Casamento
O casamento é aliança sagrada instituída por Deus. Ele une marido e mulher em uma só carne — pacto de amor, fidelidade e companheirismo que reflete o amor de Cristo pela Igreja.
Fundamento divino
Não é bom que o homem esteja só. Deus criou o casamento como aliança de companheirismo, amor e fecundidade.
Waaqayyo Waaqni, "Namni kophaa isaa taʼuun gaarii miti; gargaartuu isatti toltu nan tolchaaf" jedhe.
Kanaafis Waaqayyo Waaqni akka namichi hirribaan of wallaalu godhe; utuma inni rafaa jiruu lafee cinaacha isaa keessaa tokko fuudhee iddoo sana fooniin duuche. Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
Namichis akkana jedhe;
"Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti;
foon kunis foon foon kootii ti;
isheen waan dhiira irraa argamteef
‘dubartii’ jedhamti."
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
Namichii fi niitiin isaa qullaa isaanii turan; garuu wal hin qaanaʼan ture.
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
Waaqayyo Waaqni lafee cinaachaa kan namicha keessaa fuudhe sana irraa dubartii tolchee gara namichaatti geesse.
Namichis akkana jedhe;
"Egaa lafeen kun lafee lafee kootii ti;
foon kunis foon foon kootii ti;
isheen waan dhiira irraa argamteef
‘dubartii’ jedhamti."
Kanaafuu namni abbaa fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaatti ni maxxana; isaanis foon tokko taʼu.
Waaqnis, "Kottaa akka bifa keenyaatti, akka fakkeenya keenyaattis nama uumnaa; isaanis qurxummii galaanaa irratti, simbirroo samii irratti, horii irratti, lafa hundumaa fi uumamawwan lafa irra munyuuqan hundumaa irratti aangoo haa qabaatan" jedhe.
Kanaafuu Waaqni akka bifa isaatti nama uume;
akka bifa Waaqaatti isa uume;
innis dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume.
Waaqnis isaan eebbisee, "Horaa, baayʼadhaas; lafa guutaatii harka keessan jalattis bulfadhaa. Qurxummii galaanaa irratti, simbirroota samii irratti, uumama lafa irra munyuuqu hunda irratti aangoo qabaadhaa" jedheen.
Qaayinii fi Abeel
Addaam niitii isaa Hewaan bira gaʼe; isheenis ulfooftee Qaayinin deesse. Isheenis, "Ani gargaarsa Waaqayyootiin ilma tokko argadheera" jette.
Addaam ammas niitii isaa beeke; isheenis ilma deesse; maqaa isaas, "Erga Qaayin Abeelin ajjeesee as Waaqni iddoo Abeel daaʼima biraa naa kenneera" jettee "Seeti" jettee moggaafte.
Fidelidade conjugal
O que Deus ajuntou não separe o homem. O casamento deve ser honrado e o leito matrimonial preservado sem impureza.
Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin."
Yesuusis akkana jedhee deebise; "Isin akka inni jalqabatti isaan uume sun, ‘dhiiraa fi dubartii taasisee isaan uume’ hin dubbifnee? Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin."
Inni akkana jedhe; ‘Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin."
Wal Hiikuu Dhirsaa fi Niitii
"Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’ jedhameera. Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
Ejja
"Isin akka, ‘Hin ejjin’ jedhame dhageessaniirtu. Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.
Isaanis, "Namni tokko akka waraqaa ragaa hiikkaa barreesseefii niitii isaa hiiku Museen eeyyameera" jedhan.
Yesuusis akkana jedhee deebise; "Museen sababii mata jabina keessaniitiif jedhee seera kana isiniif barreesse. Jalqaba uumamaatii kaasee garuu Waaqni, ‘Dhiiraa fi dubartii isaan taasise.’ ‘Kanaafis namni abbaa isaatii fi haadha isaa ni dhiisa; niitii isaa wajjinis tokko taʼa; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu.’ Egaa isaan siʼachi foon tokko malee lama miti. Kanaafuu waan Waaqni tokko taasise namni gargar hin baasin."
