Publicidade

Bíblia

Por Bíblia Online

A Bíblia é a Palavra de Deus — viva, eficaz e mais cortante que espada de dois gumes. Toda Escritura é inspirada por Deus e útil para ensinar, repreender, corrigir e instruir em justiça.

Inspiração divina

Toda Escritura é inspirada por Deus. Homens santos falaram da parte de Deus movidos pelo Espírito Santo.

Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.

Ati Barreeffama Woyyicha, qarooma Yesuus Kiristoositti dhugeeffatiisaan fayyinni ittiin dhaggamu si’iif kenniisa dande’u ijoollummaa teetiin jalqaddee beetteerta. Barreeffam Woyyichi duudiin qajeelfama Ayyaana Waaqaatiin waan barreeffameef, dhugaa barsiisiisaaf, worra dokonkore xixiisaaf, balleessaa sirreessiisaa fi karaa balchumma’aatitti qajeelchiisaaf bu’aa qabeessa. Nami Waaqaa hujii dansaa maraaf ka dandeettii qabu te’ee, ka hidhatee qophowe akka te’u godha.

Waan duudi’iin dura, dubbii raagaa ta Barreeffama Woyyicha keessa jirtu, eennulle yaada ifiitiin hiikiisaaf akka hin dandeenne hubatuu qaddan. Sababille dubbiin raagaa worra Ayyaana Woyyichaan sooreffameen Waaqa irraa dhutte malee, ijjumaa fedha namaatiin hin dhunne.

Ati akka hojjataa ilaallamee fudhatamee, ka hujii ifiititti hin fokkifanne, ka dubbii dhugaa Waaqaa sirri’itti barsiisuu, fuula Waaqaa duratti ifi dhiyeessiisaaf jabaadhu.

Jecha Waaqaa lallabi; yennaan toltulle, toluu dhabaattulle qophow; ossa gudda’aan namoota balleessanu sirreessaa, xixaa, jajjabeessaa barsiisi.

Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba’aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu.

Poder da Palavra

A Palavra de Deus é viva e eficaz. O céu e a terra passarão, mas as minhas palavras jamais passarão.

Jechi Waaqaa jiraata’aa fi ka huju; shallaagaa qara lama qabu caalaa qara qaba; lubbuu ayyaana irraa, morgeya dhuka irraa muree gargar hin baasa; yaadaa fi halchaa gadhaa namaalle qoree itti hin mura.

Lafaa fi ol-gubbaan hin dabaran, jechi kiyya ammoo hin dabaru» jedhe.

Yesuus ammoo, «Barreeffam Woyyichi, Jecha afaan Waaqaa keessaa bawu maraan malee, nami sagalee calla’aan hin le’ujedha» jedhee deebise.

«Bokkeennii fi dhakaan bokkeyaa

ol-gubbaa irraa gad roobee,

lafa jiisiisaan,

latti quunxitee, midhaan akka baachu

ka facaasuuf sanyii,

ka nyaatuuf sagalee,

akka kennitu godhu malee,

gara ol-gubbaaa akkuma hin deebine,

jechi afaan kiyya keessaa bawu,

waan ani fedhe hujee,

waan ani itti ergelle

muummessu malee,

akkasumaan gara kiyya hin deebi’u.

Jechi keeti dhuga’a; dhuga’aan isaan woyyoonsi.

Isin Barreeffama Woyyootaan waan jiruu bara baraa dhaggattanu seetanee, Barreeffama Woyyoota qorqortan. Barreeffam Woyyooti kunuu marroo tiyya dhugaa bayan!

Jechi Waaqaa ammoo haga bara baraa le’a.

Jechi Oduu Gammadaa ka isiniif lallabamelle kana» hin jedha.

Seera Mootii Waan Maraatiif Ajajamuu

Dargaggooti attamiin karaa ifii

qulqullumma’aan eegatiisa dande’an?

Karaa ifii akka jecha keetiititti eegatiisaan.

Jechi keeti martinuu dhuga’a.

Seerri keeti balchichi martinuu

ka haga bara baraa ti.

Estudar e pregar

Os bereanos examinavam as Escrituras diariamente. Procura apresentar-te a Deus aprovado como obreiro que maneja bem a Palavra.

Yihudooti Berii’a jiranu worra Tasalonqe’ee caalaa yaada dansaa qaban. Isaan wonni Phawuloos dubbate dhugaa akka teete beekiisaaf, guyyuma guyya’aan fedhii guddo’oon Barreeffama Woyyicha qorqorane.

