Publicidade

Bom dia

Por Bíblia Online

Cada manhã é presente de Deus. As misericórdias do Senhor se renovam cada dia. A Bíblia convida a começar o dia com louvor, oração e gratidão ao Criador.

Manhã com Deus

De manhã te apresentarei a minha oração. Pela manhã ouvirás a minha voz — eu te busco ao despertar.

Ee Mootii Waan Maraa,

ganama qoonqoo tiyya hin dhageetta;

ganama mara si daadimadhee

deebii si irraa eegadha.

Ee Mootii Waan Maraa, ani ammoo,

qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya;

ganama ganamaan

daadimati kiyya si dura dhikaata.

Lubbuu tiyya dammaqi;

ee kiraaraa guddicha,

ee maseenqo’o dammaqa’a;

anille boruu hin dayyaasa.

Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya,

addee ani itti baqadhulle waan teeteef,

marroo jabeenna keetiitii fi

marroo jaalala keeti ka bara baraa

ganama mara hin faarfadha.

Ati guyyaa rakkinnaa gollaa kiyya,

addee ani itti baqadhulle waan teeteef,

marroo jabeenna keetiitii fi

marroo jaalala keeti ka bara baraa

ganama mara hin faarfadha.

Ee Waaqa, ati gollaa kiyya,

Waaqa na jaalatu,

ee jabeenna kiyya,

faaruu leellisaa sii dhikeessa.

Ani waan si addadhuuf,

ganama ganama bari’iin

jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi.

Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf,

karaa ani irra deemu’uu male na barsiisi.

Ani balchumma’aan fuula keeti hin ilaala;

ani yennaa dammaqu,

bifa keeti dhaggee hin quufa.

Misericórdias renovadas

As misericórdias do Senhor se renovam cada manhã. Este é o dia que o Senhor fez — alegremo-nos e nos regozijemos nele.

Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te’eef,

marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaate

nuuti badiisa dhanne.

Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya;

addatamummaan isaa guddo’o.

Ani ifiin, «Waaqi qooda kiyya;

tanaaf isatti addadha» jedhe.

Jaalalli Waaqaa ka bara baraa waan te’eef,

marartii isaa ta dhuma hin qanne irraa ta kaate

nuuti badiisa dhanne.

Jaalallii fi marartiin isaa barii mara haareya;

addatamummaan isaa guddo’o.

Guyyaan Mootiin Waan Maraa tolche kana;

itti gammannee firinxiindhuu ti.

Isin worri isaaf addatantane,

Mootii Waan Maraa faaru’uun leellisa’a;

maqaa isaa woyyichalle,

galateessa’a.

Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;

tolli isaa ammoo bara jiru’uu mara.

Halkan bowaa yoo bulane,

ganama ammoo ililleessi hin te’a.

Aariin isaa yennaa diqqoo qofa;

tolli isaa ammoo bara jiru’uu mara.

Halkan bowaa yoo bulane,

ganama ammoo ililleessi hin te’a.

Bilbaasa ati gooteen,

worri biyya lafaa irra le’u duudiin,

hin sodaata;

addee aduun baatu irraa

haga addee aduun seentuutitti,

ililleettiin akka dhage’antu hin goota.

Bara jiruu teennaa mara

akka gammannee ilillinnu,

ganama ganama jaalala keeti

ka bara baraatiin nu quussi.

Louvor matinal

Saciai-nos de manhã com a tua benignidade. Todo dia te louvarei e celebrarei o teu nome para sempre.

Leellisa Waaqa Mootichaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii.

Ee Waaqa mootii kiyya,

ani si hin saadadha;

bara baraa haga bara baraa

maqaa keeti hin leellifadha.

Guyyuma guyya’aan si hin leellisa;

bara baraa haga bara baraa

maqaa keeti hin saadadha.

Hujii Isaatiif Mootii Waan Maraa Leellisuu
Faaruu Guyyaa Sanbataa

Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun

Ee Waaqa Ol Aana’a,

maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa’a.

Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,

addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,

Waaqa Mooticha Ol Aanaa

Faaruu haareya Mootii Waan Maraatiif faarsa’a;

Kolbaan lafa irraa marti

Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a.

Mootii Waan Maraatiif faaruu faarsa’a;

maqaa isaa leellisa’a.

Guyyuma guyya’aan fayyisiisa isaa lassa’a.

Gosa biyya adda addaatiif ulfinna isaa,

kolbaa maratti hujii isaa ta maade’ee lassa’a.

Seera Waaqaa Jaalatiisa

Ani attam attam seera keeti jaaladha!

Ani guyyaa guutuu itti deddeebi’ee isa yaada.

Mootiin Waan Maraa guyyaa mara

jaalala ifii ka bara baraa mudhisa;

anille halkan faaruu isaaf dhikeessa;

gara Waaqa jiruu tiyyaa daadimadha.

Ee Mootii Waan Maraa, nuuti addii si godhannaa, nuu marari. Ganama ganama jabeenna, yennaa rakko’oolle qarqaarsa nuuf te’i.

Ajajamiisa Tajaajilaa Mootii Waan Maraa

Ani worra dadhaba’atti dubbadhee

akka isaan jajjabeessuuf,

Goottaan Mootiin Waan Maraa

dandeettii barsiisiisaa naa kenneera.

Inni ganama ganama na dammassa,

akka nama baratiisatti jiruu

akka dhage’u gurra kiyya naaf hin bana.

Graça para o novo dia

O Senhor te abençoe e te guarde. Cada novo dia é oportunidade de viver sob a graça do Deus que nos ama.

« Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!

« Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!

« Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!jedhiin.

Waan ati facaatte keessaa ka tolu kam akka te’e waan hin beenneef, midhaan keeti ganamaan facaasi; galgalalle harki keeti hujii hin lakkisin; kun yookiin sun yookiin lamaanuu hin tola fa te’a.

Isiin ganama adoo latti hin bari’in kaatee,

maatii ifiitiif sagalee kenniti;

durra tajaajiltoota ifiitiifille

hujii isaanii itti qooddi.

Akka hin hiyyoommane,

hirriiba hin jaalatin.

Midhaan akka quuttu,

dammaqii hujadhu.

Waaqi ifi dansaa akka te’e dhagge; inni ifa dukkana irraa gargar baase. Waaqi ifaan «Guyyaa», dukkanaan «Halkan» jedhee maqaa baase. Kun guyyaa qaraa ti.

Maarre dubbiin raagoti dubbatane irra caalaa nuu mirkanootteerti. Isin haga boruun dayya’ee bakkalchi ganamaa gadhaa keessan keessatti bawutti, dubbii tana akka ifa addee dukkanaatitti ifuuf xiyyeeffannaa kennitanu, dubbii raagoti dubbatte tanaaf yoo xiyyeeffannaa kennitane dansaa gootan.

Nuuti jiraannulle yookiin duunulle isa woliin akka jiraannuuf, Kiristoos nu’uuf du’e.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-