Pular para o conteúdo
Publicidade

Milkiyaasii Raagichaa 4

Guyyaa Dhufa Mootii Waan Maraa

1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, guyyaan akka barbada ibiddaa gubu dhufaara; yennaa sanitti worri kooruu fi worri hantuu huju martinuu akka hicaace’ee ti; guyyaan dhufu sun isaan hin guba; hidda yookiin damee isaaniif hin lakkisu. 2 Isin worra maqaa kiyya sodaattanuuf ammoo aduun balchummaa isiniif fidduu fi ta koolli isi’ii fayyinna ifi keessaa qabu isiniif hin baati; isin akka waatolee gooree keessaa gad baatee hin burraaxxan. 3 Isin yennaa san worra hamoota san irra hin sirbitan; guyyaa ani waan kana godhu san faana teessan jalatti daadhaa hin te’an.

4 «Barsiisa garbicha kiyya Muuse’ee, seerataa fi ajaja ani gaara Horeebii irratti kolbaa Israa’elii maraaf isatti kenne qaabadha’a.

5 «Kunoo, guyyaan kiyya gudda’aa fi sodaachisaan sun adoo hin dhufiniin dura, ani Eliyaasii raagicha isiniif hin erga. 6 Ani dhufee, lafa abaarsa itti buusee akka hin balleessine, inni gadhaa abbooti’ii gara ijoollee isaanii, gadhaa ijoollee isaanii gara abbootii isaanii hin deebisa» jedha.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também

Malaquias
Ver todos os capítulos de Malaquias