Phawuloos akkuma yennaa mara godhu mana waaqonfannaa Yihudootaa seenee, Sanbata sad marroo Barreeffama Woyyichaa isaan woliin dubbate; inni dubbii isaaniif issee himaa Masiihiin rakkatiisaa fi du’aa ka’uu akka qabu mirkaneessee, «Yesuusiin ani isinitti lassu kun Masiihii» jedhe.

Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isaayaasii keessaa dubbisuun dhage’ee, «Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?» jedhee gaafate.

Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko naaf issee hin himin attamiin hubatiisa dande’a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee’uuf waame.

Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru,

«Inni akka hoolee qalantuu oofame;

akka ilmayyoo hoole’ee,

yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu,

Inni waan tokkolle hin dubbanne.

Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime.

Izraan seera Waaqaa qorqoree hujii irra oolchiisaaf, akkasuma ajaja Waaqaa, seeraa fi sirna Waaqaa kolbaa Israa’elii duudii barsiisiisaaf jiruu ifii duudii kenneera.

Achiin duuba Yesuus isaaniin, «Isin attam attam gowwoole’e, waan raagoti jedhane maraa dhugeeffatiisaafille yaadi gadhaa keessanii attam attam hancaara’a! Masiihiin rakkinna kana maraa fudhatee ulfinna ifiititti galiisi, barbaachisa’aa motii ree?» jedhe. Yesuus achiin duuba kitaaba Muuse’eetii jalqabee kitaabota raagotaa mara keessatti, marroo isaatiif waan Barreeffam Woyyichi dubbatu maraa isaaniif hiike.

Yesuus gara isaanii dhufee, «Baalliin duudiin ol-gubbaaa fi lafa irratti naaf kennanteerti. Tanaaf gara gosa biyya adda addaa deema’aatii maqaa Abba’aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyichaatiin isaan cuuphaa, barattoota tiyya godha’a. Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa’a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.

Akkuma dhaxxaneen, Mootummaan Waaqaa dhikaatteertijedhaa lallaba’a.

Revelação e fidelidade

A Palavra do Senhor veio aos profetas. A graça de Deus se manifestou na Escritura para a salvação de todos.

Eliyaasii Fi Haadha Hiyyeessaa Ta Qachaa Saraaphta’aa

Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Eliyaasii dhufee,

Hubiisa Awwaannisaa

Jechi Mootii Waan Maraa ka gara Yo’elii ilma Phetu’elii dhufe kana:

Ammalle jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee,

Ergaan tun ta Mootiin Waan Maraa karaa raagicha Milkiyaasiitiin kolbaa Israa’eliitiif dubbatte.

Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya gara Zakaariyaasii dhufee,

Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Isaayaasii dhufee,

Oduu Gammadaa Ta Fayyinnaa

Ayyaanni Goottaa Mootii Waan Maraa na irra jira;

akka ani oduu gammadaa

worra cunqurfameef lallabu,

na muudeera.

Worra gadhaan isaanii madaye

akka ani fayyisuuf,

worra booji’ame akka ani bilisa baasuuf,

worra hidhame akka ani hiikuuf,

Mootiin Waan Maraa na ergeera.

Woggaa Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qadduu fi

guyyaa Waaqi keenna haluu bawu,

akka ani lassuuf,

worra bowu mara

akka ani jajjabeessuuf,

Mootiin Waan Maraa na ergeera.

Worri Xiyoon keessatti gaddiisatti jiru,

mata’atti addee daadhaa firfirfatanu

marata dansaa akka ani itti maru

addee bowanu,

zayitii gammadaa akka ani itti dhangalaasu,

addee ayyaana gaddaa,

woyaa leellisaa akka ani itti uffisuuf,

na ergeera.

Isaan, «Qilxaa balchumma’aa,

ka Mootiin Waan Maraa ulfinna ifii mudhisiisaaf dhaabe» jedhamanee hin waamaman.

Viver pela Palavra

Não só de pão vive o homem. Nada acrescentes nem diminuas. A Palavra é alimento, guia e espada do cristão.

«Jechi Waaqaa marti dhuga’a;

inni worra gara isaa baqate maraaf wonte’e.

Jecha isaa irratti hin ede’in;

yoo akkas hin te’in inni si xixa;

dharaamessalle teetee hin dhagganta» jedhe.

