Ascensão
A ascensão de Jesus ao céu é a coroação de sua obra redentora. Ele subiu à destra do Pai, de onde voltará com poder e glória para buscar os seus.
Yesuus Gara Samiitti Ol Fudhatame
Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Akkanas jedhaniin; "Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa."
Yesuus Gooftaan erga isaanitti dubbatee booddee samiitti ol fudhatamee gara mirga Waaqaatiin taaʼe.
Yesuus Samiitti Ol Baʼe
Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame.
Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.
Ani Abbaa biraa baʼee gara addunyaa dhufeera; ammas addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa."
Yesuus immoo, "Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi" jedheen.
Yesuusis akkana jedheen; "Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.
Waaqatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis,
Inni fooniin mulʼate;
Hafuuraan mirkaneeffame;
ergamoota Waaqaatu isa arge;
saboota keessatti lallabame;
addunyaa irratti itti amaname;
ulfinaan ol fudhatame.