Bíblia
A Bíblia é a Palavra de Deus — viva, eficaz e mais cortante que espada de dois gumes. Toda Escritura é inspirada por Deus e útil para ensinar, repreender, corrigir e instruir em justiça.
Inspiração divina
Toda Escritura é inspirada por Deus. Homens santos falaram da parte de Deus movidos pelo Espírito Santo.
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Raajiin Katabbii Qulqulluu kam iyyuu hiikkaa raajichaa kan mataa isaatiin akka hin dhufin duraan dursitanii beekuu qabdu. Raajiin takkumaa fedhii namaatiin hin dhufneetii; garuu namoota Waaqaatu Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate.
Atis dubbii dhugaa sana sirriitti qabachuudhaan hojjetaa qoratamee fudhatame kan itti hin qaanofne taʼiitii fuula Waaqaa duratti of dhiʼeessuuf tattaaffadhu.
Dubbicha lallabi; yeroo mijaaʼaattis taʼu yeroo hin mijoofnetti qophaaʼi; obsa guddaa fi barsiisa of eeggannaatiin sirreessi; ifadhu; jajjabeessis.
Hamma ani dhufutti Katabbii Qulqulluu namootaaf dubbisuutti, gorsuu fi barsiisuutti jabaadhu.
Poder da Palavra
A Palavra de Deus é viva e eficaz. O céu e a terra passarão, mas as minhas palavras jamais passarão.
Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Yesuus immoo deebisee, " ‘Namni dubbii afaan Waaqayyootii baʼu hundaan malee buddeena qofaan hin jiraatu’ jedhamee barreeffameera" jedheen.
Akkuma bokkaa fi cabbiin samiidhaa roobu sana,
akka lafti biqila biqilchitee isa facaafatuuf sanyii,
isa nyaatuuf immoo buddeena kennituuf malee
utuu ishee hin quubsin hin deebine sana,
dubbiin koo kan afaan kootii baʼus
fedhii koo raawwata;
kaayyoo ani isa ergeefis galmaan gaʼa malee
harka duwwaa gara kootti hin deebiʼu.
Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu;
dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata."
Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.
Dargaggeessi akkamitti jireenya qulqulluu jiraachuu dandaʼa?
Akka dubbii keetiitti jiraachuudhaan.
Dubbiin kee hundinuu dhugaa dha;
seerri kee qajeelaan hundinuus bara baraan jiraata.
ש Siinii fi Shiin
Estudar e pregar
Os bereanos examinavam as Escrituras diariamente. Procura apresentar-te a Deus aprovado como obreiro que maneja bem a Palavra.
Yihuudoonni Beeriyaa Yihuudoota Tasaloniiqee irra qalbii qabeeyyii turan; isaanis fedhii guddaan dubbii sana fudhatanii akka wanni Phaawulos jedhe sun dhugaa taʼee fi akka dhugaa hin taʼin ilaaluuf jedhanii guyyuma guyyaan Katabbiiwwan Qulqulluu qorachaa turaniitii.
Phaawulosis akkuma amala isaa mana sagadaa seenee guyyaa Sanbataa sadii dubbii kitaabaa irratti isaan wajjin dudubbachaa, akka Kiristoos dhiphachuu fi warra duʼan keessaa kaʼuu qabu addeessaa, mirkaneessaas ture. Innis, "Yesuus ani amma isinitti himu kun Kiristoosii dha" jedhe.
Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifatuu dhagaʼee, "Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?" jedhee gaafate.
Namichis, "Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?" jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate.
Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana:
"Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee,
yookaan akkuma ilmoo hoolaa
kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu
akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime.
Izraan Seera Waaqayyoo quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.
Innis akkana isaaniin jedhe; "Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan! Kiristoos waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?" Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; "Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera. Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa; akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira."
Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa.
Revelação e fidelidade
A Palavra do Senhor veio aos profetas. A graça de Deus se manifestou na Escritura para a salvação de todos.
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe;
Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
Raajii dubbii Waaqayyoo kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe.
Dubbiin Waaqayyoo ammas akkana jedhee gara Zakkaariyaas dhufe:
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe:
Bara Tola Waaqayyoo
Sababii Waaqayyo akka ani
hiyyeeyyiitti oduu gaarii lallabuuf na dibeef,
Hafuurri Waaqayyo Gooftaa narra jira.
Inni akka ani garaa cabe fayyisuuf,
akka ani boojiʼamtootaaf bilisummaa,
warra hidhamaniif immoo hiikamuu lallabuuf na ergeera;
akka ani bara tola Waaqayyootii fi
guyyaa haaloo baʼuu Waaqa keenyaa labsuuf,
akka ani warra booʼan hunda jajjabeessuuf,
akka ani warra Xiyoon keessatti gaddaniif arjoomee,
qooda daaraa miidhagina,
qooda booʼichaa, zayitii gammachuu,
qooda abdii kutachuu immoo,
wayyaa galataa kennuuf na erge.
Isaanis qilxuu qajeelummaa, biqiltuu Waaqayyo,
kan inni ittiin kabajamu jedhamanii waamaman.
Viver pela Palavra
Não só de pão vive o homem. Nada acrescentes nem diminuas. A Palavra é alimento, guia e espada do cristão.
"Dubbiin Waaqaa hundinuu hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galaniif, inni gaachana.
Dubbii isaatti homaa hin dabalin;
yoo kanaa achii inni si ifata; atis sobduu taatee argamta.
Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala. Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.
Wangeelli Kan Biraa Hin jiru
Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Kiristoosiin isin waame sana dhiisuudhaan wangeela biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera; wangeelli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii wangeela Kiristoos jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru. Nus taanaan yookaan yoo ergamaan Waaqaa samii irraa dhufe tokko wangeela nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu! Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu wangeela isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!
Akkuma Phaawulos obboleessi keenya jaallatamaan sun ogummaa Waaqni kenneefiin isinii barreesse sana akka obsi Gooftaa keenyaa fayyina taʼe yaadatti qabadhaa. Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.
Nu akka obsaa fi jajjabina Katabbiiwwan Qulqulluun kennaniin abdii qabaannuuf wanti duraan barreeffame hundi barumsa keenyaaf barreeffameetii.
Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree? Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, "Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!" jedhamee barreeffamee dha.
Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, "Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?" jedhaatii. Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf. Wangeela keessatti qajeelummaan Waaqaa amantii irraa gara amantiitti mulʼateeraatii; kunis akkuma, "Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata" jedhamee barreeffamee dha.
Nu akka waan Waaqni toluma nuu kenne hubannuuf Hafuura Waaqa irraa dhufe arganne malee hafuura addunyaa hin arganne. Wanni nu dubbannus kana; nu dubbii Hafuurri nu barsiisuun malee dubbii ogummaan namaa barsiisuun hin dubbannu; dhugaa Hafuuraas dubbii Hafuuraatiin ibsina. Namni foonii wantoota Hafuura Waaqaa hin fudhatu; kun isaaf gowwummaadhaatii; wantoonni Hafuuraa waan Hafuuraan qoramaniif inni hubachuu hin dandaʼu.
Sababii ogummaa Waaqaatiin addunyaan karaa ogummaa isheetiin Waaqa waan hin beekiniif, Waaqni gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu jaallate.
Yihuudoonni mallattoo fedhu; Giriikonni immoo ogummaa barbaadu; nu garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha; warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti.
Kiristoos akka ani wangeela lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Kiristoos humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.
Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Waaqaa kan addaa taataniirtu.