Isheenis yoo dhirsa ishee hiiktee nama biraatti heerumte ejja raawwatti."
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Fuudhaa fi heerumni nama hunda biratti haa kabajamu; sireen fuudhaa fi heerumaas qulqulluu haa taʼu; Waaqni ejjitootaa fi sagaagaltootatti ni muraatii.
Amor como Cristo
Maridos, amai vossas mulheres como Cristo amou a igreja. O amor conjugal reflete o evangelho em ação.
Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf,
Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe.
Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe. Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; nu kutaalee dhagna isaatii.
Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata.
Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; nu kutaalee dhagna isaatii.
Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.
Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti.
Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Kiristoos Fayyisaa waldaa kiristaanaa ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Kiristoosiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.
Yaa dhirsoota, akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaa jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe. Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. Akkuma Kiristoos waldaa kiristaanaatiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; nu kutaalee dhagna isaatii. "Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu." Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Kiristoosii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha. Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
"Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu."
Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.
Garuu waaʼeen halalummaa yookaan xuraaʼummaa gosa kamii iyyuu yookaan waaʼeen doqnummaa gidduu keessanitti hin dhagaʼamin; wanni akkasii qulqulloota Waaqaa biratti hin barbaachisuutii.
Submissão e respeito
Mulheres, sujeitem-se aos próprios maridos. Maridos, convivam com as esposas com conhecimento e honra.
Qajeelfama Maatii Kiristaanaatiif Kenname
Yaa niitota, akka Gooftaaf taʼutti dhirsoota keessaniif ajajamaa.
Yaa dhirsoota, isinis niitota keessan jaalladhaa; isaanittis hin hammaatinaa.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa. Dubbiin Kiristoos baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; faarfannaadhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Waaqa galateeffadhaa. Dubbiinis taʼu hojiidhaan, waan hojjettan kam iyyuu maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa; isumaanis Waaqa Abbaa galateeffadhaa.
Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.
Kanaaf hawwii addunyaa isa isin keessatti hojjechaa jiru hundumaa ajjeesaa; kunis halalummaa, xuraaʼummaa, dharraa foonii, hawwii hamaa fi sassattummaa isa waaqa tolfamaa waaqeffachuu taʼe sanaa dha.
Dirqama Dhirsootaa
Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.
Dirqama Dhirsootaa
Yaa dhirsoota, isinis akkasuma akka isaan dadhaboo taʼan hubadhaatii ulfina isaaniif kennuudhaan niitota keessan wajjin jiraadhaa; kanas sababii isaanis isin wajjin ayyaana jireenyaa dhaalaniif akka wanni tokko iyyuu kadhaa keessan hin gufachiifneef jedhaatii godhaa.
Pureza no casamento
Não adulterarás. A impureza sexual destrói alianças e famílias. Deus chama à santidade no matrimônio.
Hin ejjin.
Mana namaa hin hawwin. Niitii namaa yookaan hojjetaa isaa yookaan xomboree isaa yookaan qotiyyoo isaa yookaan harree isaa yookaan waan namaa kam iyyuu hin hawwin."
Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu.
Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha.
Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha. Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.
Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu. Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha. Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.
Ani warra hin fuudhinii fi warra hin heeruminiin, haadhota hiyyeessaatiin illee akkanan jedha: Isaan yoo akkuma koo fuudhaa fi heeruma malee hafan isaaniif wayya. Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii.
Warra fuudhanii fi warra heerumaniifis ajajni ani kennu kana: Ajaja kanas Gooftaatu kenna malee ana miti; niitiin dhirsa isheetiin gargar hin baʼin. Yoo gargar baate garuu utuu hin heerumin haa jiraattu; yoo kanaa achii dhirsa isheetti haa araaramtu. Dhirsis niitii isaa hin hiikin.