Ani nama jecha raagaa, ka Kitaaba kanaa dhage’u mara ifi eeggachiisa; eennulle jecha kana irratti waan tokkolle yoo ede’e, Waaqi balaa Kitaaba kana keessatti barreeffame isatti ede’a; eennulle jecha raagaa ka Kitaaba kana keessatti bareeffame keessaa waan tokkolle yoo dhidhise, Waaqille muka jiru’uutii fi qachaa woyyicha kitaaba kana keessatti barreeffamane keessaa qooda isaa dhidhisa.

Oduun Gammadaa Dhugittiin Takka’a

Badhaadha Kiristoosiitiin ka isin waame irraa garagaltanee, gara oduu gammadaa ta biraa ariifattanee deebi’uun keessan na baaseffachiitteerti. Worri isin kem’i godhiisaa fi Oduu Gammadaa ta Kiristoosii daddasiisaaf barbaadu waan jiruuf tana jedhe malee, dhugumaan Oduun Gammadaa ta biraa hin jirtu. Te’uu malee, nu’ulle yoo te’e, yookiin ergamaa Waaqaa ka ol-gubbaaalle yoo te’e, Oduu Gammadaa ta nuuti isinitti lallanne irraa ta gorte, yoo lallabe ka abaarame te’uu ti! Akkuma tanaan dura dubbadhe, ammalle irra deebi’ee dubbadha: eennulle Oduu Gammadaa ta isin fudhattane irraa ta gorte, yoo isinitti lallabe ka abaarame te’uu ti!

Ossiis Goottaa keennaalle akka isin fayyitanuuf akka te’e beeka’a! Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phawuloosille qaruu Waaqi isaaf kenneen tanuma isiniif barreesse. Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergaa isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala’aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan.

Ossaa fi jajjabeenna Barreeffam Woyyichi nuuf kennuun addii akka qabaannu, wonni Barreeffama Woyyicha keessatti barreeffamane marti nu barsiisu’uuf barreeffante.

Ammoo yoo itti hin dhugeeffatin attam waammatuu dande’a? Marroo isaa adoo hin dhage’in attam itti dhugeeffatan ree? Adoo nami itti hin lallabin attamiin dhage’uu dande’an ree? Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande’a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha. Ammoo worra garii malee marti isaanii Oduu Gammadaa hin fudhanne. Isaayaasinuu, «Gootta’a, eentu waan nuuti jenne dhugeeffate?» jedha. Maarre, dhugeeffannaan Oduu Gammadaa dhage’iisa irraa dhutti; Oduun Gammadaalle karaa jecha Kiristoosiitiin dhutti.

Hunna Oduu Gammadaa

Ani Oduu Gammadaatitti hin fokkifadhu; Oduun Gammadaa worra dhugeeffatu mara: duraan dursitee Yihudoota, akkasuma worra Yihudoota hin te’in mara fayyisiisaaf hunna Waaqaa ti. «Balchaan dhugeeffanna’aan jiruu dhaggata» jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji’iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna’aan balchooma.

Waan Waaqa irraa nuu kenname akka beennuuf, Ayyaana Waaqaa fudhanne malee, ayyaana biyya lafa tanaa hin fudhanne.

Tanaaf nuuti dhugaa ayyaanaa ayyaantole’eef ka barsiisaarru, qarummaa Ayyaana Waaqaa irraa dhaggantuun malee, qarummaa nama irraa dhaggantuunii moti. Nami Ayyaana Waaqaa hin qanne gowwummaa waan itti fakkaattuuf, kennansa ayyaana Waaqaa irraa kennamu hin fudhatu; kennansi sun ka qorqoramu Ayyaana Waaqaatiin waan te’eef hubatiisaaf hin dande’u.

Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beenne waan godheef, barsiisa akka gowwumma’aatitti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffatu fayyisiisaaf fedhii Waaqaa te’eera.

Yihudooti bilbaasa dhagguu fedhan, Giriikootille qarummaa barbaadan. Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu’uu, worra Yihudoota hin te’iniifille gowwumma’a. Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti.

Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf na hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammadaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.

Isin ammoo sanyii fowante, hayyoota mooti’ii, kolbaa woyyittii, kolbaa Waaqaa teetanee, baasa hujii Waaqaa akka lalladdanuuf, inni dukkana keessaa gara ifa baasaa isin waame.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-