O que é bom
O que é bom vem de Deus. A Bíblia celebra a bondade divina e nos convida a discernir, praticar e desfrutar tudo o que é bom — porque toda boa dádiva vem do Pai das luzes.
Waaqi waan huje mara ilaale; martinuu guddoo dansaa teete; latti dhiite, bariitelle’e; kun guyyaa jayeesso’oo ti.
Mootiin Waan Maraa dansa’aa fi
balchaa waan te’eef,
inni cubbaaleyyii daandii ifii barsiisa.
Anaaf ammoo gara Waaqa dhikaatiisi dansa’a;
hujii teeti mara odeessiisaaf,
ani si Goottaa Mootii Waan Maraa
addee itti baqadhu godhadheera.
Ee Mootii Waan Maraa, si leellisuun
Ee Waaqa Ol Aana’a,
maqaa keetiif faaruu leellisaa dhikeessuun dansa’a.
Jaalala keeti ka bara baraa ganamaan,
addatamummaa teeti halkaniin lallabuun,
meya faaru’uu ka ribuu kudhan qabuu fi
yoyyoma kiraara guddichaatiin
si leellisuun dansa’a.
Mootiin Waan Maraa dansaa waan te’eef,
jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa,
addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.
Kolbaan Waaqaa
tokkumma’aan yennaa woliin leetu,
attam attam dansa’a;
attam attam nama gammachiisa!
Ani barsiisa kiyya dansaa isiniif kenna;
maarre isin barsiisa kiyya hin lakkisina’a.
Nami deebii malte namaaf deebisiisaan gammada;
dubbiin yennaa isi’ii maltetti
dubbatantu attam attam dansa’a!
Ilma kiyya, dammi dansaa waan te’eef,
damma nyaadhu;
nadhiin dhaaba dammaa keessaa sitti hin mi’ootti.
Qarummaalle lubbuu teetiif
akkuma san akka mi’oottu beeki;
ati yoo isii dhaggatte,
gara fuula duraa addii qadda;
addiin teetille hin baddu.
Qarummaan akkuma dhalaa dansa’a; worra lafa irra le’uuf bu’aa qaddi.
Waaqi worra addi’iin isa eegatuuf,
worra isa barbaaduuf dansa’a.
Tanaaf nami cadhisee
fayyisiisa Waaqaa eegatiis dansa’a.
Ee nama, Mootiin Waan Maraa waan dansaa sitti mudhiseera. Mootiin Waan Maraa maan si irraa barbaada? Haqa akka hujjuuf, marartii akka jaalattuuf, gad ifi qabiisaan Waaqa keeti woliin akka ideentuufii motii ree?
Maarre, Seerri woyyu’u; ajaji isaalle woyyu’u, balcha’aa fi dansa’a.
Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.
Waan isin akka waan dansa’aatitti herreddanu maqaan badaan itti hin kennamin.
Amma waan duudi’iin dura, iyyannoon, daadimannaan, worra dhibi’iif daadimatu’uu fi galata dhikeessuun Waaqa duratti nama duudi’iif akka godhamuuf gorsa. Nageyaa fi sarmiisaan, Waaqa soda’aa fi adaba dansa’aan akka leenu, moototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi’iif daadimadha’a. Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa’aa fi ka fudhatama qabu.
Wonni Waaqi dade duudiin dansa’a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu, isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti.
Arjummaa dansa’aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba’aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.
«Sooddi waan dansa’a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree?
«Soodda ifi keessatti qabaadha’a; wolii keessaniifille nageya qabaadha’a!» jedhe.