Dhirsi amantii hin qabne karaa niitii isaatiin qulqulleeffameeraatii; niitiin amantii hin qabnes karaa dhirsa isheetiin qulqulleeffamteertii. Yoo kanaa achii ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu; amma garuu qulqulloota.
Ani akka isin yaaddoo malee jiraattan nan hawwa. Namni hin fuudhin tokko Gooftaa gammachiisuuf dhimma Gooftaatti dhimma. Namni fuudhe garuu niitii isaa gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimma; fedhiin isaas gargar qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookaan durbi qulqulluun dhagnaa fi hafuuraan qulqulluu taʼuuf dhimma Gooftaatti dhimmiti. Dubartiin heerumte garuu dhirsa ishee gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimmiti.
Dubartiin tokko hamma dhirsi ishee jirutti isatti hidhamteerti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu isheen abbaa barbaaddetti heerumuuf bilisa; garuu inni nama Gooftaa taʼuu qaba.
Waaʼee Fuudhaa fi Heerumaa
Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha. Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu.
Halalummaa irraa baqadhaa. Namni cubbuu biraa hunda dhagna isaatii alatti hojjeta; namni halalummaa hojjetu garuu dhagnuma ofii isaatti cubbuu hojjeta. Isin akka dhagni keessan mana qulqullummaa Hafuura Qulqulluu isin keessa jiraatu, kan Waaqa irraa argattan sanaa taʼe hin beektanii? Isin kan ofii keessanii miti; isin gatiin bitamtan; kanaafuu dhagna keessaniin Waaqaaf ulfina kennaa.
"Nyaanni garaadhaaf; garaanis nyaataaf;" Waaqni garuu lachan isaanii iyyuu ni balleessa. Dhagni Gooftaa tajaajiluudhaaf malee halalummaaf miti; Gooftaanis dhagnaaf. Waaqni humna isaatiin warra duʼan keessaa Gooftaa kaaseera; nus akkasuma ni kaasa.
Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan.
Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu. Jaalalli waan hin malle hin hojjetu; ofittoo miti; dafee hin aaru; hammina namatti hin lakkaaʼu. Jaalalli dhugaatti gammada malee waan hamaatti hin gammadu. Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
Kiristoos gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii? Ani Kiriisphoosii fi Gaayoosin malee isin keessaa nama tokko illee waan hin cuuphiniif Waaqa nan galateeffadha. Kanaaf namni akka isin maqaa kootiin cuuphamtan dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Eeyyee, ani warra mana Isxiifaanaas jiraatanis akkasuma cuupheera; sanaan alatti nama biraa tokko illee cuuphuu koo hin yaadadhu. Kiristoos akka ani wangeela lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Kiristoos humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.
Halalummaa Waldaa keessa Jiru
Akka halalummaan ormoota keessatti illee hin beekamin isin gidduu jiru odeeffamaa jira: namni niitii abbaa isaa wajjin ciise tokko jiraatii. Isinis of tuultaniirtu! Qooda kanaa akka malee gadditanii namicha waan akkasii hojjete sana tokkummaa keessan keessaa baasuun isin irra hin jiruu?
Sabedoria conjugal
Acha esposa, acha o bem. Bebe água da tua própria cisterna. A fidelidade conjugal é fonte de bênção permanente.
Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;
niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.
Burqaan kee haa eebbifamu;
niitii dargaggummaa keetiitti gammadi.
Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti;
harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu;
yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
Hidhiin ejjituu damma coccobsa;
haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti;
akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa;
tarkaanfiin ishee awwaalatti nama geessa.
Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu;
daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
Egaa yaa ilmaan ko, mee na dhagaʼaa;
waan ani jedhu irraa gara kamitti iyyuu hin gorinaa.
Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa;
balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif,
umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
Hidhiin ejjituu damma coccobsa;
haasaan ishee zayitii caalaa lallaafa;
dhuma irratti garuu isheen akkuma hadhooftuu hadhoofti;
akkuma goraadee afaan lamaas qara qabeettii dha.
