Pular para o conteúdo
Publicidade

Benção

Por Bíblia Online

A bênção de Deus é promessa garantida para os que o temem. O Senhor abençoa, guarda, faz resplandecer o rosto sobre nós e nos dá a paz — presente eterno e imerecido.

A bênção sacerdotal

O Senhor te abençoe e te guarde. O Senhor faça resplandecer o seu rosto sobre ti e te dê a paz.

" ‘ "Waaqayyo si haa eebbisu;

si haa eegus;

Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu;

garaa siif haa laafu.

Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu;

nagaas siif haa kennu." 

" ‘ "Waaqayyo si haa eebbisu;

si haa eegus;

Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu;

garaa siif haa laafu.

Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu;

nagaas siif haa kennu." 

Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna;

Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.

Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.

Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu. Ameen.

Bênçãos prometidas

Provai e vede que o Senhor é bom. Deus é poderoso para suprir toda a vossa necessidade segundo as suas riquezas.

Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;

namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.

Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;

namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.

Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.

Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.

Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu;

karoorri kees siif milkaaʼa.

Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu;

karoorri kees siif milkaaʼa.

Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa;

kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.

Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa;

inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.

Fruieis do Senhor

Quão grande é a bondade que reservou para os que te temem! O Senhor é meu pastor e de nada terei falta.

Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse,

kan ati fuula namootaa duratti

warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!

Gaarummaan kee kan ati warra si sodaataniif ol keesse,

kan ati fuula namootaa duratti

warra kooluu sitti galaniif kennite akkam guddaa dha!

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;

gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;

Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.

Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa;

gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;

Fayyinni kan Waaqayyoo ti.

Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.

Warri ajajawwan isaa eegan,

kanneen garaa guutuun isa barbaadan eebbifamoo dha.

Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu;

maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.

Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;

Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.

Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;

qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.

Hawwii garaa keetii siif haa kennu;

karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.

Hawwii garaa keetii siif haa kennu;

karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.

Obediência e bênção

Se obedecerdes, todas estas bênçãos virão sobre vós. Trazei todos os dízimos e provarei que vos abrirei janelas do céu.

Eebba Ajajamuudhaan Argamu

Yoo ati guutumaan guutuutti Waaqayyo Waaqa keetiif ajajamtee ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu of eeggannaadhaan duukaa buute, Waaqayyo Waaqni kee saboota lafa irra jiraatan hundaa olitti ol si qaba.

Ani akka ati Waaqayyo Waaqa kee jaallattu, akka karaa isaa irras deemtuu fi akka ati ajajawwan isaa, qajeelchawwan isaatii fi seerawwan isaa eegdu si ajaja; ergasiis ati lubbuun jiraattee ni baayʼatta; Waaqayyo Waaqni kees biyya ati dhaaluuf itti galtutti si eebbisa.

Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.

Waaqayyo Waaqa kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;

Waaqayyo Waaqa kee waaqeffadhu; innis midhaan keetii fi bishaan kee ni eebbisa. Dhukkubas isin gidduudhaa nan balleessa;

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.

Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.

"Namni Waaqayyoon amanatu,

kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.

Inni akkuma muka qarqara bishaanii dhaabame,

kan hidda isaa ededa lagaa irra yaafatuu taʼa.

Yommuu hoʼi dhufu hin sodaatu;

baalli isaa yeroo hunda lalisaa dha.

Mukni sun bara hongee illee hin yaaddaʼu;

ija naqachuus hin dhiisu."

Frutos do Espírito

O fruto do Espírito é amor, alegria, paz. Bem-aventurados os pacificadores. A bênção flui da vida no Espírito.

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;

isaan ni quufuutii.

Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;

ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.

"Gooftaan isaas deebisee, Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!jedheen.

Diina Ofii Jaallachuu

"Ani garuu isin warra na dhageessanitti nan hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin jibbaniif waan gaarii hojjedhaa; warra isin abaaran eebbisaa; warra isin miidhaniifis kadhadhaa.

Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.

Abençoar e ser abençoado

Abençoai os que vos perseguem. Não retornem mal por mal, mas bênção por maldição — pois para isso fostes chamados.

Warra isin ariʼatan eebbisaa; eebbisaa malee hin abaarinaa.

Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.

Hamaa, hamaadhaan hin deebisinaa; yookaan arrabsoo, arrabsoodhaan hin deebisinaa; qooda kanaa eebbisaa. Isinis akka eebba dhaaltaniif kanumaaf waamamtaniitii.

Kanaafuu nu soomnee waan kana irratti Waaqa kadhanne; innis kadhaa keenyaaf deebii kenne.

Seja o primeiro