Publicidade

Comunhão com os irmãos

Por Bíblia Online

A comunhão com os irmãos é marca da igreja verdadeira. Os cristãos primevos perseveravam na comunhão — partindo pão, orando e encorajando-se mutuamente.

Comunhão verdadeira

Perseveravam na doutrina dos apóstolos e na comunhão. A comunhão autêntica envolve amor sacrificial e acolhimento mútuo.

Worri hedduun waan inni jedhu dhugeeffatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane. Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma’aan le’aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.

Jireenna Dhugeeffattootaa

Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujamiisatti jiruuf, martinuu soda’aan guutamane. Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane. Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane. Guyyaa guyya’aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle’etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu’uun areerrataa, Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaayyu. Goottaalle guyyuma guyya’aan worra fayyanu isaanitti dabale.

Jaalalaa fi hujii dansa’aan dammandhee akka leenuuf, kowa’a wolii yaadannaa. Yennaa mara wolitti qabamaa wol jajjabeessinuuti malee, akkuma worri gariin lakkisiisa barate, wolitti qabamiisa me lakkinnuu ti; guyyaan dhufiisa Gootta’aa akka dhikaate qaabataa waan kana irra caalaa godha’a.

Jaalala Kolbaa Waaqaa
Faaruu Daawitii Ta Ittiin Ol Bayanu

Kolbaan Waaqaa

tokkumma’aan yennaa woliin leetu,

attam attam dansa’a;

attam attam nama gammachiisa!

Tokkummaan tun

akka zayitii ejersaa ta gatii guddo’oo

ta mataa irraa areeda irra gad yaatu,

areeda Aaronii irra,

haga handaara woyaa isaa gad yaatuu ti.

Tokkummaan tun

akka fixeensa gaara Hermoonii,

ka gaarota Xiyoonii irratti bu’uu ti;

eebbi jiruu bara baraa

achi irratti akka dhaggamu

Mootiin Waan Maraa ajajeera.

ka haasowa mi’aawaa woliin haasowaa,

kolbaa woliin,

gara mana Waaqaa ideenne.

Eloo ifiitiif bu’aa dansaa waan dhaggatanuuf, tokko te’uu irra lama te’uu woyya. Tokko yoo jige, kuun ol kaasa; yoo jige, ka ol isa kaasu, nama hin qanneef ammoo aanne’e. Nami lama yoo woliin rafe, wol hin o’isa; nami tokko attam qofuu ifi o’isuu dande’a ree? Nami tokko nama qofuu jiru injifatulle, nami lama ifi irraa dhooggatuu dande’an. Wodaroon sadiin dhowante ariifattee hin cittu.

Amor fraternal

Amai-vos com amor fraternal sincero. Encorajem-se mutuamente e carreguem os fardos uns dos outros.

Isin dhuga’aaf ajajamiisaan ifi qulqulleessitanee, worra dhibiille jaalala dhuga’aatiin jaalattaneertan; maarre gadhaa tokkochaan guddisa’aa wol jaaladha’a.

Adoo hin gungumin keessummummaa wol fudhadha’a.

Akka obboleeyyanii o’isaaatii wol jaaladha’a; ulfinna woliif kenniisaaf wol doggoma’a.

Fakkeenna Te’iisa Ifi Gad Qabuu Kiristoosii

Kiristoosiin jabeenna, jaalala isaatille’een jajjabeenna, Ayyaana Woyyicha wolille’een tokkummaa yoo qabaattane, mararti’ii fi gadhi-laafummaa woliif yoo mudhittane, yaada tokko te’iisaan, jaalala tokko qabaatiisaan, ayyaanaa fi kaayo’oon tokko te’iisaan gammadi kiyya guutuu akka te’u tolcha’a.

Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.

Akkuma Waaqi karaa Kiristoosiitiin isiniif araarame, woliif araarama’a, woliif arjooma’a, gadhaalle woliif laafa’a.

Obboleeyyan tiyya, isin bilisumma’aaf waammantaneertan; jaalalaan wol tajaajila’a malee, bilisummaa teessan tana halchaa foonii muummeffatiisaaf karaa dagu’uu hin godhatina’a!

Maarre akkuma amma godhiisatti jirtanu, wol jajjabeessaa wol ijaara’a.

Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu. Ammoo akkuma inni ifa keessa jiru, nuutille ifa keessa yoo deddeebine woli woliif tokkummaa qanna; dhiigi Ilma isaa ka Yesuusii, cubbuu teenna mara irraa nu qulleessa.

Nageya Muumme’ee

Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee’aa; leetoo teessan sirreeffadha’a; gorsa kiyya dhage’aa; wolii gala’a; nageyaan le’aa; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.

Ani ajaja haareya isinii kenna: Wol jaaladha’a. Akka ani isin jaaladhe, isinille wol jaaladha’a.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-28_14-13-17-