Miilli ishee gara duʼaatti gad buʼa;
tarkaanfiin ishee awwaalatti nama geessa.
Isheen waaʼee karaa jireenyaa dhimma hin qabdu;
daandiin ishee jalʼaa dha; isheen garuu kana hin beektu.
Karaa keessan ishee irraa fageeffadhaa;
balbala mana isheetti hin dhiʼaatinaa;
kunis akka ati ulfina kee nama biraatiif,
umurii kees nama namaaf hin naaneef hin kennineef;
akkasumas qabeenya kee ormatu nyaata;
dadhabbiin kees mana alagaa badhaasa.
Dhuma jireenya keetiitti,
yeroo foonii fi dhagni kee dhumutti ati ni aadda.
Atis akkana jetta; "Ani akkamittin adabamuu jibbee!
Garaan koos akkam sirreeffamuu tuffate!
Ani barsiistota kootiif hin ajajamne
yookaan qajeelchitoota koo hin dhaggeeffanne.
Ani waldaa guutuu gidduutti
qarqara badiisaa gaʼeen ture."
Isheen miidhagduu akka borofaa, bareedduu akka gadamsaa ti;
harmi ishee yeroo hunda sitti haa tolu;
yeroo hunda jaalalli ishee si haa boojiʼu.
Yaa ilma ko, ati maaliif ejjituudhaan boojiʼamta?
Maaliif bobaa niitii nama biraa hammatta?
Namni niitii nama biraa wajjin ciisus akkasuma taʼa;
namni ishee tuqu kam iyyuu utuu hin adabamin hin hafu.
Namni sagaagalu qalbii hin qabu;
namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
Namni sagaagalu qalbii hin qabu;
namni waan akkasii hojjetu ofuma galaafata.
Qoodni isaa dhaanamuu fi salphachuu dha;
qaaniin isaa yoom iyyuu isa irraa hin haqamu.
Hinaaffaan aarii dhirsaa kakaasaatii;
inni yeroo haaloo baʼutti dhiifama tokko iyyuu hin godhu.
Inni beenyaa tokko illee hin fudhatu;
hammam baayʼatu iyyuu inni mattaʼaa ni dida.
Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;
niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata;
Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa,
golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
Niitii amala gaarii qabdu eenyutu argachuu dandaʼa?
Isheen lula diimaa caalaa gati qabeettii dha.
Bíblia e casamento
Deus abomina o divórcio. A aliança matrimonial é reflexo da aliança de Deus com seu povo — sagrada e eterna.
Waaqayyo tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.
"Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba" jedha Waaqayyo Waaqni Israaʼel; "Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba" jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.
Warra Hin Amanneen Walitti Hin Camadaminaa
Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?
Fedhiin Waaqaa akka isin qulqullooftanii dha; kunis akka isin halalummaa irraa fagaattaniif; tokkoon tokkoon keessan akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina qabeessa taʼeen dhagna keessan eeggattan beekuu qabdu; kunis akka ormoota Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin taʼin;
Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.
akkanumas seerri ejjitootaa fi dhiirota dhiira wajjin sagaagalaniif, warra garba daldalanii fi warra soba dubbataniif, warra sobaan dhugaa baʼanii fi warra barsiisa dhugaatiin morman hundumaaf akka tumame ni beekna;
Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu,
Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba.
Jaarsi tokko kan mudaa hin qabne, dhirsa niitii tokkittii, kan ijoolleen isaa amananii jireenya gad dhiisiitii fi ajajamuu diduun maqaan isaanii hin badin taʼuu qaba.
Namni dhiʼeenyatti niitii fuudhe tokko lafa waraanaatti hin ergamin yookaan akka hojii biraa hojjetu hin dirqamin; inni waggaa tokkoof mana ofii isaa haa turu; niitii isaas haa gammachiisu.
