O que é bom
O que é bom vem de Deus. A Bíblia celebra a bondade divina e nos convida a discernir, praticar e desfrutar tudo o que é bom — porque toda boa dádiva vem do Pai das luzes.
Waaqnis waan hojjete hunda ilaale; wanni sunis dhugumaan gaarii ture. Galgalas taʼe; ganamas taʼe; guyyaa jaʼaffaa.
Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas;
kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha;
Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera;
ani hojii kee hunda nan labsa.
Waaqayyoon, galateeffachuun, yaa Waaqa Waan Hundaa Olii,
maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
Jaalala kee ganamaan,
amanamummaa kees halkaniin labsuun,
kiraara ribuu kudhaniitiin,
sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti;
amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
Obboloonni tokkummaadhaan walii wajjin jiraachuun,
akkam gaarii dha! Akkam namatti tolas!
Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;
kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.
Namni tokko deebii malu kennuudhaan gammachuu argata;
dubbiin yeroo isaatti dubbatamu akkam gaarii dha!
Jecha digdamii jaʼaffaa
Yaa ilma ko, dammi waan gaarii taʼeef nyaadhu;
nadhiin dammaa sitti ni miʼaawa.
Akka ogummaan lubbuu keetti miʼaawu illee beeki;
ati yoo isa argatte fuul duratti abdii qabda;
abdiin kees hin citu.
Ogummaan akkuma dhaalaa waan gaarii dha;
warra aduu arganiifis buʼaa qaba.
Waaqayyo warra isa abdataniif,
kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
Fayyisuu Waaqayyoo
calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera.
Waaqayyo maal sirraa barbaada?
Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu,
akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
Kanaafuu seerri qulqulluu dha; ajajni sunis qulqulluu dha; qajeelaa dha; gaarii dhas.
Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.
Kanaafuu wanti isin gaariidha jettan akka arrabsamu hin godhinaa.
Qajeelcha Waaʼee Waaqeffannaa
Egaa ani akka waammachuun, kadhannaan, namaaf kadhachuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa; nus akka Waaqa sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu. Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Waaqaa durattis fudhatamaa dha;
Wanni Waaqni uume hundinuu waan gaarii taʼeef yoo galataan fudhatame wanni gatamu tokko iyyuu hin jiru; inni dubbii Waaqaatii fi kadhannaadhaan qulqulleeffameeraatii.
Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
"Soogiddi gaarii dha; garuu yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaa isaa akkamiin deebisuufii dandeessu? Isinis soogidda of keessaa qabaadhaa; walii wajjinis nagaan jiraadhaa."