dhufeeru yennaa beekane, Filisxeemoti sodaatanee, «Waaqi dharaa tokko addee quttumaa dhufeera; tanaan qara wonni akkasii teetee waan hin beenneef, aanne’e nu’uuf! Aanne’e nu’uuf! Harka waaqota dharaa jajjaba kana jalaa eentu nu baasuu dande’a ree? Isaan kun waaqota dharaa ka balaa adda addaatiin worra Gibxi’ii goomolee keessatti dhowane. Ee Filisxeemota! Jabaadha’a! Dhiira te’aa! Akkuma qara worri Ibrootaa isiniif garba te’e, isinille isaaniif garba akka hin teene, dhiira te’aaatii lola’a!» woliin jedhane.

Maarre Filisxeemoti lolane; Israa’elootille injifatamanee marti isaanii gara mana ifii baqatane; nami bacaan dhumate; Israa’eloota keessaa loltooti kum soddom ijjeefamane. Saanduqi Gondooro’oo ka Waaqaa booji’amee, ilmaan Eli’ii lamaanuu Hofnii fi Fiinehaas ijjeefamane.

Mootiin Waan Maraa kolbaa Ashidoodiitii fi kolbaa adaala isaanii jiranu mara guddoo rakkisee, balaa iitaa isaanitti buuse. Worri Ashidoodii waan te’e kana yennaa dhaggane, «Waaqi nu’uu fi waaqa keenna Daagon waan adabeef, Saanduqi Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii as nu bira hin turin» jedhane. Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii gara qachaa Gaatii geessa’a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii gara qachaa Gaatii geessane. Saanduqa Gondooro’oo san qachaa Gaatii geessaneen duuba, raafami guddaan te’e; Mootiin Waan Maraa namoota qachaa sanii adabee, diqqa’aa haga gudda’aatitti iita itti buuse. Maarre isaan Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro’oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu’uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane. Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du’aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii nu irraa fageessa’aatii addee isaatitti deebisa’a» jedhane

Saanduqi Gondooro’oo Gara Israa’elii Deebi’e

Saanduqi Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa ji’a torba biyya Filisxeemotaa ture. Achiin duuba Filisxeemoti hayyoota ifiitii fi worra moru waamanee, «Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan maraa maan goona? Addee isaatitti attam akka deebinnu mala nutti hima’a!» jedhane. Isaanille, «Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqa Israa’elii yoo deebittane, kennansa sababa yakka’aatiif kennamu woliin deebisa’a malee duwwaa hin ergina’a. Achiin duuba isin hin fayyitan; innille maaf akka isin adabe hin beettan» jedhane.

Isaanille akkuma isaanitti himame godhane; sa’oolee lama fuudhanee garreettaa itti hidhane; jabbii isaanii ammoo biraa deebisanee mana itti cufane. Isaan Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa, fakkii hantuutaatii fi fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane san garreettaa san irra keyane. Sa’ooleen sunille karaa irraa bita’aa fi midda adoo hin gorin madhataa gara Bet-Shemeshii deemane; bulchitooti Filisxeemotaalle haga meessaa Bet-Shemeshii isaan gula deemane.

Yennaa san worri Bet-Shemeshii dhooqa keessatti qamadii haammatiisatti jiraniiyyu; isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa dhagganee guddoo gammadane. Garreettaan sun gara fichaa Iyaasu’uu ka nama Bet-Shemeshi keessa le’uu dhufee, dhakaa guddaa tokko bira dhaabbate; kolbaan muka garreettaa sanii falaxxee, sa’oolee qaltee kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. Worri Lewwootaa Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraatii fi saanduqa meya worqi’ii qabu ka isii bira jiru san dhakaa guddaa sanirra keyane; guyyaa san worri Bet-Shemeshii kennansa gubamu dhikeessanee ciincaalle Mootii Waan Maraatiif ciincessane.

Namooti qachaa Kiriiyat-Yaariimii dhufanee Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa san fudhatanee, gara mana Abinaadaabii ka kooba irra jiruu geessane. Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa san akka eeguuf ilma isaa Ele’azaar woyyoonsane.

Saamu’el Israa’el Irratti Abbaa Mura’aa te’e

Saanduqi Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa Kiriiyat-Yaariim keessa yennaa dheertuu, gara woggaa diddamaa ture. Kolbaan Israa’elii marti yennaa tana gara Mootii Waan Maraa iyyite.

Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro’oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda’aan fide. Worri Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa ba’ate tarkaaffii jaa akkuma deemanuun, Daawiti korma tokkoo fi dardara cooma tokko ciincaa dhikeessaayyu. Daawiti woyaa hayyumma’aa ta qomaa ta quncee talba’aa irraa hujante uffatee hunna ifii guutu’uun Mootii Waan Maraa duratti firinxiixe. Akka kanaan Daawitii fi kolbaan Israa’elii marti ilillisaa, tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooro’oo Ka Mootii Waan Maraa ol fidane.