Namni tokko erga niitii fuudhee booddee yoo waan fafaa ishee irratti argee ishee jibbe, inni waraqaa ragaa hiikkaa barreessee itti kennuudhaan mana isaatii baasee ishee haa geggeessu.
Rakkina Gaaʼela Keessatti Uumamu
Yoo namni tokko niitii fuudhee erga ishee wajjin ciisee booddee ishee jibbee, ishees qaanessee maqaa balleessuudhaan, "Ani niitii tana fuudheera; garuu yommuu ani ishee wajjin ciisetti waan durbummaa ishee mirkaneessu hin arganne" jedhee, abbaa fi haati intalattii ragaa durbummaa ishee mirkaneessu balbala irratti maanguddoota magaalattiitti haa dhiʼeessan. Abbaan intalattiis maanguddootaan akkana haa jedhu; "Ani intala koo nama kanatti heerumsiiseera; inni garuu ishee jibbe. Maqaa ishees balleessee, ‘Ani intala kee durbummaa isheetiin hin arganne’ jedhe. Garuu ragaan durbummaa intala kootii mirkaneessu kunoo ti." Kana irratti abbaa fi haati ishee fuula maanguddoota magaalattii duratti wayyaa sana haa diriirsan;
" ‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa.
" ‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
" ‘Yoo namni niitii nama biraa wajjin jechuunis niitii ollaa isaa wajjin sagaagale namichi sagaagalee fi niitiin sagaagalte sun haa ajjeefaman.
" ‘Yoo namni akkuma dubartii wajjin ciisutti dhiira wajjin ciise lamaan isaanii iyyuu waan jibbisiisaa hojjetaniiru. Isaan haa ajjeefaman; dhiigni isaanii matuma isaaniitti deebiʼa.
" ‘Luboonni sababii Waaqa isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban.
" ‘Dubartiin inni fuudhu durba taʼuu qabdi. Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu;
Exemplos bíblicos
O Cântico dos Cânticos celebra o amor conjugal. A Bíblia honra o casamento em toda a sua beleza e profundidade.
Akkuma chaappaatti laphee kee irra,
akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu;
jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii;
hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha.
Inni akkuma ibidda balaliʼuu,
akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa.
Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu;
lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu.
Namni tokko qabeenya mana isaa hunda
yoo jaalalaaf kenne
qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
Michoota
Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu;
lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu.
Namni tokko qabeenya mana isaa hunda
yoo jaalalaaf kenne
qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
Michoota
Yaa jaalallee ko, ati guutumaan guutuutti bareedduu dha;
ati mudaa tokko illee hin qabdu.
Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee
kanneen lakkuu dhalatanii daraaraa keessa dheedanii ti.
Yaa obboleettii ko, yaa misirrittii ko, ati qalbii koo hatteerta;
ati milʼuu ija keetii tokkoon,
faaya morma keetii tokkoon qalbii koo hatteerta.
Harki isaa bitaa mataa koo jala jira;
harki isaa mirgaa immoo na hammata.
Inni dhungoo afaan isaatiin na haa dhungatu;
jaalalli kee daadhii wayinii caalaatii.
Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
Isaan sababii hojii isaaniitiif gatii gaarii waan argataniif
nama tokko irra nama lama wayya:
Yoo inni tokko kufe,
inni kaan ol isa qaba.
Garuu namni kufee kan ol isa kaasu hin qabne
garaa nama nyaata!
Yoo namoonni lama wajjin ciisan itti hoʼa;
nama tokko garuu akkamitti kophaa isaa itti hoʼuu dandaʼa?
Namni tokko moʼatamuu dandaʼa;
namoonni lama garuu of irraa deebisuu dandaʼu.
Funyoon foʼaa sadiin foʼame dafee hin citu.
Juízo e restauração
O Senhor é testemunha do pacto conjugal. Casamentos quebrados podem ser restaurados pelo poder e graça de Deus.
