Casa de Deus
A casa de Deus é lugar de adoração, refúgio e encontro com o Sagrado. A Bíblia exalta o tabernáculo, o templo e a igreja como morada do Altíssimo entre seu povo.
A presença de Deus
Quão amáveis são os teus tabernáculos! Uma coisa pedi ao Senhor: habitar na casa do Senhor todos os dias da minha vida.
Guyyaa kuma tokko iddoo biraa jiraachuu irra,
guyyaa tokko oobdii keetii irra ooluu wayya;
dunkaana hamootaa keessa jiraachuu irra,
eegduu balbala mana Waaqa koo taʼuu naa wayya.
Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Waaqayyoo keessa jiraachuu,
miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa kadhachuu dha.
Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif
ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha!
Nus waan gaarii mana keetiitiin,
kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
Yommuu isaan, "Kottu gara mana Waaqayyoo dhaqnaa"
naan jedhanitti, ani nan gammade.
Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee,
bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu;
anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
Ani garuu akkuma ejersa
mana Waaqaa keessatti lalisuu ti;
baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan
hin geeddaramne sana nan amanadha.
Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii;
arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
O templo
Minha casa será chamada casa de oração. O zelo da tua casa me consumiu. O verdadeiro templo é o corpo do cristão.
Yesuus Mana Qulqullummaa Keessatti
Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche. Innis, " ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu" isaaniin jedhe.
Yesuusis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe. Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge. Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche. Warra gugee gurguraniinis, "Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!" jedhe. Barattoonni isaas, "Hinaaffaan mana keetii na gugguba" jedhamee akka barreeffame yaadatan.
Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti;
kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Waaqaa keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Waaqaa kunis waldaa Waaqa jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha.
Kiristoos garuu akka Ilmaatti mana Waaqaa irratti amanamaa dha. Nus yoo ija jabina keenyaa fi abdii ittiin boonnu sana jabeessinee qabanne, nu mana isaa ti.
"Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture. Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture. Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate. Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture.
"Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha:
" ‘Samiin teessoo koo ti;
laftis ejjeta miilla kootii ti.
Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree?
jedha Gooftaan.
Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’
Murtii fi Abdii
Waaqayyo akkana jedha:
"Samiin teessoo koo ti;
laftis ejjeta miilla kootii ti.
Manni isin naaf ijaartan meerre?
Lafti boqonnaa kootii eessa?
Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?
Kanaafuu wantoonni kunneen hundi kanuma koo ti"
jedha Waaqayyo.
"Ani garuu nama gad of qabuu fi
kan garaa isaa keessatti gaabbee
dubbii kootiin hollatuu nan ilaala.
Yaaqoobis yommuu hirribaa kaʼetti, "Dhugumaan Waaqayyo iddoo kana jira; ani waan kana hin hubanne" jedhe. Innis sodaatee, "Iddoon kun akkam nama sodaachisa! Kun mana Waaqaa ti malee waan biraa miti; kun karra samiiti" jedhe.