Saanduqa Gondooro’oo Galma Mootii Waan Maraatitti Galchane

Achiin duuba mootichi Solomoon Saanduqa Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii Xiyoon keessaa akka fidanuuf, jaarsolee Israa’elii, sooressitoota gosa Israa’elii maraa fi qondaaltota fira Israa’elii Yerusaalemitti gara ifii waansise. Namooti Israa’elii marti, yennaa jilti gose’ee jilifantu, ji’a torbeesso’oo, ka «Etaaniim» jedhamutti, mooticha Solomoon duratti wolitti qabamane. Yennaa jaarsoleen Israa’elii duudiin wolitti qabamane, hayyooti Saanduqa Gondooro’oo san ba’atanee, Galma Mootii Waan Maraatitti galchite; akkasuma Lewwootii fi hayyooti Dunkaanii Woldeenna’aatii fi meya dunkaanii keessa jiru mara fidanee, Galma Waaqaa keessa galchane. Mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa’elii duudiin, Saanduqa Gondooro’oo duratti wolitti qabamanee, hoole’ee fi loon bacaa barreeffamiisa yookiin laakkowamiisa hin dandeenne, ciincaa dhikeessane. Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro’oo san Galma Waaqaa keessa galchitee, addee isi’iif qophoottetti, Addee Irra Caalaa Woyyittii ta gara keessaa, koola dada ol-gubbaaa ta koola qaddu jala keyane. Dadi ol-gubbaaa sun addee Saanduqa Gondooro’oo san gubba’atti koola ifii badhifatanee, Saanduqa Gondooro’ootii fi danqaraa Saanduqa Gondooro’oo san ittiin ba’atanu gollaneeran. Danqaraan sun dhedheeraa waan te’eef, qacceen isaa nama Galma Mootii Waan Maraa keessa addee woyyittii jiru maratti hin mudhata; nama addee woyyitti’iin ala jirutti ammoo hin mudhatu; danqaraan sun haga adhaa achuma jira. Kolbaan Israa’elii biyya Gibxi’ii keessaa baateen duuba, yennaa Mootiin Waan Maraa isaan woliin gondooroo gondoore, dhakaa baxxicha lama ka ajaji kudhan irratti barreeffame, ka Muuseen gaara Siina’aa gubba’atti saanduqa keessa keye malee, wonni dhibiin saanduqa san keessa hin jirtu.

Yennaa hayyooti addee woyyittii san keessaa gad baate, duumensi Galma Mootii Waan Maraa keessa guute. Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Mootii Waan Maraa keessa waan guuteef, hayyooti sababa duumensaatiif tajaajiliisa hin dandeenne.

«Ee kolbaa addatamummaa hin qanne, ani abbaa manaa keessan waan te’eef, gara kiyya deebia’aa! Ani isin keessaa qachaa tokko tokko keessaa nama tokko tokko, fira tokko tokko keessaa nama lama lama filee, gara Xiyoonii hin fida. Ani tissitoota worra akka gadhaa kiyyaa isiniif hin kenna; isaanille beekkumsaa fi hubanti’iin isin hin sooressan. Bara san yennaa laakkossi keessan lafa irratti bacatu, namooti, Saanduqa Gondooro’oo ka Mootii Waan Maraajedhanee hin waamanu yookiin hin qalbeeffatanu yookiin hin qaabatanu; Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ka dhibiille hin hujanu.

Waaqonfannaa Lafa Irraatii Fi Ol-Gubbaaa

Gondooroon duraa seera waaqonfanna’aatii fi Galma Waaqaa ka lafaa qaddi. Dunkaaniin kolloo lama qaddu qopheeffanteertiiyyu. Kolloon balbalatti aantu ta wonni ifa irra keyanu, xarapheessa’aa fi daabboon Waaqa dura dhikaattu keessa jirtu, «Addee Woyyittii» jedhanti. Gollaa lammeesso’ootiin gara duubaa addeen jirtu ta keessaa, «Addee Irra Caalaa Woyyittii» jedhanti. Achi keessa addeen ciinca’aa, ta worqi’iin hujantee hixaanni irratti aarfamuu fi Saanduqi Gondooro’oo ka worqi’iin gonfameeru jiran; Saanduqa Gondooro’oo tana keessa okkoteen worqi’iin hujanteertu ta sagaleen mannaa jedhantu keessa jirtu, uleen Aaronii ta lattee fi dhakaan baxxichi lamaan ka ajaji kudhan irratti barreeffame jiran. Saanduqa Gondooro’oo irra dadi ol-gubbaaa ta koola qaddu ta ulfinnaa, ta qadaaddaa addee araarri cubbu’uu kennamuu, koola ifiitiin golliteertu jirti; amma ammoo marroo waan kana maraa tokko tokkoon dubbatiisaaf hin dandeennu.

Achiin duuba Galmi Waaqaa ka ol-gubbaaa baname; Galma Waaqaa keessatti saanduqi Gondooroo isaa mudhate. Balaqqeettiin balaqqittee, huuruun dhage’antee, mandiisuun mandiitee, latti tachootee, dhakaan bokkeyaa guddaalle bu’e.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-