"Yaa saba amantii hin qabne, deebiʼaa" jedha Waaqayyo; "ani dhirsa keessaniitii. Ani magaalaa tokko irraa nama tokko, balbala tokko irraa nama lama filadhee Xiyoonitti isin nan fida.
Niitii fi Ijoollee Hooseʼaa
Yeroo Waaqayyo karaa Hooseʼaatiin dubbachuu jalqabetti Waaqayyo akkana isaan jedhe; "Sababii biyyattiin Waaqayyo irraa gortee yakka sagaagalummaa guddaa isaa hojjetteef ati dhaqiitii niitii sagaagaltuu fi ijoollee hin amanamne ofii keetiif fudhadhu."
Adabamuu fi Haaromfamuu Israaʼel
"Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa;
isheen niitii koo mitiitii;
anis dhirsa ishee miti.
Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu;
amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Sababii ati qabeenya kee dhangalaaftee michoota kee wajjin sagaagalummaa baayʼisuudhaan qullaa kee dhaabatteef, sababii waaqota kee jibbisiisoo hundaatii fi sababii dhiiga ijoollee keetii isaaniif kenniteef, ani michoota kee kanneen ati isaan wajjin bashannante jechuunis warra ati jaallattus warra ati jibbitus walitti nan qaba. Ani iddoo hundaatii isaaniin sitti waamee fuula isaanii duratti qullaa sin dhaaba; isaanis qullaa kee hunda ni argu.
Waaqayyo garuu sababii niitii Abraam, sababii Saaraatiif jedhee Faraʼoonii fi warra mana isaa jiraatan dhukkuba hamaan dhaʼe. Kanaafuu Faraʼoon Abraamin ofitti waamee akkana jedheen; "Ati maal natti hojjette? Akka isheen niitii kee taate maaliif natti hin himin?
Aggaarii fi Ishmaaʼeel
Saaraan niitiin Abraam ijoollee isaaf hin deenye turte. Garuu isheen garbittii Aggaar jedhamtu tokko qabdi turte; Aggaaris nama biyya Gibxi turte; Saaraanis Abraamiin, "Kunoo Waaqayyo ijoollee na dhowwateera. Dhaqiitii garbittii koo wajjin ciisi; tarii ani karaa isheetiin ijoollee nan argadhan taʼaatii" jette.
Abraamis waan Sooraan jette fudhate. Erga Abraam waggaa kudhan Kanaʼaan keessa jiraatee booddee niitiin isaa Saaraan garbittii ishee Aggaar kan nama biyya Gibxi turte sana fuutee akka isheen niitii isaa taatuuf dhirsa isheetiif kennite.
Isaan keessaa tokko, "Ani dhugumaan bara dhufu keessa yeroo akkanaatti deebiʼee gara kee nan dhufa; niitiin kee Saaraanis ilma ni deessi" jedhe.
Yeroo sana Saaraan balbala dunkaanaa kan isa duubaan jiru keessaan dhaggeeffachaa turte. Abrahaamii fi Saaraan umuriin isaanii dheeratee dulloomanii turan; Saaraanis umurii itti mucaa daʼuu dandeessu dabartee turte. Kanaafuu Saaraan, "Ani erga jaaree bututee, gooftaan koos erga dulloomee booddee, gammachuu kana qabaachuu nan dandaʼaa?" jettee of keessatti kolfite.
Oonaan garuu akka ijoolleen dhalattu sun kan isaa hin taane beeke; kanaafuu akka obboleessa isaatiif sanyii hin dhaabneef jedhee yeroo niitii obboleessa isaa bira gaʼu hunda afeetaa lafatti dhangalaasa ture. Wanni inni hojjete sun fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture; kanaafuu Waaqayyo isas ni ajjeese.
Ergasiis Daawit niitii isaa Batisheebaa ni jajjabeesse; dhaqees ishee wajjin ciise. Isheenis ilma deesseef; maqaa isaas Solomoon jedhanii moggaasan. Waaqayyos isa ni jaallate;
Abiyaan garuu jabaachaa ni deeme. Innis niitota kudha afur fuudhee ilmaan digdamii lamaa fi dubara kudha jaʼa ni dhalche.
