Publicidade

Eclesiastes 11

Waan Nami Qaroon Godhu

1 Guyyaa heddu'uun duuba deebitee waan dhaggattuuf, midhaan keeti bisaan irra ergi. 2 Balaa hamaa lafa irratti dhufu ati waan hin beenneef, karra teeti addee torbatti yookiin saddeetitti qoodii maffadhu.

3 Duumensa keessa bisaan yoo guute, bokkeenni lafa irratti rooba. Muki gara kibbaa yookiin gara kaabaa yoo jige, adduma itti jige san hin irkata. 4 Nami yennaa mara qilleensa dansaa eegatu hin facaafatu; nami yennaa mara duumensa ilaalu hin haammatu. 5 Qilleensi eessa akka deemu yookiin jiruun yookiin hafuurri gara finna gadaamessa haadhaa keessa jiruu attam akka seenu akkuma beekuu hin dandeenne, ati hujii Waaqa waan mara dadee beekuu hin dandeettu. 6 Waan ati facaatte keessaa ka tolu kam akka te'e waan hin beenneef, midhaan keeti ganamaan facaasi; galgalalle harki keeti hujii hin lakkisin; kun yookiin sun yookiin lamaanuu hin tola fa te'a.

7 Ifi dansa'a; aduu ilaaliis ilatti tola. 8 Nami bara hedduu le'ulle, bara san mara gammaduu ti; ammoo barri dukkanaa bacaa akka te'e qaabatuu ti. Wonni dhufu martinuu bu'aa hin qabu.

Gorsa Dargaggootaaf Kenname

9 Ee dargaggeessa, yennaa dargaggummaa teetii gammadi! Bara dargaggummaa teetii gadhaan keeti gammaduu ti; yaada gadhaa keetii, waan ilti teeti dhaggite gula deemi; waan kana maraaf ammoo, Waaqi gara mura'aa akka si fidu beeki.

10 Tanaaf gadhaa keeti keessaa yaaddoo fageessi; nafa keeti keessaa waan hantuu baasi. Sababille dargaggumma'aa fi jabeenni bu'aa hin qaddu.

Veja também

Publicidade
Eclesiastes
Ver todos os capítulos de Eclesiastes
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-