Céu
O céu é a morada eterna de Deus e a esperança final do cristão. A Bíblia descreve o céu como lugar de glória, alegria e comunhão perfeita com o Criador.
A morada de Deus
Na casa de meu Pai há muitas moradas. Os céus declaram a glória de Deus — e um dia habitaremos lá eternamente.
Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu;
bantiin samiis hojii harka isaa labsa.
Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,
halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.
Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo,
Uumaa samii fi lafa sanaa ti.
Ani samii keessaa eenyunan qaba?
Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
Jalqabatti Waaqni samiiwwanii fi lafa uume. Lafti kan bifa hin qabnee fi duwwaa turte; dukkannis tuujuba irra ture; Hafuurri Waaqaas bishaan irra sosochoʼa ture.
inni darbii isaa ol dheeraa samii irratti ijaarratee
hundee isaa lafa irra dhaabbatu,
inni bishaanota galaanaa waamee
fuula lafaa irratti gad roobsu sun
maqaan isaa Waaqayyo.
"Namni tokko iyyuu akka ani isa arguu hin dandeenyeef
iddoo dhoksaa taʼe dhokachuu ni dandaʼa?"
jedha Waaqayyo.
"Ani samii fi lafa illee nan guuta mitii?"
jedha Waaqayyo.
"Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
Cidadania celestial
A nossa cidadania está nos céus. Ajuntai tesouros no céu, não na terra. O céu é a pátria do cristão.
Nu garuu biyyi keenya samii irra. Fayyisaa achii dhufu, Gooftaa Yesuus Kiristoos eegganna;
"Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.
Yesuusis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii" jedhe.
Yesuusis, "Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; samii keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedhee deebiseef.
Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa.
Esperança eterna
Seremos arrebatados para encontrar o Senhor nos ares. Ainda não se manifestou o que havemos de ser — mas seremos semelhantes a Ele.
Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna.
Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Waaqaa ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna. Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame.
Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii.
Nu waan tokko illee gara addunyaatti waan hin fidiniif, waan tokko illee addunyaa keessaa fudhachuu hin dandeenyu. Garuu waan nyaannuu fi waan uffannu qabaannaan nu gaʼa.
"Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,
karaan koo karaa keessan irraa,
yaadni koos yaada keessan irraa ol fagoo dha.
Wanni hundinuu yeroo qaba;
hojiin samiidhaa gaditti hojjetamu hundis waqtii qaba:
Namni qullaadhuma isaa gadameessa haadha isaatii baʼa;
inni akkuma dhufetti deebiʼee deema.
Inni waan itti dadhabe keessaa
waan tokko illee harkatti qabatee hin deemu.