" ‘Yoo dubartiin utuma dhirsa qabduu karaa irraa gortee of xureessite yookaan yoo dhiirri sababii niitii ofii shakkuuf hafuurri hinaaffaa isa qabate, seerri hinaaffaaf kenname kanaa dha. Lubichi dubartii sana fuula Waaqayyoo dura dhaabee seera kana hunda ishee irratti haa raawwatu.
Ulfina Egeree Xiyoon
"Yaa dubartii dhabduu,
kan takkumaa hin daʼin, amma faarfadhu;
ati kan takkumaa ciniinsifattee hin beekin iyyii faarfadhu;
guddisiitii ililchi.
Ijoollee dubartii dhirsa qabduu caalaa
ijoolleen dubartii gatamtee ni baayʼatu"
jedha Waaqayyo.
Ani Waaqayyo itti guddaa nan gammada;
lubbuun koos akka malee Waaqa kootti gammaddi.
Inni akkuma misirrichi akka lubaatti mataa isaa miidhagfatu,
misirrittiin immoo faayaan of bareechitu sana,
wayyaa fayyinaa natti uffiseera
uffata qajeelummaa narra buuseeraatii.
Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;
"Yoo namni tokko cidha fuudhaa fi heerumaatti si waame, iddoo ulfinaa hin taaʼin; tarii namni si caalaa ulfina qabu tokko waamameera taʼaatii.
"Namni niitii isaa hiikee dubartii biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata; namni dubartii dhirsa ishee hiikte fuudhus ejja raawwata.
Hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Bishaan badiisaas dhufee hunda isaanii balleesse.
Yesuusis ol jedhee, "Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?" jedheen.
Isheenis, "Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre" jetteen.
Yesuusis, "Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin" jedheen.]) hin qaban yookaan iddoo biraa yookaan immoo wangeelota biraa keessa seensisan.
Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookaan obboloota yookaan obboleettota yookaan abbaa yookaan haadha yookaan niitii yookaan ijoollee yookaan lafa qotiisaa dhiise hundi dachaa dhibba ni argata; jireenya bara baraas ni dhaala.
Akkanas jedhan; "Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera.
Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.
Hojiiwwan fooniis beekamoo dha; isaanis halalummaa, xuraaʼummaa fi jireenya gad dhiisii, waaqota tolfamoo waaqeffachuu, falfala hojjechuu, jibba, aarii, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, wal loluu, gargar baʼuu, weennoo, machii, addaggummaa fi kanneen kana fakkaatan. Ani akkuman kanaan dura godhe sana akka warri waan akkanaa hojjetan mootummaa Waaqaa hin dhaalle isinin akeekkachiisa.
Niitiin kee mana kee keessatti,
akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;
ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,
akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
Dubartiin heerumte tokko hamma inni lubbuudhaan jirutti seeraan dhirsa isheetti hidhamteerti; yoo dhirsi ishee duʼe garuu seera fuudhaa fi heerumaa sana irraa hiikamteerti. Kanaafuu utuu dhirsi ishee lubbuudhaan jiruu yoo nama biraatti heerumte isheen ejjituu jedhamti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu waan seera sana irraa hiikamteef yoo nama biraatti heerumte illee ejjitu miti.
Haa taʼuu malee sababii ati dubartittii raajii ofiin jettu Iizaabelin calʼiftee ilaaltuuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba. Isheenis barsiisa isheetiin tajaajiltoota koo gowwoomsitee akka isaan halalummaa hojjetanii fi akka isaan nyaata waaqota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatan gooti.
Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.
murtiin isaa dhugaa fi qajeelaadhaatii.
Inni sagaagaltittii guddoo,
ishee sagaagaltummaa isheetiin lafa xureessite sanatti mureera;
dhiiga garboota isaatiifis isheetti haaloo baʼeera."